Mada’aa: Sirna bulchiinsa dimokiraatawaa Affaar -Obbo Ibraahiim Sayid Mohaammad

Ummanni Affaar akkuma ummata Oromoo sirna bulchiinsa dimokraatawaa ittiin walhogganu, waladabu, murtii itti dabarsuufi aangoo  itti walharkaa fuudhu ‘akkuma ummanni Oromoo sirna Gadaa qabu isaanis ‘Mada’aa’ qabu. Ummattoonni lameen  kun bulchiinsa sirna dimokraatawaa ittiin hogganaman qabaachuun isaanii walisaan fakkeessuurra darbee  ilmaan haadha tokkoo ykn ijoollee Kuush ta’uusaanii kan ragaan bahuudha.

Sirni Gadaa akkuma bulchiinsa dimokiraatawaa ummata Oromoo ta’e, Mada’aanis bulchiinsaafi mallattoo eenyummaa ummata Affaar ta’uusaa maanguddootni ni ibsu. Kanuma ilaalchisee Gaazexaan Bariisaa jaarsa biyyaa Affaar qarqara laga Awaash jiraatan  Obbo Ibraahim  Sayid Mohaammad waliin gaafdeebii  taasise akkaataa armaan gadiin isiniif dhiyeesseerra.

Bariisaa: Mada’aa jechuun maal jechuudha?

Obbo Ibraahiim: Mada’aa jechuun sirna bulchiinsa dimokraatawaa sabni Affaar ittiin walbulchuufi aangoo dabareen ittin waljijjiirudha. Kunis sirna Gadaa wajjin kan walfakkaata.

Oromoofi Affaar ilmaan haadha tokkoo ijoollee kuush akkasumas madda dhala  namaa dachee argama  Luusii waan ta’aniif  sirna  uumamaan badhaafaman qabu. Sirna Mada’aa keessatti namni badii dalage tokko akkaataa badiisaan hoggantoota sirnichaan kan adabamuudha.

Bariisaa: Mee Afaan keessan dammaan qabe!  Sirni Gadaa Oromoo Abbaa Gadaan hogganama , sirni Mada’aa hoo?

Obbo Ibraahiim: Sirni bulchiinsa Mada’aa aanga’oota Dardaar ykn Sulxaan jedhamaniin kan hogganamu yoo ta’u,  hojii raawwachiistota garagaraafi dura bu’oota gareewwanii ykn  Kidu Habbuuktii jedhamaniin gaggeeffama.

Bariisaa: Sirna dimokraatawaa Mada’aan namni badii dalage akkamiin adabama?

Obbo Ibraahiim: Murteen sirna Mada’aan darbu daran ulfaataa yoo ta’u,  nama badii dalage callisanii bira darbuun hindanda’amu. Tarkaanfiin sirna kana keessatti namoota badii dalaganirratti fudhatamus haa hafuu hinqabu. Sababnisaas yeroo hunda haa hafuutiin kan bira darbamu yoo ta’e namni badiisaarraa deebi’uu waan hindandeenyeef murteen kutannoo qabuufi abbicha jiilchutu fudhatama.

Bariisaa: Sirni kanaan namoota badii akkamii dalagantu adabama?

Obbo Ibraahiim: Nama hate, nama ollaatti darbe, nama qaama namaa hir’ise, adabbiin madaalawaa ta’e itti kennama. Ulfaatina sirnichaarraa kan ka’e namni walkabajee mirgasaas kan kaawwanis eeggatee jiraata.

Bariisaa: Nama lubbuu balleesserratti tarkaanfiin fudhatamu maal fakkaata?

Obbo Ibraahiim: Nama lubbuu baase miti qeensa namaayyuu cabsinaan adabbii madaalawaa kennuun seera Mada’aati.Namni lubbuu baase gaala kudha lamaa hanga digdamaafi qarshii kuma 100 akka adabamu taasifama.

Bariisaa:  Kun nama adabamu sanatti hinulfaatuu ree?

Obbo Ibraahiim: Gaalliifi qarshiin kuma 100  lubbuu dhala namaa wajjin gonkumaa wal hinmadaalu.  Kanaaf qabeenya hinqabu  taanaan humnasaa ilaalee of sassaabee akka taa’uuf kan daangessudha.

Bariisaa: Hangi Gaalaafi  adabbiin maallaqaa   beenyaaf kaffalamu dhaabbataadha moo walcaala?

Obbo Ibraahiim: Beenyaan kaffalamu garaagarummaa guddaa qaba. Keessumattuu nama lubbuu  baaserratti akkaataan ajjeechaa kana itti raawwate erga qoratameen booda adabbiinsaas akka darbu ta’a. Fakkeenyaaf,  haala suukanneessaan lubbuun dhala namaa sun yoo baheera ta’e adabbiin qarshiis ta’e Gaalaa ilaalamee akka dabalamu ta’a.

Kenniinsi murtee kun osoo hindarbiin dura garuu afaan Affaariin jaarsoliin biyyaa  “Isiim” jedhaman maatii firri jalaa miidhame bira deemanii jajjabeessuun tarkaanfiin akkamii akka irratti fudhatamuufii qabu gaafatu.

Bariisaa: Maatii firri jalaa ajjeefame gumaan baafadha yoo jedhe murteen Isiim maal ta’a?

Obbo Ibraahiim: Akkaataa sirna Mada’aatiin  maatiin firri jalaa ajjeefame filannoo gumaa baafachuu ykn beenyaa fudhachuu gaafachuuf mirga guutuu qabu. Kun kan ta’eefis haalli namichi itti ajjeefame daran suukanneessaafi gara jabummaan yoo ta’e murteen gumaa baafachuu itti darbuu danda’a.

Namni lubbuu kana baases ija ummataa jalaa dhokatee jiraachuu hindanda’u. Haata’u garuu murteen gumaa baafachuu kun karaa Dardaarotaa ykn Sulxaanotaa darbee hinbeeku. Seericha keessatti akka filannootti ta’uunsaa namni walkabajee walsaalfatee akka jiraatu kan taasisu waan ta’eefidha.

Bariisaa: Ummanni Affaar saba walkabajee jiraatudha. Ummattoota ollaaa wajjin walkabajee jiraachuurratti hoo maal fakkaata?

Obbo Ibraahiim: Akkaataa seera Mada’aa kanaan  Sabni Affaar sabasaaf  saba biraa qoodee ilaalee hinbeeku. Ummata Oromoo yoo fudhattee ilaalte Affaar waliin sanyiifi hortee tokkodha.

Lamaanuu ijoollee Kuush waan ta’aniif Affaariifi Oromoo Karrayyuu adda baasuun ulfaataadha.Walfuudhanii walirraa horaniiru, anuu  haatikoo intala Oromtichaati. Nama keenya osoo hintaane  Looniifi  Gaalli  keenyallee walmakanii walkeessa  oolu. Saboonni dimokraatawaa lameen kun gaddaaf gammachuu walii hirmaachaa jaarraa hedduu lakkoofsisaniiru.

Bariisaa: Affaariifi  Oromoon  daangaarra waliin jiraatan darbee darbee qabeenya uumaamaarratti walitti bu’aa har’a gahan. Akkamiin furaa turtan?

Obbo Ibraahiim: Qabeenya uumamaa kan akka bishaan, lafa dheedichaafi  qonnaarratti waljifachuun inuma jira. Kunimmoo lola obbolaan garaa tokko keessaa bahe wallolurraa wanti adda isa taasisu hinjiru. Ta’us, waldhabdee gamlameen dhalate kana osoo sanyii jaarsolii hinfo’iin  warruma bakkicha jiraniin dubbiinsaanii akka furamu taasifama.

Jaarsi filatame Oromoodha ykn Affaaridha jedhee kan didu takkaa hinmul’atu. Kunimmoo saboonni lameen tokko ta’uusaanii kan ibsudha.Yeroo dhiyoo as garuu walitti bu’iinsa sasalphaa akkasii namoota dhuunfaa gidduutti mudatu akka sanyummaan walqoodanii wallolaniitti kanneen kaasan hedduudha. Kun sirrii miti.

Bariisaa: Lolli sanyummaa maqaa dhahatee ka’u hinjiruu laata?

Obbo Ibraahiim: Walitti bu’iinsi qabeenya uumamaa wajjin walqabatee mudatu duruu jira. Kunimmoo rakkoo sanyummaati jedhamees hinbeeku.  Kana malees Affaariifi Oromoo Karrayyuu adda baasee walloluu hindanda’u. Sababnisaa gaa’ilaafi dhiigaan, akkasumas aadaan walhidhee walkeessa waan jiraatuuf lolli mudate jedhamu lola namni kamiyyuu walloludha  malee kan biraa miti.

Namni jiraattota qarqara laga Awwaash lameen ilaale Affaariif Oromoo Karrayyuu adda baasuu hindanda’u.  Aadaa uffataa walfakkaatu, dhiiraaf dubaraan aadaa mataa itti filatan, sirna bulchiinsa walfakkaatuufi afaan lamaansaa waan danda’aniif dhiigaanis walmakanii waan jiraniif fo’anii ilaaluun hin danda’amu.  

Kan miidiyaaleen walharkaa fuudhanii hafarsaa turanis soba dhugaarraa fagaatedha. Waldhabdee namoota dhuunfaa gidduutti uumame kana jaarsummaan furaa turre kanneen waldhabdee kana babal’isuuf yaalantu lola sanyummaa fakkeessee ololaa ture.

Lola sanyummaati jedhanii odeessanis Oromoofi Affaar ilmaan Kuush  waan  ta’aniif lola sanyummaa waan jechisiisu miti. Sirni  Mada’aaf Gadaa ilmaan haadha tokkoo walkabajanii walmararfatanii akka jiraatan isaan taasiseera jechuun ni danda’ama.

Bariisaa:Yeroo keessan aarsaa gootanii gaafdeebii nawaliin taasistan kanaaf guddisnee isin galateeffanna!

Obbo Ibraahiim: Isinilleen aadaa sirna bulchiinsa dimokraatawaa Affaar (Mada’aa)  gurra uummataan nuuf gahuuf tattaaffii taasistaniif ulfaadhaa, gurraafi  ija ummataa nuuf ta’aa isiniin jenna!

Waasihun Takileetii

Suurri Gabaaboo Gabreetiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

2 Comments to “Mada’aa: Sirna bulchiinsa dimokiraatawaa Affaar -Obbo Ibraahiim Sayid Mohaammad”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *