Bulee Horaa maaliif jedhame?

Maqaafi  wanti jedhameef  walitti dhufeenya qabaachuu haa baatan malee maqaan namaa, magaalaa, iddoofi  waan hundumtuu  sababa malee hin moggaafamu.

Maqaawwan hunda duuba sababootaafi  hiikkoo mataasaanii danda’antu jiru waan ta’eef nutis maqaa iddoowwan garaa garaa duuba sababa moggaafamaa qorachaa isiniif dhiheessuuf dirqamneerra.

Maaliif jedhamee torbee kanaatiin immoo sababa moggaasa Magaalaa Bulee Horaa isiniif dhiheessina.

Magaalichi waggoota dheeraaf maqaa ‘ Hagara Maariyaam’ jedhamuun waamamaa turus  booda garuu gara maqaa Bulee Horaa jedhamutti geeddarame. Akka manguddoonni magaalichaa himanitti Bulee Horaan hiikka lama qaba. Inni jalqabaa namni naannoo sana qubate waan hunda ni hora jechuu yemmuu ta’u inni, lammataa immoo hora ykn laga Bulee jedhamu magaalattii keessatti argamurraa maqaa dhufe akka ta’eedha kan himamu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

One Comment to “Bulee Horaa maaliif jedhame?”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *