Erga lafa saamamnee qotiyyoo qeeraatti oofna

Harki barootaaf qotee midhaan gosee galaana fakkaatu galchee beela’aa beela baasuufi jiraachuu Itoophiyaatiif bu’uura ta’aa ture, dacheen maccaafi tuulamaa har’a of harkaa dhabee harka ilaaluutti yoo taa’u afaan nama qabachiisa. Oromoon kaleessa qotee dilbii galchuun sabaafi sablammoota Finfinnee keessa jiraataniif abbaa biddeenaafi abbaa harmaa ta’aa ture lafasaa saamamuun waan irra jiraatuufi waan qotatu dhabuurra darbee qotiyyoosaa gara dhaabbata qalmaa ykn qeeraatti oofuutti ka’eera.

Lafti kaleessa misooma magariisaan guutamee manneen citaatiin miidhagee qalbii namaa hawachaa ture buqqa’ee gamoowwan dhedheeroon irratti ijaaramuun mana citaa qonnaan bulaa naannawichaa jiguuf duufaa jiran najala deemi jedhanii kan sodaachisan fakkaatu.

Harki Oromoo guutuudha, hir’uu safaree hinbeeku, saba simachuufi guddisuu beekuudha. Kun ta’us afaan banamee oromoorraa nyaachaa ture oolee bulee Oromoo nyaachuuf kan ka’e fakkaata.

Oromoon kaleessa abbaa qe’ee abbaa lafaa, abbaa loonii ture midhaan ifaajee galchaa ture kaan nyaatee kaan immoo rakkoosaa itti bahuuf gurguree lafa sanyii itti baafatu dhabee sanyii qofatu isa harkatti hafe, sanyii nyaachuun abaarsa ta’uu beekee lafa sanyiisaa itti facaafatu dhabee Oromoon jireenya daandiif saaxilame kumaatama. Lafti duwwaa ija irra boqochiifatan lafa gabaa qofa. Lafti gabaa hinqotamu. Maaliree rakkoon Oromoo?

 Maali kan sanyii isa baachisee daandiitti isa baase? sanyii baatee deemu kana nyaatamoo gurgara laata? jechuun hinoolu. Saamicha lafaa kanaan waliin walqabatee Oromoon naannawa Finfinnee jiraatu qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’aa ture kumaatama. Haalli kun ammoo yaaddoo egeree dhalootaa ta’aa dhufuusaatiin mormii diddaa maastar pilaanii gaggeeffamaa tureen wareegama qaalii hedduun booda akka dhaabatu ta’uun ni yaadatama.

Kun ta’us shira dukkanaa’aa xaxamaa tureen walqabatee daangaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Fifninnee keessatti manneen kondominiyeemii lafa jala babal’achaa turan raabsamuuf jiru oduun jedhu miidiyaaleen erga bahuu jalqabee gumgummiin ka’aa jiru qaqawweessa rooba jandoon walmakee bu’uuf jiru fakkaata.

Kun kan ta’eefis qonnaan bultoonni godinichaa bakka Koyyee Faccee, Boolee Arraabsaafi Tulluu Diimtuu seeraan ala ijaarsi manneen kondominiyeemii lafasaaniirra qubachuusaatiin lafa qotan dhabuun qotiyyoo gara qeeraatti oofuuf akka jiran himamaa jira.

Daangaan manneen kondominiyeemii kunneen keessa jiran erga kan Oromiyaa ta’ee qaamni biraa keeessa seenee hiruus ta’e hirmaachuu akka hinqabne kan himan qonnaan bultoonni mirgi abbaa qabiyyummaa kabajamuufii akka qabu iyyaa jiru. Iyya kana akka dhageessisaniif kan isaan taasise kaleessa qeerroofi qarreen dhimma kanaaf du’aa turuu qonnaan bultoonni yoo himan, dhimmi kun Oromoof dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta’uusaatiin gamanumaa komiin akka ka’u taasisaa jira.

 Akka ibsa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa bahaa jiruutti taanaan carraan dursaa qonnaan bultoota laficharraa buqqa’aniif oola jedhamus bulchiinsi magaalichaa qabeenya naannawichaarratti harka galfachuun mataansaa sirrii akka hintaane buqqatonni yoo komatan, osoo isaan hin mariisisiin tarkaanfiin fudhatamuuf deemu daangaa seeraa qabaachuu akka maluudha kan dubbachaa jiran.

Qeerroofi Qarreen Magaalaa Finfinnees ibsa bilbilaan OMNf kennaa turaniin sosochiin manneen kondominiyeemii kana jiraattota Magaalaa Finfinneef hiruuf adeemamu kun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ummata buqqa’ee waan ta’eef xiinxalli gadi fagoon akka barbaachisuudha kan himan.

Qonnaan Bulaan Oromoo jireenya bal’aa lafa qonnaarratti dabarsaa asiin gahe kun lafa qotatu dhabuun sangaasaa qeeraatti oofuun, maatiisaa bittimsuun, kaan lafasaarratti waardiyyummaam mindeeffamuun ergamaa ta’aa yoo bulu, kaan immoo jireenya daandiirraatiif saaxilameera.

Dhimmi qonnaan bultoota kanneenii xiyyeeffannoo argachuun kan irra jiraatu yoo ta’u, gochi saamicha lafaa maal nadhibdeen raawwachuuf jiru kun seenaan kan nama gaafachiisu ta’uu beekuun barbaachisaadha. “Erga manakoo gubdanii daaraasaa naaf kennaa” jette jaartiin akkuma jedhamu Oromoon qe’eefi qabeenyasaarraa erga buqqa’ee gamoon mana citaa dhiibbatu erga lafasaarraa qubatee mirgi abbaa qabeenyummaa beekamtii seeraa qabu (‘Green Card’) qonnaan bultootaa kabajamuun irra jiraata.

Lafa kanaaf jecha Oromoon ilmaansaa itti aarsaa kaffalus, tarkaanfiin aarsaa kanaafi daangaa seeraa darbuun lafa qonnaan bulaarratti fudhatamuuf adeemamu kun kan jajjabeeffamu fakkaatee hinmul’atu. Dhimmi lafaa lafee dugdaa oromooti jechaa waggoota dheeraaf labsamaa turus xiyyeeffannoon saamicharratti taasifamaa jiru kun laafaa ta’uu sosochii ammaan tana taasifamaa jirurraa hubachuun nidanda’ama. Saamicha lafaa wajjin walqabatee ilmaan Oromootaa abdii of harkaa dhabuun faffaca’anii jireenya daandii wal’aansoo qabuutti kajiranille mootummaa naannawichaa kan taajjabsiisaniidha.

Hoteelota guguddoo magaalattii, kaafeewwan bebbeekamoo Finfinnee, akkasumas wiirtuulee daldalaa gara garaa keessatti Oromoon waardiyyummaan mindeeffamee daddarbatamaa jireenya gadadoo wal’aansoo qabaa jiru hedduu nama gaddisiisa. Otoo kan kaleessaatiif boa’amaa jiruu ammas mardoo himuun kun maal jedhama laata? Akeekkataa, safeeffataa haqa qonnaan bultootaatiif dirmataa fakkaatanii qabeenya dhalootaan dhaalamuu qabu dhala ormaa dhaalsisuun abaarsa. Kanaafuu fakkaata geeraraan kan akkas jedhee aariisaa cabsate.

Yaa qamalee yaa gugee eessabbaakee seentaaree mukti ciramee dhumee, yaa qal’oo maal malanna gamoon nutti naannahe lafti qotamu dhibe. Sanyii nyaachuun abaarsa egaa eessa dhaqannaa? lafti gabaa hinqotamu mee maluma falanna? erga lafa saamamnee sangaa qeeraatti oofna. Godoon keenya isheen durii kan ilmoo sagal baattu gamoo of cinaa ilaaltee, duufte akka waan jigduu. Maliif jigdi godoonkoo humna ijoollummaan jaaree dhaala abbaankoo naaf kenne halagaatu saamaaree Nan falmadha itti bahee lama du’uun jiraaree.

Oromoon sirnoota darban mara keessatti dhimma lafasaaf jecha ari’atamaa,magaalaafi lafasaarraa buqqifamaa, gaaga’ama jireenya deegaaf akka saaxilamu taasifamaa dhufuunsaa dhaala ta’ee har’allee kan itti fufe ta’aa waan jiruuf daangaa qabaachuu qaba. Qonnaan bulaan Oromoon lafa qotu dhabee sangaasaa qeeraatti qajeelche kun egereensaa maal akka ta’u gamanumaa beekuun fayyadamummaasaaf dursa kennuun yeroo fudhachuu hinqabu.

Walumaagalatti gurra muranii taphadhaa jechuurra ummanni qabeenya ofiirratti mirga abbummaa seeraan argate akka kabachiifatuuf deeggarsi mootummaa barbaachisaa yoo ta’u, hojiin maal nadhibdeen raawwatamu garuu olaantummaa seeraa kan faallessu waan ta’eef xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha.

Barisaa Guraandhala 29/2011

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *