“Oromoon kanaan booda rasaasa bilisummaaf dhukaasuu hinqabu” – Obbo Hayilee Gabree

“Ilmaan keenya bosona keessa jiran nutti makamanii nu haa eegan”- Obbo Baqqalaa Garbaa

Amajjii 16 guyyaa Oromoo biratti adda taateefi abdii ifaa gonfachiifteedha. Akkasumas, sirni Gadaa hammam Oromoo biratti kabajaafi fudhatamummaa akka qabus kan itti mirkanaa’eedha. Bakka ka’umsa qabsoo kan taate Amboonis guyyaa seena qabeessa kana ilmaan Oromoo bakkawwan garagaraarraa baba’an walitti fiduun haala bareedaan kabajdeetti.

Guyyichatti hirmaattonni bakka addaddaatii dhufan galma Yunvarsiitii Amboo keessatti walittiqabamaniiru. Keessummoonni affeeramanis walduraa duubaan seenuun bakka qabataniiru. Abbootiin Gadaa, haadholiin siinqee, bakka buutonni mootummaafi paartiilee siyaasaa morkattootaa, artistoonniifi kanneen biroo jalqabamuu sagantichaa waan hawwiidhaan eegan fakkaata.

Araarri ABOfi mootummaa dhugoomuufis daandii qabate. Akka aadaa Oromtichaattti eebba maanguddootaan sagantchi baname. Waltajjiin araaraa kunis walta’iinsa Yunvarsiitii Amboofi dhaabbata mitmootummaa ‘Justice for all’ jedhuun qophaa’e.

Pirezidaantiin Yunvarsiitii Amboo Doktar Taaddaasaa Qana’aa kaayyoo waltajjichaa kan ibsan yoo ta’u, akkasaan jedhanitti, waltajjichi araarri, nageenyifi tasgabbiin Oromiyaa keessatti akka bu’uu yaadamee qophaa’e. Magaalaan Amboos akkuma bakka ka’umsa diddaa gabrummaa taate bakka xumura waldhabdeefi ka’umsa araaraa akka taatee agarsiisuufi.

Jijjiiramni abdachiisaa amma mul’achaa jiru kan argame qabsoofi aarsaa yeroo dheeraatiin ta’uu kaasanii, kanaanis jijjiiramoonni abjuudhaan illee hin yaadamne yeroo gabaabaa keessatti mul’achaa jiru jedhu. Kunimmoo akka laayyootti ilaalamuu akka hinqabneefi kunuunfamuu akka qabu hubachiisu.

Dogoggora sirna siyaasaatiin aarsaa kan kaffalu ummata ta’uusaatiin rakkoo jiru mari’achuufi sirna addunyaafiyyuu furmaata ta’uu danda’u, sirna Gadaatiin hiikuun kan nama gammachiisu ta’uu dubbatu.

Daarektarri ‘Justice for all’ Paastor Daani’eel Waldasillaasee gamasaaniin, “Oromoon onnee Itoophiyaati, yoo onneen nagaa hinqabaanneemmoo qaamonni hundi dhukkubsataa ta’aa. Kanaaf dirqama onneen wal’aansa argachuu qaba. Kanaaf Itoophiyaan nagaa akka taatuuf Oromiyaan dirqama nagaa ta’uu qabdi” jedhu.

Oromoon walii isaa mitii eenyuyyuu waliin nagaafi jaalalaan jiraachuu akka danda’u ani ragaadha kan jedhan daarektarri kun, yoo rakkoon jiraates sirna bareedaa ittiin hiikkatu waan qabuuf ammas rakkoo uumame sirnichaan hiikaa waan jiruuf kun kan jajamuufi galateeffamu ta’uu dubbatu.

“Macaafni Qulqulluu “Obboloonni waliin jiraachuun akkam gaariidha; attam namatti tolas” waan jedhuuf mootummaafi ABOn ammoo ijoollee abbaa tokkoo waan ta’aniif waliin jiraachuutu irraa bareeda. Kanaa booda sababa waldhabdee isaaniitiin Oromiyaa keessatti beelli, waraanniifi buqqa’uun hinta’u. Isaaniif jecha hayyuu osoo hintaane kormi qalamee nageenyi Oromiyaa bakkatti deebi’a” jedhu.

Walitti qabaan Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaa Gadaan duraanii Bayyanaa Sanbatoo Bariisaaf akka ibsanitti, araarri kun isa dhumaati. Kana booda Oromoon nageenya, misoomaafi abbaa biyyummaati kan barbaadu. Namni kana hinfudhanne yoo jiraatemmoo akka sirna Gadaatti akka abaaramuufi beekamtii abbootii Gadaa akkasumas ummata Oromoo ala ta’a.

Namoonni nageenyi Oromiyaa nagaa isaan dhorku as fakkaatanii achi fakkaatan ammoo kana booda abdii kutatanii sassaabbatanii taa’uu qabu malee Oromiyaa keessatti sichi xawalwaalummaan nama hinbaasu jedhu. Mootummaafi ABOn ammoo waliigaltee kanarra qaqqabuun isaanii dhugumaan ilmaan abbaa Gadaa ta’uusaaniifi ajaja abbootii Gadaatiin ala akka hintaane kanmul’isu ta’uusaatiin jarri lamaanuu galata guddaa ummata Oromoo biraa qabu jedhu.

Walitti qabaan Koree Teekinikii araaricha mijeessuuf hundaa’ee Obbo Hayilee Gabree gamasaaniin “Rasaasni qabsoo jalqaba Elemoo Qilxuu ykn Taaddasaa Birruutiin dhukaate har’a dhaabbatti; Oromoon kanaan booda rasaasa bilisummaaf dhukaasu hinqabu. Sichi qabsoon hidhannoo hinbarbaachisu. Ijoolleen keenya qabsoo hidhannootti ba’anii jiran ammoo nuuf ba’an waan ta’eef nutu galchata. Ijoolleen keenyas waan nuti jennu hindidan. Kanaafuu kana booda Oromiyaa keessa dhukaasni tokkoyyuu hinjiraatu” jechuun Oromiyaarratti nageenya labsaniiru.

Walittiqabaa ittaanaan korichaa, Obbo Baqqalaa Garbaa “Ofuma keenya walitti buunee ofuma keenyaaf utuu ormi nu gidduu hinseeniin rakkoo keenya hiikkanna. Kunimmoo guddummaa sirna Gadaa waan mul’isuuf ittiin boonuu qabne” jedhanii, nageenya ifaajjii olaanaadhaan argame hundu kunuunfachuufi eeguu akka qabu ibsu.

Koreen hundaa’ee bakka bu’oota Oromoo hundaa akksumas kan paartiilee lamaanii kan of keessatti hammateefi nageenya Oromiyaa bakkatti deebisuuf kan kaayyeeffate malee qaama kamuu waliin hidhata kan hinqabne ta’uu eeranuun, murtiin korichaas murtii ummataa ta’ee akka kabajamu dubbatu.

Haala kanaan korichi waraanni Oromiyaa keessaa yeroo dhumaatiif waraanni akka dhaabbatu labsee, ajaja baasuusaafi qaamni gama kamiinuu qajeelfamaafi ajaja darbe hinfudhanne garuu Oromoo keessa hinjiraatu, beekamtis hinqabu jedhu.

Haalli amma keessa jirru nagaadhaan qabsaa’uu gaafata malee rasaasa hindhukaasisu kan jedhan Obbo Baqqalaan, “kanaaf ilmaan keenya bosona keessa jiran nutti makamanii nu haa eegan” jechuun dhaamsasaanii dabarsu.

Barreessaan korichaafi xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammadis labsii qabxii ja’aa qabu ummataaf dhiheesseera. Kanaanis lolli akka dhaabbatu, Waraanni Bilisummaa Oromoo ‘WBO’ Amajjii 16 irraa kaasee guyyoota 20 keessatti waraana hiikkatee kabajasaa eeggatee ummatatti akka makamuufi simatamu, yeroo ji’oota lama hincaalleefis kaampii keessa turee leenjii barbaachisu akka argatu, miseensota WBOf dhiifamni akka taasifamu, gaggeessitoonni dhaabichaafi mootummaan dhimma kanarratti beekamtii korichaatiin ala miidiyaaf ibsa akka hinkennineefi kkf qabxiilee labsiicha keessatti hammataman ta’uu addeesseera.

Mootummaanis deggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uufi tattaaffii abbootii Gadaatiif beekamtii kan kennu ta’uu kan dubbatan ammoo Miseensa Koree Raawwachiiftuu Hojii ODP Obbo Mogas Eda’eeti.

Haati Siinqee Magaalaa Buraayyuu, Aadde Arfaasee Biroo Bariisaaf akka ibsanitti, murtiin dhuma irra ga’ame kun waamicha haadholii siinqee taasisaniif deebii kennuu ta’uusaatiin daran kan nama gammachiisuudha. Bu’aa argame kanas hunduu eeggachuufi kana booda fuulasaa misoomatti galagalfachuu akka qabu dhaamu.

Jiraataan Magaalaa Amboo Obbo Lachiisaa Beekkataa gamasaaniin, araarri taasifame injifannoo guddaafi ummanni hawwiidhaan eegaa kan ture ta’uusaatiin gammaduusaanii himanii, keessumaa humnoonni Oromiyaa diiguuf tattaafatan kan itti lafa ilaalan waan ta’eef Oromoon hundi gammaduu akka qabu kaasu. Kanaa boodas Oromiyaan biyya nagaan ba’anii itti deebi’an malee biyya sodaadhaan keessa jiraatan akka hintaaneef hunduu injifannoo argame kunuunfachuu akka qabu ibsu.

Walumaagalatti bu’aan argame deebii gaaffii ilmaan Oromoo hedduu ta’uusaatiin kunuunfamuu qaba. Duudhaan sirna Gadaas haaluma eegaleen duudhaasaa eeggatee ummatasaaf hojjechuu itti fufu qaba jenna.

Bariisaa Amajjii 24/2011

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

One Comment to ““Oromoon kanaan booda rasaasa bilisummaaf dhukaasuu hinqabu” – Obbo Hayilee Gabree”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *