Ayyaana Cuuphaafi Shawaa Kaabaa

Ayyaanonni amanatiidhaan walqabatanii kabajaman faayidaa amantiitti dabalee duudhaalee aadaafi uumamaa of keessatti qabataniin daaw’attoota biyya keessaafi alaa daran hawatu.
Ayyaanni Cuuphaa waggaa waggaadhaan Amajjii 11 keessumaa hordoftoota amantii Ortodoksiitiin sirna ho’aadhaan duudhaasaa eeggatee ayyaaneffamus qalbii daaw’attootaafi hirmaattotaa dhormachuun beekama.

Hayyoonni amantii jecha Cuuphaa jedhu dhiqachuu, bishaan keessa seenuu, facaafamuufi kkf jedhanii ibsu. Akka Bataskaana Ortodoksiitti Itoophiyaatti ayyaanni cuuphaa kabajamu kan eegalu jalabultiirraayyi. Guyyaan jala bultii akka har’aa kun ammoo ‘kataraa’ jedhama.
Guyyaa jalabultii kanatti sagalee bilbilaa (saayiranii) bataskaanotarraa dhagahamu hordofuun taabotoonni hordoftoota manitchaa uffannaa aadaa bifoota adda addaa qaban uffataniin waa’elchamanii gara lagaatti qajeelu.

Itoophiyaatti taabota baatanii laga bu’anii guyyaa cuuphaa kabajuun kan eegalame bara mootummaa Atsee Gabramasqal jedhamu akka ta’e himama. Seenaa kana hordofuun mootiin Atsee Naa’ood jedhamus (bara 1484-1500tti) namni amantii Ortodoksii hordofu hundi oggaa taabotichi laga bu’uufi teessosaatti deebi’u waa’elchuu akka qabu ajajee ture jedhama. Bu’uura ajaja kanaatiinis ummatichi waggaa waggaadhaan taaboticha waa’elchuun dhiironni shubbisaa, dubartoonni ammoo ililleedhaan kabajaa turaniiru, jirus.

Ayyaanni cuuphaa sirna amantiisaa maddiitti duudhaalee aadaas dabalateeti haala ho’aadhaan kabajamaa kan jiru. Guyyaa kana saboonniifi sablammiileen duudhaaleesaanii haalaan agarsiisu, taphoota adda addaas afaanota gara garaatiin ni dhiyeessu. Namoonni ayyaanicha kabajuuf manaa bahan yoo walbeekanis ta’e walhinbeekne guyyaa sana tokkoomuun ni farfaatu, weeddisu, taphatu, birraaqu.

Guyyaa kanaaf kan humni dinagdeesaa hayyameef maatiisaa wajjin uffata adii haaraa bitatee, inni kaan ammoo kanuma manaa qabu miiccatee miidhagee ayyaanicharratti argamuuf qophii kan eegalu alaalatti.

Gama sirbaatiinis taanaan miilli dhiichisarraa, mormi ragada buusuurraa duubatti jedhu hinjiru. Keessumaa ayyaana Cuuphaa Finfinnee, Jaanmeedaatti kabajamurratti afaan sana ykn kana hiin beeku jechuun hanga waan dhorkame fakkaatutti hundumtuu itti makamee hamma humnasaa fedhii sirbaafi shubbisaasaa guuttata.

Dhalatoonni Oromoo Finfinneefi naannawashees guyyaa kana saboota biroo wajjin ta’uun bakka eerame kanatti akkuma gaafa Irreechaa sirboota godinaalee adda addaa dabaree dabareedhaan weeddisuun kabaju.

Cuuphaan akkuma Irreechaa ayyaana ummata heddu hirmaachisuun dirreerratti kabajamu waan ta’eef aadaa, afaaniifi duudhaa ofii ifatti ibsachuuf hordofaa amantii kamiifuu banaa waan ta’eef saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa Finfinnee keessa jiraatanis jaalala, walkabajaafi mararfannaa guddaadhaan ayyaaneffatu.

Gaafa ayyaanichaas ta’e tibbasaatti waantonni otoo hidda gadifageeffatanii hibbabal’atiin garanumaa sirraa’uu qaban tokko tokkos ni jiru. Fakkeenyaaf Finfineetti daandiileen yoo xiqqaate guyyoota sadiif ni cufamu. Biyya reefu karaa guddinaa qabattee tattaafataa jirtutti sababa kanaan dandiileen akka hincuccufamne gochuun barbaachisaadha.

Amantichaan hangam akka walqabatan beekuu baadhus utubaawwan bilbilaafi elektirikii otoo hinhafiin funyoo faajjiiwwan halluu adda addaa qabaniin xaxamanii waan fannifamaa jiraniif kanarrattis of eeggannoo otoo taasifamee gaariidha.

Hamma danda’ameen waantota amantiidhaan walqabatan dirreetti (kan akka daandiifi addababayii ‘faayuu’ yoo walqabata ta’e) baasuurra achuma mooraa dhaabbilee amantii keessatti raawwachuun otoo muuxaneeffamee gaariidha.

Maaliif yoo jedhame aadaafi duudhaa gabbatan biyyattii gochoota kanneen waan alaa galan fakkaataniifi amantiileedhaan walitti hinjirreen boora’uu waan hinqabneefi. Kana malees qalbiin hubannaadhaan waa’ee amantii yaaduurraa waantota cululoo ijaan mul’ataniin liqimfamuun ni jira.

Yeroowwan dhiyoodhaa as keessumaa dargaggoonni tokko tibba ayyaana cuuphaa kanatti waa’ee amantichaa gadifageenyaan hubachuu yaaluurra faayaalee ijatti mul’ataniif xiyyeeffannaa waan kennan fakkaatu. Kanaaf, abbootiin amantii oggaa waanti haaraan akkanaa mul’atu callisanii bira darbuurra gorsa kennuufi barsiisuu qabu.

Guyyaa kana eenyumtuu otoo miirri qaanii itti hindhagahamiin kan waan keessoosaa jiru ibsuufi itti taphatuudha. Guyyichi dargaggoota walkaadimmachuu barbaaaniifillee carraa gaarii kan uumuudha. Ayyaana kana kan amanticha hordofu marti otoo sanyiifi bifaan adda hinqoodamiin tokkummaan kabaju. Kanaafuu ayyaanichi ummata walitti dhiyeessa, aadaa walgargaarsaas ni guddisa.

Ayyaanni kun keessumaa Godinaalee Oromiyaa keessaa Godina Shawaa Kaabaatti haala ho’aadhaan sirnoota adda addaatiin waa’elchamee kan kabajamu ta’uusaati Ittigaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii godinichaa Obbo Kumaa Dheeressaa Bariisaatti kan himan.
Akka isaan jedhanitti ayyaanichi kan amantii ta’us gama aadaafi duudhaasaatiin kutaalee hawaasaa gara garaa hirmaachisuun akka ayyaaneffamu dubbatu.

Gugsiin fardaa ayyaana Cuuphaa dabalatee ayyaanota Qilleefi Masaqalaatti akka taphatamuudha Obbo Kumaan kan eeran. Taphni gugsii fardaa kun seeraafi duudhaa mataasaa kan qabu ta’uullee nutti himaniiru. Tapha kana keessa walmufachuufi walkomachuun kan hinjirre ta’uus ni dubbatu.

Waa’een aadaa wadaaja jedhamu tibba ayyaana Cuuphaa kanatti bal’inaan kan mul’atu ta’uus eeranii, aadichi naannawa magaalaatti laafaa dhufuusaa ibsaniiru. Hiddi darbannaan garuu jecha bira darbee akka aadaatti kan hinbeekamne ta’uullee ni eeru.

Kanaanis gugsisiin fardaa duudhaasaa eeggateefi guuttateen, hawaasni ammoo uffannaa aadaatiin miidhagee sirbaafi shubbisaa jalbultiirraa kaasee sirnaa ho’aadhaan kabajama jedhan. Ayyaanichaan walqabatee dargaggoonni walkaadimmachuun akka jirullee eeraniiru.

Duudhaaleen ayyaanicha keessatti mul’atan otoo hinbadiin dhalootatti akka ce’aniif qo’annoofi qorannoon geggeeffamaa jiraachuus dubbatanii, ayyaanni Cuuphaa ayyaana waljaalachuun, walkabajuun, waliidhimmamuun tokkummaadhaan saboota hunda biratti dirreetti kabajamuudha jedhan.

Walumaagalatti ayyaana Cuuphaa iddoowwan adda addaatti kanajamu kanarratti lammiileen biyyoota gara garaa, diippilomaatonni ambaasaaddaroonni akkasumas qondaaltonni mootummaa olaanaafi abbootiin amantiilee ni hirmaatu. Kanaafuu biyyattiin damee kanarraa faayidaa malu akka argattuufis xiyyeeffannaan irratti hojjechuun barbaachisaadha.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

One Comment to “Ayyaana Cuuphaafi Shawaa Kaabaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *