Artisti sagaleensaa nikularii: Umar Suleeymaan

Artisti Umar Suleeymaan gootaafi hayyicha Oromoo Suleeymaan Shayimoorraa bara 1953 Godina Baalee, Aanaa Diinshoo, Ganda Abbakara Zaallo’oo jedhamutti dhalate.
Abbaan Artisti Umar goota finiinaa bara sirna nafxanyaa isaan tuquun akka nama waaqatti bu’eetti yaadamu keessatti gootota dachiin Baalee biqilchite kanneen akka Jeneraal Waaqoo Guutuufaa wajjin ta’uun diinaan lolaa turan. Haji Suleeymaan Sheyimoo hayyuu gumaa fixuun beekamaniidha.

Artisti Umar, goonni ija barbadaa, qabsaa’aan sagaleensaa rasaasa caaluun diina hollachiisu kunis abbaa gootaafi hayyuu kanarraa dhalate.
Barumsasaa jalqabaas achuma mana barumsa Abbakar Zaallo’ootti barate. Barnoota sadarkaa 1fa immoo Mana Barumsa Hoommaa Ganda Dawaadiinaatti argamutti kan barate yemmuu ta’u, sadarkaa 2fa magaalaa Gobbaa mana barumsaa Baatuu Taraaraatti barate.
Yeroo sanatti Artisti Umar waantota sadiin beekama ture. Isaanis kubbaa miilaa, fiigicha gabaabaafi sirboota onnnee namaa hawwataniin.

Booda osoo barumsa sadarkaa lammaffaa Gobbaatti barachaa jiruu sirni dargii duula oofe. Achumaan mooraa Leenjii Loltoota Dabra Birhaan turetti seenuun otoo leenjiirra jiruu qondaltonni dargii dandeettii Muuziqaan inni qabu waan hubataniif Kibur Zabanyaatti fudhatanii leenjii kennaniifi.

Booda gara Finfinnee dhufee osoo Kibur Zabanyaa keessatti muuziqaafi ispoortiin tajaajiluu mootummaan dargii kufe. Akkuma mootummaan dargii kufeen innis mooraa Gullallee, ummanni Oromoo seenaa jabduu irraa qabutti sirboota warraaqsaa walaloofi yeedaloo dhama qaban, gurraafi qalbii namaatti tolan qopheessuun ummatasaa dammaqsaa ture.

Artisti Umar akkuma mootummaan dhaabbilee Oromoo gara biyyaa galan shira adda addaa itti xaxuun biyyaa baasuu eegaleen weelluuwwan warraaqsaa qabsaa’ota Oromootiif humna ta’aniifi ummata Oromoo onnachiisan sodaa tokko malee handhuura Oromiyaa, Finfinnee taa’ee falmiisaa ittifufe.

Weelluuwwan warraaqsaa daran dhama qaban kanneen akka, “Dimokraasiin yoo dhugaa ta’e hundumtuu abbaa fedhe haa deggaruu ka’ee” jedhu fa’iin mootummaa raasuu eegale.
“Dinne didaa, sabakoo ka’i malee, wayi sagalee wayya sagalee bosonaa” jedhaniifi sirboota warraaqsaa hedduu sirbuun mootummaatti bowwoo guddaa ta’e. Artisti Umar jechuun tokkicha qixxee dhibbaa dhugaa irratti osoo morma muranillee nama gadi hin jenneedha.

Umar erga ABOfi dhaabbileen biroo hedduun biyyaa ari’aman yeroo dabballoonni dhaabaa hinturreetti bakka miidiyaan ummata Oromootiif dubbatu hinturretti bobaa diinaa jala, Finfinnee taa’uun geerarsaan mogolee diinaa buusaa ture.

Ummatasaatiif sagalee qabsoo jabaa dhageessisaa ture. Goonni baddaa Baalee kun guyyaa guyyaan doorsisni diinaa itti hammaatus gootummaadhaan diina afoo dhaabbatee bilisummaa har’a arganneef aarsaan inni kaffale daangaa hinqabu. Boodas jireenyisaa haala hamaa keessa waan tureef biyya abbaasaa gadi lakkisee biyya ollaa, Keeniyaatti ce’uun qabsoosaa ittifufe.

Erga Noorweyiitti galees guyyaan goonni kun qabsoo Oromoorraa itti boqate hinturre. Artisti Umar Suleeymaan mootummaa biyya bulchaa ture qofa osoo hintaane daldaltoota qabsoo Oromootiifis bowwoo guddaa ta’ee ture.

Qabsaa’ota dhugaan ummmatasaaniitiif aarsaa kanfalan faarsuun daldaltoota qabsoo Oromoo ammoo akka qabsoo sabaatiin hinqoosne sodaa tokko malee akeekkachiisaa ture; har’as ittuma jira.

Qabsaa’ota shiraan qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ajjeefamaniifi dhabamaniifis abukaatoo ta’ee ilmaan Oromoo qabsoof manaa ba’anii shira namoota dhuunfaatiin ajjeefamaniif falmii hangana hin jedhamne gochaa goota tureedha.

Mahandisni qabsoo Oromoofi mallattoon diddaa gabrummaa akkasumas sagaleefi geerarsasaatiin diina raasee sabasaa onnachiisaa kan ture leenci fakkii namaa Artisti Umer Suleeymaan waggoota 18 booda tibbana gara biyya abbaasaatti deebi’eera.
Walumaagalatti, Artisti Umar Suleeymaan sabasaatiif umriisaa guutuu nama qabsaa’e yoo ta’u, wayita ammaa abbaa ijoollee dhiiraa sadiifi dubara tokkooti.

“Jabaafi goota ofii abbaatu ulfeeffata” akkuma jedhamu Dilbata darbe biyyatti deebi’uusaa sababeeffachuun Finfinnee galma barkumeetti simannaan ho’aa kan taasifame yoo ta’u, ummanni danuun hirmaachuun jaalalaafi ulfina qabu ibseeraafi. Odeeffannoon dabalataa barreeffama kana gabbisuuf ittifayyadamne fuula feesbuukii ‘sona Oromia’ jedhamuudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

 

Recommended For You

2 Comments to “Artisti sagaleensaa nikularii: Umar Suleeymaan”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *