“Ambaasaaddaroonni ergama biyyaa akka milkeessaniif malee bashannanaaf hinergamne” -Doktar Abiyyi Ahmad

Tibbana Ministirri Muummeen Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad dippiloomaatotaafi ambaasaaddaroota Itoophiyaa biyyoota adda addaatti haaraa ramadamaniifi buleeyyii wajjin dhimmoota gaga garaarratti waajjirasaaniitti mari’ataniiru.

Ambaasaaddaroonni hedduu hojii akka feeteen hojjechaa jiraachuus maricharratti eeraniiru. Ambaasaaddaroonni akkanaa gara biyyoota Awurooppaatti akka waan bashannanaaf ergamaniitti yaaduun imaanaa biyyasaanii dagachaa jiraachuus ni dubbatu.

Ta’us ambaasaaddaroonni ergama biyyaa fudhatanii hojiitti bobbahan bara sooramasaanii biyya alaatti bashannanaa akka dabarsaniif miti kan jedhan Doktar Abiyyi, ofiif caalaa biyyaaf bu’aa buusuu akka qabaniif ergama kenname ta’uu barbaachisaa akka qabu eeru.

Kana malees imbaasiin bakka soorama ofii itti kabachiifataniifi iddoo boqonnaa osoo hintaane biyya ofiif bu’aa buusuuf iddoo murteessaadha jedhanii, ambaasaaddaroonni akkaataa karoorasaaniin madaalamaa akka deemu himu.

Madaalliin hojii gaggeeffamu kun raawwiin hojii harcaatii akka hingodhannee fi hojiin maal nadhibdeen kanaan dura hojjetamaa ture kallattii akka godhatuuf gargaara jedhaniiru.

Imbaasiin bakka hojiin guddaa dhimma biyyaa wajjin walqabatu itti hojjetamudha kan jedhan Ministirri Muummeen oduu tokko shanee akka haasa’aniif osoo hintaane invastarri misooma biyyattii saffisiisu akka dabaluuf hojii murteessaa bakka itti hojjetamuudha.

Invastara hawachuu waliin walqabatee hojiin dippiloomaasii ambaasaaddarootaan hojjetamu ija kan qabu ta’uu akka malullee dhaamaniiru.

Kun hanga hintaanetti ergama biyyaa milkeessineerra jechuun akka hindandahamne kan himan Ministirri Muummeen karoorfatanii bu’aa hojii ofiin of madaalaa deemuun dirqama ta’uu beeksisaniiru.

Hojmaatni kana booda hojiitti hiikamuu qabu hojii lakkaahanii fudhatan lakkaahanii galii gochuudha kan jedhan Ministirichi ilaalcha investeroonni biyya seenan maalirra jiru isa jedhuufis hordoffiin taasifamu cimuu qabaata.

Investerri biyya seenu kamiyyuu ergamasaa yeroo kaa’ameefii keessatti bahachuu qaba kan jedhan Doktar Abiyyyiin sababa gara garaa uumuun hojiisaanii lafarra harkisuun yoo argame obsa ittiin bira dabarru hinqabnu jedhaniiru.

Ambaasaaddaroonnis imaammata mootummaan baase milkeessuuf ajajamuun irraa akka eegamu Doktar Abiyyi yoo himan, amanamummaadhaan hojiisaanii mo’atanii argamuun dirqama kennameef beekuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Ambaasaaddaroonni kanaan dura turan garee deeggaran qofaaf hojjetaa turuu himanii, ittigaafatamummaa biyyaa fudhatan haalaan bahuu baannaa obsi akka hinjirre dubbataniiru.

Dippiloomaatonni yeroo maqaa dippiloomaatummaa argatan lubbuusaanii wallaalu kan jedhanii, bakki ramaddii yeroo isaaniif kennamu nyaara butuufi falmii akka agarsiisan himaniiru.

Dippiloomaasummaan fedhiin dhuunfaa muudamaa akka milkaa’uuf kan akeeke osoo hintaane hojiif hojjetaa gahumsa qabu walittti fiduu waan ta’eef tole jedhanii gammadanii hojii ofii hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Diddaan ramaddii wajjin walqabatee akka mufiitti ka’u kana booda hafuu akka qabu Doktar Abiyyiin yoo himan, kanneen madaallii gahumsa hojiin gadi bu’aa ta’aniif obsi walbira nama dabarsu hinjiru jedhaniiru.

Ambaasaaddaroonnis dirqamasaaniitti laatame kana beekanii gahumsaaf bilchinaan keessa bahanii bu’aa yoo buusaniin alatti hojiin akka feeteen kanaan dura hojjetamaa ture kan itti hinfufne ta’uu Doktar Abiyyiin yoo himan Itoophiyaa addunyaa biraa waliin tarkaanfachiisuuf miirri kutannoo cimuu akka qabu dhaamaniiru.

Imaammanni hariiroo Itoophiyaafi biyyoota alaaf bahe bara 1994 kaasee hojiirra kan oole ta’us hudhaaleen kan guutame ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa walitti dhufeenyi biyyoota ollaarra darbanii kanneen biroo waliin taasisan bu’aa hinqabu kan jedhan Ministirri Muummeen hariiroon hawaasaa ollaarraa eegaluu akka qabu himan.

Hariiroo Itoophiyaan biyyoota ollaaf alaa gidduutti taasistu dinagdee qofaan kan daangahu miti kan jedhan Doktar Abiyyi nageenya biyyaa eegsisuu waliin walqabatee jijjiiramni imaammata hariiroo alaa akka fooyya’uufis hojjetamuu mala jedhan.

Waasihun Takileetiin

 

 

 

 

 

 

Recommended For You

2 Comments to ““Ambaasaaddaroonni ergama biyyaa akka milkeessaniif malee bashannanaaf hinergamne” -Doktar Abiyyi Ahmad”

  1. Pingback: sitecom

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *