Inisheetivii ruuzii Oromiyaa lixaatti

Inisheetivii Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaan irratti hojjechuuf qabate keessaa tokko omisha ruuziiti. Nutis kanaan walqabatee hojii godinaalee Oromiyaa lixaa lama (Qellem Wallaggaafi Wallagga Lixaa)tti jirurratti odeeffannoo waajjiraalee kominikeeshiisaaniirraa arganne akka ittaanutti qindeessinee dhiyeessineerra.

Jilli bulchaa ittaanaa Godina Qellem Wallaggaa Obbo Mangistuu Darasuun durfamu Aanaa Daallee Sadii, Ganda Awweetuu Birbiritti tibbana facaasaa ruuzii dargaggoota kilaastaraan ijaaramanii eegalchiisaniiru. Inisheetiivii omishaafi omishtummaa qonnaa dabaluu danda’an keessaa misoomni ruuzii isa tokko.

Haaluma kanaan akka aanichaattis omishtummaa ruuzii dabaluuf sochii bal’aan taasifamaa kan jiru yoo ta’u, sagantaan facaasaa kilaastara “Dargaggoo Lalistuu Guddinaa” jedhamuun lafa hektaara 35 irratti dargaggootni 86 gurmaa’uun hojii inisheetiivii ruuzii omishuurratti bobba’an bakka hoggansi godinaafi aanaa, akkasumas qonnaan bultoonni argamanitti eegalameera.

Miseensonni waldichaa, karoora mootummaan inisheetiiviiwwan garagaraa hojiirra oolchuurratti baasee hojjechaa jiru milkeessuuf gorsa ogeeyyii qonnaa irraa argatanitti fayyadamuun hojjechaa akka jiraniifi callaa gaarii kan abdatan ta’uu dubbatu.

Ittigaafatamaa ittaanaan waajjira qonnaa aanichaa Obbo Solomoon Caalaa akka jedhanitti, akka aanichaatti lafa hektaara 7851 irratti ruuzii omishuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Bulchaan ittaanaan Aanaa Daallee Sadii Obbo Shariif Siraajis omishni ruuzii omishtummaa dabaluu cinaatti dinagdee qonnaan bulaa fooyyessuu keessatti hojii dursi kennamee hojjetamaa jiru ta’uu eeru.

Hojiin omishaa kilaastara ruuzii fayyadamummaa dargaggootaa kan mirkaneessuufi hojidhabdummaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, gandoota aanichaa kaanittis hojichi eegalamuu ibsaniiru. Bulchaa Ittaanaan Godina Qellem Wallaggaa Obbo Mangistuu Darasuu gamasaaniin milkaa’ina omisha qamadiirratti argame misooma ruuziitiinis irra deebi’uuf sochiin taasifamaa jiraachuu  eeranii, ganna kana akka godinichaatti lafa hektaara kuma 85 olirratti ruuzii omishuuf hojjetamaa jira jedhan.

Hojiin dargaggoonni Ganda Awweetuu Birbiritti waldaan gurmaa’anii ruuzii omishuu jalqaban fakkeenyummaa gaarii kan qabu ta’uu himanii, qonnaan bulaan aadaa qonnaa duraa keessaa bahee omishawwan gabaarratti barbaadamaniifi dinagdee qonnaan bulaa dabaluu danda’an hojjechuu akka qabanis ibsaniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Fayyisaa Hambisaas ogeessota qonnaafi hoggansa sadarkaa godinaafi aanaa wajjin ta’uun Aanaa Laaloo Assaabiitti facaasaa ruuzii jalqabsiisaniiru.

Omishaafi omishtummaa qonnaan bultootaa dachaan dabaluuf innisheetiivii misooma ruuzii mootummaan hojiirra oolchaa jirutti qonnaan bultoonni madaqanii yoo hojjetan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hintaane dinagdee biyyaa guddisuufis murteessaa ta’uun ibsameera. Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanichaa Obbo Mitikkuu Bultii akka aanichaatti hojii misooma ruuziitiif lafti hektaarri 2,323 karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri 221 qotamee sanyiidhaan uwwifamuu ibsaniiru.

Omishni qonnaan bulaa dachaan akka dabaluuf qonna gannaatiif qofa lafa hektaara 9,056 qotamuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti hektaarri 4,500 qotamee midhaan akaakuuwwan gara garaatiin uwwifamuus eeraniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Fayyisaa Hambisaa akka jedhanitti godinichatti ganna kana ruuzii omishuuf lafti hektaarri kuma 88fi 127 ol adda bahee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaattis aanaalee godinichaa 20 keessatti lafti hektaarri kuma 15 ta’u qotamee sanyiin ruuzii faca’uu isaa ibsaniiru.

Hojii misooma ruuzii bara kanaarraa akka godinichaatti callaa kuntaala miliyoona jaha argachuuf kan hojjetamu ta’uu himanii, omisha birootiin barana boqqolloon sanyii filatamaa kuntaalli kuma jaha ta’u dhihaatee ittifayyadamuun akka danda’ameefi xaa’oon kuntaalli kuma 100fi kuma 20 ol galee qonnaan bultootaaf raabsameera jedhan.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 17 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *