Walgargaarsi guyyaa ayyaanaa qofaan daangeffamuu hinqabu

Har’i guyyaa ayyaanaati. Ayyaana Qillee jedhama Oromoota hedduu biratti. Afaan Amaaraatiin “Gannaa” jedhama. Maaliif akkanatti moggaafame laata? Namni beeku yaada osoo itti kennee gaariidha.

Qiilleen Tapha ijoolleetti. Otoo akka ammaa kubbaan baadiyyaa hingalin dura dardarri loon tiksaa Qiillee taphata waqtii birraa. Taphni kun hanga “Ximqataatti” ittifufa. Gaafa Qiillee namni guddaan jechuun dargaggeessillee dirreetti bahee taphata. Kun moggaasa maqaa guyyaa kanaan waan walitti firoomuun qabaa laata? Gaaffii jedhu namatti uuma. “Gannaan” Afaan Amaaraatiinis taphuma kana mul’isa. Tapha Qiilleefi Guyyaa Dhaloota Gooftaa Yesuus waan walitti fidummoo beektoti amantii hiika haa kennaniif.

Ayyaanni har’a kabajamu kun guyyaa dhaloota “Gooftaa Yesuusii”ti. Faranjooti eddii kabajanii torban darbe. Akka Faranjootaatti erga “Gooftaa Yesuus” dhalate waggoota 2023 ta’eera. Akka Habashaattimmoo waggaa 2015.

Guyyaan kun hordoftoota amantii Kiristaanaa biratti haala ho’aadhaan kabajama. Hordoftooti amantichaa baga guyyaa kana geessan. Ayyaana gaarii isiniif haa ta’u jedheen asumaan dhimman ka’eefitti ce’a. Ayyaanni Qiillee kan baranaa haalota adda addaa keessatti kabajama. Gartokkeen Gammachuutu jira. Gama biraatiin gaddatu jira. Miirawwan lamaan kanneen keessatti kan ayyaanni kun kabajamu.

Waan gaarii hawwuun akkuma filatamu waan gaariirraa jalqabuunis gaariidha. Tarii abdii caalu namatti hora. Gaarii hawwaa jedhu mitiiree ogeessotti xiinsamuus? Guyyaan Gooftaan Yesuus itti dhalate guyyaa gammachuuti. “Inni cubbuu namaa dhiquuf gara addunyaa kana dhufe. Inni dhala namaa fayyisuuf dhufe. Inni ergama nagayaati.” Akka abbootiin amantii barsiisanitti. Hordoftoota amantii kanaatiif guyyaan kun adda. Ayyaana guddaa maatiifi fira walitti fidu, ollaafi ollaa walqunnamsiisu, guyyaa gochi gaariin itti hojjatamuudha. Guyyaa gammachuu isa cimaadha. Waliin gammaduun barbaachisaadha.

Gammachuun inni biroo haala nageenya biyya keenya keessa jiru wajjin walqabata. Waggoota lamaan taran yeroo akkanaa gama kaabaatti nageenya boora’ee dhalli namaa gadda guddaa keessa ture. Baranammoo hanga tokko qabbanaa’ee mariin araaraa abdii qabu jalqabamuusaati. Kun gammachuu isa biraati.

Gama kaabaatiiin, har’a yoo ayyaanni kun kabajamu akka bara taree dhukaasni qawwee hinjiru. Lubbuun dhala namaa walwaraana obboleewwan lamaan jidduutti adeemsifamaa tureen akka baalaa harca’aa hinjirtu.

Ummati Xoobbiyaa Kaabaa, Naannoo Tigraayiifi Amaaraa keessa jiru akka bardheengaddaa yaaddoo hamaa keessa hinjiru. Gartokkeen dukkana keessaa bahee ibsaa argateera. Gariin tajaajila bilbilaafi intarneetii argatee firaafi hiriyaadhaan walargeera. Kan Ijoolleesaatiin gargar bahe sagalee ijoolleesaa dhagaheera. Tajaajilli baankiis hanga tokko jalqabameera. Gara biraatiin maallaqni walii ergamaa jira. Tajaajilli walqunnamtii karaa daandii qilleensa Xoobbiyaa jalqabameera.

Kunniin hundi waggoota lamaan taran hinturre. Haala jibbisiisa sana keessaa bahameera. Kun gammachuu guddaadha. Gammachuun ummata kallattiin rakkoo keessa ture qofaaf miti. Kan ummata nagaa fedhu maraati.

Akka dhala namaatti gammachuun nagaa caale waan jiru natti hinfakkaatu. Nageenyi waan hunda. Nageenyi qabeenya; nageenyi waliin jiraachuudha, nageenyi fayyaadha. Kanaaf, marii nagayaa akka biyyaatti gama kaabaatiin jalqabametti gammachuu guddaatu jira. Waaqayyo fiixaan akka baasu kadhanna.

Gama biraatiin ammas gaddi hindhaabbanne. Gammachuun akka biyyaatti guutuu miti; hir’uudha. Hawaasti keenya kuun rakkoo nageenyaa cimaa keessa jira. Naannoo Oromiyaa keessa rakkoon akka jiru hunduu quba qaba. Lixaafi kibbaa akkasumas giddugaleessa naannichaa keessa rakkoon nageenyaa jira. Mootummaafi hidhattoota jidduu qawwee walitti dhukaasutu jira. Kana keessatti ummati miidhameera.

Wanti Wallagga keessa jiru kan kabaja ayyaana Qiillee nama yaadachiisuu miti. Kan Shawaa Lixaa aanaalee tokko tokko keessatti mul’atu kan tasgabeessee ayyaana nama kabachiisuu miti. Darbee darbee bakkeewwan biroos rakkoon nagayaa akka jiru beekamaadha.

Sababa kanaan lubbuun namaa darbaa jira. Kan sababa dhabiinsa nageenyaatiin qe’eesaatii buqqa’ee bosona keessa jiru hedduudha. Kuun qe’ee ho’aadhaa buqqa’anii ganda gandatti walitti qabamanii deeggarsa eeggachaa jiru. Kanneen magaalota adda addaatti baqatanii jiranis lakkoofsi hedduudha.

Ummata qe’eesaatii buqqa’eef ayyaanichi hiika guutuu hinqabaatu. Dhimmisaanii dhimma bataskaana dhaqanii guyyaa dhaloota Gooftaa Yesuus itti faarfatanii miti. Dhimma nyaatanii bashannanuu miti. Kan isaan yaadan nagaadha. Rakkoon nageenyaa hiikkatee qe’eesaanii sana arguudha. Qe’ee jigde deebifachuudha. Kan qorre ho’ifachuudha. Qabeenya manca’e bakkatti deebifachuudha. Jireenya tasgabbaa’aa gaggeessuudha.

Rakkoon gartokkee biyyaatiin jiru kun ammaaf kan abdii namaa kennuu miti. Mootummaan rakkoo gama kaabaatiin jiru hiikuuf halkanii guyyaa hojjetaa jira. Kun waan gaariifi abdii namaaf kennuudha. Kan gama Oromiyaatiin jiru kanarratti ammaaf wanti abdii namaaf kennu mul’achaa hinjiru. Kan nama yaachisiisus kanuma.

Sabaafi sablammiileen biyya kana keessa jiran marti ammaaf wanti walitti qabu biyya Xoobbiyaa jedhamtu kana. Saboonni marti lammiin kee maali? yoo jedhame ammaaf deebiin qabu “Xoobbiyaa’” kan jedhuudha. Yoo saba kam jedhame Oromoo, Tigree, Amaaraa… jechuu mala. Kanaaf biyya tokko keessatti nagaan gartokkeedhaan jiraatee gartokkeen dhabamuun hubaatii guddaa qaba. Biyyatu itti miidhama.

Alkallattiidhaan qaama nagaa qabusanallee ni miidha. Kanammoo rakkoo nageenyaa Xoobbiyaa kaabaa keessa turerratti agarreerra. Buusii qarshii qofa osoo hintaane buusii lubbuu nama gaafata. Jireenya guyyaa guyyaa namtokkeerratti calaqqisa. Qaala’iinsi jireenyaa sababa waraana karaa kaabaa tureen hagam hanga miidhame namni hunduu ni beeka.

Kanaaf, akkuma kaabaa sana Oromiyaattis nageenyi bu’uu qaba. Naannolee biroo keessas yoo jiraate haaluma walfakkaatuun hiikamuu barbaada. Gama kanaan qaamoleen gahee keessaa qaban hundi nagaa buusuuf kutannoo agarsiisuu qabu. Keessattuu mootummaan qaama seeraqabeessa nagaa buusuu keessatti gahee guddaa qabu waan ta’eef gama kanaan caalaatti kutannoo agarsiisuun irraa eegama.

Qaamoleen sababoota adda addaatiin qawwee kaasanis mariif dursa kennuu qabu. Wanti mariidhaan hinhiikamne hinjiru. Kanaaf, minjaala nagayaatti dhufanii mari’atanii ummataaf nagaa kennuu qabu. Waraanni mootummaafi TPLF jidduutti adeemsifame hagam hadhaa’aa akka ture hunduu ni yaadata. Garuu innuu gara mariitti dhufeera. Kanaaf mari’achuun yoomiyyuu taanaan barbaachisaadha.

Hanga rakkoowwan hundi karaa nagayaatiin hiikamanitti walgargaaruun barbaachisaadha. Kunimmoo ayyaana qofa da’eeffatee ta’uu hinqabu. Kan yeroo maraa ittifufuu qabuudha.

Haa ta’u malee guyyaan ayyaanaa abbaa ayyaaneffatuuf hiika guddaa qaba. Yaadannoo sammuudhaa hinbadne qaba. Tarii maatiin waggaa darbe gammachuudhaan dabarse har’a yoo godaane bakka qubatetti yoo kabaju waan itti dhagahamu ilaalaa. Maatiin dheengadda ijoolleesaa wajjin ayyaana ho’isee kabajataa ture har’a yoo ijoolleesaa ofbiraa dhabee qophaasaa harka maratee taa’u qalbeeffadhaa. Gaddi kana caalu hinjiru. Kana caala bakki itti walgargaaranis hinjiru.

Kanaaf lammiiwwan keenya bira dhaabachuun nu barbaachisa. Akkuma amantiin kamuu jedhu isaan yaadachuun, gargaaruun dirqama lammummaati, namummaati. Jecha Waaqayyoo kabajuudha. Yoo akka namaatti kan yaadnu ta’e har’a gaafa ayyaana kana kabajnus ta’ee boru isaan bira dhaabbachuun ni barbaachisa. Lallaba amantii Kiristaanaas ta’ee kan amantiilee biroorraa kanuma hubanna.

Ayyaana Gaarii isiniif haa ta’u, hordoftoota amantii Kiristaanaatiif.

BARIISAA SANBATAA Mudde 29 Bara 2015

Recommended For You