Imala Afran Qalloo- Hararii hanga Cinaaksan

Gosti kee maal? jedhee na gaafate. Inni konkolaataa keessa na waliin taa’u. Ittin hime. ‘Ada’aadha.’ “Ada’a keessatti hoo?” naan jennaanan “Itayya.” jedheen.

“Karaa haadha kee hoo?” gaaffiin ittifufe. Qormaata ta’uusaa naa gale. “Amuumaadha”, Ammas deebii gabaabaa. “Ati qormaata dabarte.”

Imala Afran Qalloo keessa waa hedduutu ture. Qoosaa, baacoo, seenaa, siyaasa, hawaasummaa… Yoo akkas ta’e malee daandiin namaa hingabaabbatu. Yeroon namaaf hindeemu. Kanaaf, yeroo daandiirra jirru sammuu keenya waantota adda addaatiin bashannansiisna.

Gareen keenya namoota afur of keessaa qaba. Walitti makamni keenya waan itti yaadamee ta’e fakkaata. Garuu miti; carraadha. Hidda latiinsa Oromoo isa guddaadha Tuulama, Macca, Sikoo-Mandoofi Itu. Amantiidhaan Waaqeffataa, Islaamaafi Pirootestaantiidha.

Umuriidhaan dargageessa, jiddugalaafi gaheessa. Sabaan hundi keenya Oromoodha. Waan hedduu waliin qabna; waliin qooddanna. Waantota waloo hedduu kaasnee yaada waljijjiirra. Waantota hedduurratti waliigalla. Nyaataa hanga qoosaatti. Hojii manaa baaneef milkeessuurratti.

Dhimma gosaarratti. Afran keenya gosa karaa abbaafi haadhaa walgaafanne. Oromoon Oromummaasaa kan ittiin mirkaneeffatu keessaa tokko gosaan waan ta’eef. Tokko abbaan Arroojiidha. (Arroojiin Faran qalloo keessaa Aala jala jira). Karaa haadhaatiin Nooleedha. Tokko karaa abbaa Loodeedha. Karaa haadhaa…jedhee tokko himachuu dadhabe.

Galee seenaa qoratee akka nutti deebi’u Hojii manaa guddaa kennineef.. Qoratee ofiisaaf qofa osoo hintaane mucaa xiqqoo kan ‘KG’ barattu; kan faaruu Alaabaa Oromiyaa loqoda miyaawadhaan jalqabaa hanga xumuraatti osoo hindogoggorin xumurtu sana akka barsiisu itti himne. Innis fudhate.

Oromoon osoo akka dhiibbaa jaarraa tokkoo oliif irratti taasisameetii qaata jijjiiramee of wallaale. Silaa yoona afaan biraa dubbata. Seenaa biraa himata. Aadaa ambaatiin boona. Rakkoo of-dhabuu kana hunda keessaa kan isa baase, akka Oromummaasaatiin boonu kan isa taasise ijaarama caasaa gosaati.

Latiinsa gosaa inni qabuufi qajeelfama gosaatiin fuudhaafi heeruma raawwachuusaatiifi sirna gadaa cichee qabachuusaati. Duudhaa gaarii akka Oromootti qabnu keessaa caaseffamni gosaa isa tokko. Caaseffama kana ammayyummaatti gurguruu hinqabnu. Addunyeessaaf (globalization) dabarsinee kennuu hinqabnu. Ittifufsiisuun barbaachisaadha. Akkuma warri keenya nu dhaalchisan nutis ijoollee keenya dhaalchisuun dirqama lammummaafi Oromummaati. Kanaafi, miiltoo keenya kan gorsineef. Kun gorsa Oromoo kamiifuu ta’uudha.

Imala Oromiyaa bahaa, Afran Qalloo, keessatti taasisnu ittifufneerra. Teessoon keenya magaalaa Harar wiirteffate. Imala har’aatiin gara Aanaa Cinaaksan. Karoorri keenya guddaan hojii manaa baaneef milkeessuudha.

Cinaaksan namni maqaadhaan wallaale ni jira jedhee hin yaadu. Aniifi miiltoowwan na waliin jiran sirriitti beekna. Garuu namni qaamaan dhaqee beeku nu waliin hinturre; konkolaachisaa keenyaan ala. Kanaaf lafaafi ummata seenaqabeessa kana arguuf fedhii guddaatu nu keessatti uumame.

Cinaaksan miidiyaalee adda addaarraa dhabamtee hinbeektu. Qarqara daangaa naannoo Somaalee jirti. Irra caalaanshii naannoo Somaaleetiin daangeffamti. Sababa kanarraa kan ka’e naannawa sanatti daangaarratti yeroo danuu walitti bu’iinsi akka jiru midiyaarraa dhagahaan ture. Ammas, yeroo gara sana imaluuf jennu wanti kun sammuu keenyatti dhufeera. Garuu kaayyoo manaa itti baaneef milkeeffachuu qabna. Kanaaf imaluun dirqama.

Cinaaksan kanan ittiin yaadadhu keessaa sochii ummati naannichaa bara qabsoo qeerroo sana taasisaa turteeni. Ejjannoo isaan maastarpilaaniirratti mul’isan hin dagadhu. Jiraattoti hedduun tarii Finfinnee qaaman hin beekan; kan televiziyoonaan ykn viidiyoon arganiin alatti.

Garuu ummata jabinaan maastarpilaanii sirna yeroo sanaa mormaniidha. Fageenya sanarra jiraatanii, dhiibbaa irratti taasisamu dandamatanii, ummata “ Finfinneen kan Oromooti” jedhee qabsaa’eedha. Dhugaadha. Finfinneen kansaaniiti. Finfinneen handhuura Oromooti.

Isa Beegii jirus, ishii Mooyyaalee jirtus, isa Raayyaa jirus, ishii Wanbaraa jirtus walitti fiddi. Hundaafu handhura. Namni handhura malee hin jiraatu. Garuu Oromoon karaa kamiinuu ummata Cinaakasan bira dhaabbachuu qaba. Kun dhaamsa kooti.

Subii barii Hararii kaane. Daandii asfaaltii Jijjigaa geessu qabannee imalle. Baabbilee keessa qaxxaamurre. Baabbileen maqaa aanaati. Wiirtuun aanicha, magaalaan Baabbilee, magaalaa xiqqoodha. Garuu seenaqabeettiidha. Maqaa ilmaan Afran Qalloo keessaa isa tokko kan ta’e Baabbileedhaan moggaafamte. Kana malees akkuma Aanaa Cinaaksan naannoo Somaaleetiin daangeffamti.

Kanaan dura naannoon Somaalee gaaffii abbummaa kan seenaan akkasumas seeraan hindeeggeramne irratti kaasaa turuusaa nan yaadadha. Akkuma Mooyyaalee, asfaaltii gamaa Alaabaa naanno Somaalee, gamanaan alaabaan Oromiyaatu tallisaa ture jedhama. Dhimmichi booda riifiraandamiidhaan fala argate.

Dhakaa Daakkataa kan hawwata turiiziimitiin beekamu keessaa gadi bahanii kaampii qubannaa guddaa tokkotu jira. Ummata Somaaletu irra qubate. Lafti garuu Aanaa Baabbilee jala akka jirun odeeffadhe. Manneen hedduun pilaastikiidhaan akka aadaa Somaaleetti ykn ummata gammoojjiitti irratti ijaaramaniiru. Bal’aadha, Magaalaa aanaa tokkoo ni ta’a. Qubannaan rakkoo hinqabu. Garuu booda dhiibbaa daangaa bulchiinsaa fiduunsaa hinoolu. Kanaaf sarara qabsiisuu barbaada.

Magaalaa Aanaa Cinaaksan gahuuf daandiiwwan lamatu jira. Tokko Hararii ka’ee Konbolcharraan darbee Jaarsoo (Ejiersa Gooroo) irraan qaxxaamuree kan deemu jedhama. Kun daandii piistaafi rakkisaa waan ta’eef hinfilatamu. Daandiin inni biroo kan maagaalaa guddittii naannoo Somaalee, Jijjigaa, keessa qaxxaamuree darbuudha. Daandiin kun Magaalaa Hararii kaasee hanga Jijjigaatti asfaaltiidha. Gabaabaafi kan imaltootaan filatamuudha. Nutis imala keenyaaf daandii kana filanne.

Daandii kanarra sakkatta’iinsi bakka hedduu jira. Nageenya ummataafi biyyaaf waan ta’eef rakkoo hinqabu. Nutis keellaa sakatta’iinsaa geenyerratti bakka deemnu himannee, waraqaa eenyummaa keenya agarsiisnee imalaa turre.

Wanti iddoo sakkatta’iinsaa seensa magaalaa jijjigaarratti nu quunname garuu waan addaati. Kanneen keellaarra jiran hidhattoota yuuniifoormii seeraa uffataniidha. Tarii humna addaa naannoo Somaalee ta’u jennee fudhanne. Sirriidhas. Akkuma seeraa dhaabbanne sakatta’amuuf qophoofne.

Garuu ilaalchisaanii nuuf gaarii hinturre. Gabatee konkolaataa keenyaa ilaalan. ‘OR’dha. Nutis Afaan Oromoo dubbanna. Afaan Amaaraas yaalle. Akka afaan Somaalee malee hinbeeknetti nutti dhihaatan. Callisnee waan mallattoon nutti mul’isan raawwanne.

Garuu fuula gaarii hin agarre. Miiltoo keenya tokko konkolaachisaa waliin konkolaataa keessatti hambisan. Gartokkeen keenya yaane. Gaafiin ‘qarshii fidi’ jedhu akka dhihaateef nutti hime, inni konkolaataa keessatti hafe. Innis ‘tole’ hinjenneef. Dadarbaatuma biraa deeme.

Warra konkolaataarraa buune hanga boorsaa qarshii keenyatti sakatta’amne. Dadarbaallee ni qaba. Waantota hunda obsinee bira tarre. Obsuun ala wanti biraa wanti yaadamus hinturre. Irra caalaan keenya kan taruu qofa osoo hintaane kan deebii keenyaa yaadaa turre. Kanaaf dafnee deemnee waan hojjannu xumurree akka deebinu waliigalle.

Akkuma sodaanne deebiirratti waan caalutu nu mudate. Sodaa qabnurraa kaanee laaqanallee osoo hin nyaatiin waan hojjannu hojjannee deebine. Gabaatti gorree waa takkallee harkatti hinqabanne. Of eeggannoowwan hunda taasisne.

Bakka ganamaa sana yoo geenyu loltuun yuuniifoormii uffate tokko ajaja, ‘konkolaataa duubatti deebisi!” jedhu konkolaachisaa keenyaaf kenne. Innis ‘tole’ jedhee maarshii galchee duubatti foqoqe. “achi gali!” jedheen qubaan bakka itti agarsiisaa. Bakka konkolaatotni sakatta’aman dhaabbatan miti.

“Bakki seeraa asuma” jedhee deebii kenneef. Yoo hidhataan konkolaataa keessa galuuf jedhu dafee balbala konkolaataa qollofatee. Waan gaafatamu ganama waan argeefuu. Foddaa banatee itti haasa’uuf jennaan “ qulf amxa” jedheen. Furtuu konkolaataa fidiidha dubbiin.

Yoo konkolaachisaan didu karaa fooddaa harka galchee fudhachuuf yoo yaalu dafee foddaa ol deeffate. Nuun bu’aa jedhee konkolaachisaa duubatti hambise. Nuti sakatta’amee keellaa keessaa baanee eegutti teenye. Eddaa gaaffiin gaaffii seeraa osoo hin taane gaaffii waan biraati.

‘Birr amxa” ganamaa sana nama yaadachiisa. Konkolaachisaan dhalataa harar waan ta’eefi amalasaanii waan beekuf akka isaan yaadan hin taane. Booda akka darbu ta’e. Dubbiin tun heddu nu haasofsiiste. ‘Maqaa nama tokkootu maqaa naannoo xureessa’ gara jedhutti dhufne.

Haaluma kamiinuu Cinaaksan geenyeerra. Magaalaan Cinaaksan magaalaa Xiqqoodha. Aanittiin garmalee bal’oodha. Gandoota 50 ol akka qabdun dhagahe. Lafti aanitii heddumminaan diriiraa akka Arsiiti. Ilaalamee keessa hinbahamu. Dirree gabbataafi diriiraadha. Omishti qamadii guddaan akka irraa omishamu odeeffanne.

Karoorri mootummaa qonna kilaastaraa qamadii aanaalee itti hojiirra oolan keessaa ishii tokko. Garuu yeroo hunda rakkoo nagayaa akka qabdu dubbatama; dhimma daangaa bulchiinsaatiin kan walqabate. Rakkoon kun furmaata waaraa barbaada. Mootummooti naannoo Somaaleefi Oromiyaa walitti dhufanii nagaa waaraan akka bu’u gochuu qabu.

Dachaasaa Roorrootiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015

Recommended For You