Odaa Awwaardi: Sagantaa artistoota Oromoo onnachiisu

Sochii qabsoo ummata Oromoo waggoota dheeraaf taasifamaa ture finiinsuu keessatti kutaaleen hawaasa Oromoo hedduu sochii garagaraa taasisaa kan turan yoo ta’u, isaan keessaa warraaqsi artistootaan gaggeeffamaa ture isa tokkodha.

Sirnoota garagaraa Itoophiyaan dabarsite keessatti hacuccaa Oromoo gahaa ture ofirraa qolachuuf loltuun hidhannoon, barataan dhagaan, xiinxalaan siyaasaa kallattii deemsa siyaasaafi tarkaanfii fudhatamuu qaburratti daandii agarsiisaa qondaala siyaasa Oromoo ta’aa turaniiru.

Artistoonnillee wallee warraqsaa onnachiisoo ta’an garagaraa gurra ummataan ga’uun ummata Oromoo dadammaqsaa biiftuu bilisummaa har’a baate kana keessatti shoora weelluunsaanii taphate siyaasa Oromoo keessatti boqonnaa haaraa galmeessiseera.

Aartiin mul’istuu aadaa, duudhaa safuufi eenyummaa saba tokkoo ta’uun alatti dirree lolaaf hawaasa keessatti karaa habalakaan ergaa siyaasaa dabarsuu barbaadame gurra walbuusuuf lafa jala of qopheessuuf kan tajaajiludha.

Injifannoo siyaasaa Oromiyaa keessatti argameefi kan sabaaf sablammiileen hunduu ijisaanii itti baname kana hundeesaa gadi fageessanii dhaabuu keessatti shoorri artistoota Oromoon taphatamaa ture kan isaan galateeffachiisudha.

Artistoonni kunneen madda galiif osoo hinsarmiin eenyummaan Oromoo awwaalame akka biqiluuf bu’uura guddaa buusaniiru. Sochii artistoota kanaa jajjabeessuuf Maltii Miidiyaan Bashaatuu Tolamaariyaam badhaasa “Odaa Awwaardi” jedhamu waggaa waggaan qopheessaa kan jiru yoo ta’u, baranas yeroo lammaffaaf dhiheenyakana gosoota aartii 20n sirni kenniinsi badhaasaa Giddugala Aadaa Oromootti raawwatee jira.

Artistoonni, taatonni, qindeessitoonni muuziqaa, iskiriiptii fiilmiin akkasumas, barreessitoonni kitaaboota garagaraa, namni dhiibbaa uumeefi kkf badhaafamaniiru.

Daarektaroonni fiilmii Afaan Oromoo Odaa Awwaardi kan bara 2010 fudhatan keessaa daarektara Fiilmii Gaaddisa Jaalalaa Zalaalam Baantirguu isa tokko.

Innis erga badhaasa kana fudhatee booda haasawa taasiseen, gara aartii Oromootti akka seenu kan isa taasise hiriyootasaa ta’uu himee, yommuus fedhiifi miira gaariitiin hojichatti galuusaatiin injifannoo har’a argatetti gammaduusaa dubbateera. Kana malees milkaa’ina hojiisaatiif deggarsi abbaa qabeenyaa Dinquu Dayyaas bakka guddaa waan qabuuf waltajjiirratti galateeffateera.

Artistoota dubaraa keessaa ammoo Artisti Abaaboo Warqinaa fiilmii Gaadii Hireetiin  taatuu cimtuu  bara 2010 ta’uun badhaasa Odaa Awwaardi kan argatte yoo ta’u, deggarsi daarektaraafi kan maatiishee ija argame kanaaf bu’uura akka buuseefiidha kan himte.

Artisti Alamuu Qumbiis fiilmii Gaaddisa Jaalalaa jedhu keessatti taatee dhiiraa cimaa ta’uun badhaasa Odaa Awwaardi kan fudhate yoo ta’u, injifannoon argame kun ifaajjii daarektarasaatiin ta’uusaa kaasee galateeffateera.

Kiliippiiwwan babbareedoo bara 2010 badhaasa Odaa Awwaardiif kaadhimaman keessaa Abbush Zallaqaa “Loomolaa” sirba jedhuun kan injifate yoo ta’u, Artisti Galaanaa Gaaromsaa sirba qeenxee “Amalakee Yaa shoreekoo” jedhuun badhaasa Odaa Awwaardi badhaafamaniiru.

Artisti Alii Birraas umriisaa guutuu hojii aartii Oromoof kennuusaaf badhaasa umrii guutuu Odaa Awwaardi kana injifateera. Kanneen akka Artisti Hacaaluu Hundeessaa, Ittiiqaa Tafariis hojii dhiibbaa uumuu hojjetaniin badhaafamaniiru.

Walumaagalatti Artistoonni Oromoo hedduu bu’aa hojiisaaniin kan badhafaman yoo ta’u, kanneen weelluu warraaqsa siyaasaan daran ummata dadammaksaa turaniifi lubbuunsaaanii addunyaa kanarraa darbeef yaadannoon sammuu taasifameera.

Welluu warraaqsaa siyyaasa Oromoo cimsuuf kanneen wareegaman keessaa, Yoseef Gammachuu, Eebbisaa Addunyaa, Usmaayyoo Muusaafi kkf waltajjicharratti maqaa kan dha’aman yoo ta’u, shoora isaan taphatan marti galmee seenaan yaadatamaa kan hafudha.

Sirna cufiinsa sagantichaarratti qopheessituun badhaasichaa Gaazexeessituu Bashaatuu Tolamaariyaam haasaa taasisteen, hojii aartistoonni Oromoo hojjetan marti kan isaan badhaasisu ta’uu eertee, badhaasnisaanii inni cimaa bilisummaa biyyittiin argatte keessatti shoora olaanaa taphachuusaaniiti jetti.

Walumaagalatti, artistoonni Oromoo sirbaan duudhaa jiru dhalootaaf dabarsuuf carraaquun alatti, Oromiyaan gama siyaasaan indastirii muuziqaan caaltee akka argamtuuf akka qabsa’aa dirree lolaarra jiruutti aarsaa barbaachisu kaffalaa ofirra darbanii Itoophiyaaf biiftuun bilisummaa akka ba’u hirmaannaa waakkii hinqabne waan taasisaniif martisaanii injifattoodha.

Waasihun Takileetiin

 

 

 

 

 

 

 

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *