Ministirri Barnootaa yeroo mootummaa ce’umsaa, Obbo Ibsaa Guutamaa maal jedhu?

Yeroo mootummaa cehumsaatti Ministira Barnootaa ta’uudhaan kan tajaajilan Obbo Ibsaa Guutamaa turtii ‘BBC’ Afaan Oromoo wajjin taasisaniin haala jalqabbii barnoota Afaan Oromoofi dhimmoota biroorratti ibsaa bal’aa ittaanu kennaniiru.

Gaaffii: Dhaloota Fidalaafi Dhaloota Qubee yeroo jettan dhaga’amtu. Maal jechuudha?

Obbo Ibsaa: Hawaasni Oromoo gulantaalee sirna Gadaatiin bakkawwan garagaraatti qoodama. Waggaa saddeet saddeetiin qoqqoodama. Gulantaa walfakkaataa waggaa saddeetii keessa kan jiru Hiriyaa jedhama.

Hiriyaan yeroo olsiqaa deemu inni gara oliimmoo bakka gadhiisaafii deemuu qaba. Akkasitti deemeetu hanga Lubaatti gaha.

Yeroo kana Lubni bakka gadhiiseefii bahaa deema jechuudha. Yoo akkanatti waljalaa siqaa deeme malee inni gara gadii jiru ukkaamamee, walnyaatee akka volkaanoo gaaf tokko yoo dhoohe hundumtuu ni bada.

Kanaafuu nuti warri Fidalaan baranne Dhaloota Qubeetiif bakka gadhiisaa deemuu qabna. Nuuf yeroon kun yeroo itti gorsa kenninu yn aara galfannaati.

Kanaafuu warri lafaa dhufu bakka qabachuu qabuun jedha. Amma aadaa keenyaan deemaa hinjirru. Akka alagaan nuuf kaa’etti ijaaramnee deemaa jirra. Kanaafi, bakka waliigadhisuun kun kan hinbaratamneef. Haalli kun geeddaramee bakka walii gadhiisuun dirqama taha.

Gaaffii: Waa’ee Ministeera Barnootaa hoggantanii maal yaadattu?

Obbo Ibsaa: Ministira barnootaa ta’ee waggaa tokkoofin tajaajile. Turtii waggaa tokkoo kanatti bara ittaanutti manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessa jiran hundi barnoota Afaan Oromootiin akka barsiisan kitaabota qopheessaa turre.

Ji’oota afur hincaalle keessatti qopheessinee xumurre. Pirojektii kanaaf hayyoonni Oromoo hundi birmataniiru. Keessumaa barsiisonni hojii kooti jedhanii halkaniifi guyyaa hojjetaniiti saffisaan kan qophaa’e. Kitaabolee qopheessuu, maxxansuu, raabsuun ni jalqabame.

Afaan Oromootiin barsiisuun osoo yeroo sana quuqamaan hinjalqabamne tahee sadarkaa kanarra hingahu ture. Yeroo cehumsaa sanatti qaamoleen hundi xiyyeeffannaansaanii siyaasa kan biraa waan tureef nuti yeroo hojii kana saffisaan hojjennee xumurru haala mijataa arganne.

Osoo yeroo sana qalbiin namaa siyaasa dhiisee gara keenya ilaalee danqaa guddaatu uumama ture. Afaan Oromootiin barnoonni akka jalqabamuuf yerootu kenne. Yeroo sanatti osoo hin fayyadamnee rakkisaa taha ture.

Gaaffii: Haala kamiin ministirummaa barnootaa gadhiistan?

Obbo Ibsaa: Yeroo ABOn mootummaa cehumsaa keessaa bahe ani walgahii ‘UNESCO’ tokko irratti hirmaachuufin biyya alaan ture.

Osoon achi jiruuti kan ‘mootummaa cehumsaa keessaa baaneerra, ofii keetii murteessi waan gootu, deebi’uufi achitti hafuu’ kan jedhu naaf dhaaman.
Akka yeros natti himanitti Mallas Zeenaawwiin Obbo Diimaafi Obbo Leencoo waameetu ‘ani eegumsa isiniif gochuu hindanda’u, biyyaa bahaa’ jedheen.

Yeroosuma viizaan biyyoota adda addaa xumurameefii ABO biyyaa baasan.
Anis ergan kana dhagahee booda lamuu hidhamuu waan hinbarbaanneef achuma biyya alaattin hafe. Hanga ammaa kunoo wagga 26 oliif biyyuma alaan ture.

Gaaffii: Walaloo ‘Itoophiyaawii maannawu’ maalirraa kaatanii barreessitan?

Obbo Ibsaa: Yeroo Hayilasillaasee nuti ijoollee turre. Warraaqsa dargaggoota addunyaa keessa jirra. Yeroo ilaallu naannoo keenyatti cunqursaatu baay’ata, sabni tokko saba kan biraarratti tuulamee, inni kaan tuffatamee jira.

Kanaafin ‘Itoophiyaa, Itoophiyaawii…’ jechaa deemuun garuu sabni kaan kanneen akka Oromoo, Anyuwaakiifaan dhuguma Itoophiyaadhaayii? gaaffii jedhu kaasuufin barreesse. Gaaffii kanaafis deebiin akka argamu gochuufi, kaayyoonsaa.

Gaaffii: Gaaffii walaloo sanaatiif amma deebiin argameeraa?

Obbo Ibsa: Ani ofii kootiif yeroo sanayyuu deebiisaa nan beeka. Itoophiyaawiin eenyu akka ta’e yerosuu deebii argadheera. Garuu hamma yoonaatti namni gaaffii sanaaf deebii kenne hinjiru.

Gaaffii: Haala yeroo Oromiyaarratti maal jettu?

Obbo Ibsaa: Wanti amma mul’atu nama gaddisiisa. Nuti kan dhufne nagaadhaan qabsaa’uufi.

Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisna, cehumsa kanaan gara dimokraasiitti baana jedheeti. Kun waan guddaa biyya kana keessatti jedhamee hinbeekneedha.
Dhuguma olaantummaa seeraatu kabajama taanaanimmoo akka barbaannetti ummata gurmeessinee, mirgaafi dirqamasaa barsiifnee sodaafi doorsisa malee hojjechuu dandeenya jechuudha.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *