Dhiiga qeerroo Oromootiif kabajni kennamuu qaba

Ummatni Oromoo saba guddaa jiraachuu Itoophiyaaf bu’uura buuse ta’us dhiibbaa sirnoota bittaa balaafamoon qaqqabaa turerraa kan ka’e fayyadamummaan sabichaa haalaan milkaaahina argatee hinbeeku.

Kun kan ta’eefis sirnoonni bittaa dhufanii darban martisaanii ergamtootasaaniitti fayyadamuun Oromoon mirgasaatiif akka hinfalmanne akka hinmormine ukkaamsaafi hacuuccaa guddaa irraan gahaa qabeenyasaas saamaa turaniiru.

Sabni Oromoo harqoota gabrummaa humnaan isatti fe’ame kana ofirraa cabsuuf yaalii taasisus ergamtoota sirna bittootaan ajjeefamaa,hidhamaa, biyyaa baafamaa, jaarraan heddu lakkaa’ameera.

Seenaa darbe yoo ilaalle Oromoof takka darba jedhanii yaaduun buddeena abjuu ta’us sirnoonni waljijjiiran marti Oromoorratti kan hojjetan malee Oromoof kan hojjetaniiru jechuun hindandahamu.

Akka agarsiistuutti bara moototaarraa kaasee hanga sirna mootummaa abbaa irreetti, darbees bulchiinsa ADWUI kana keessallee Oromoon takkaa haara galfatee hinbeeku. Hacuuccaan saba kanarratti jijjiirama sirnootaatiin daddarbu caamuu dhabuusaatiin barbaachisummaan qabsoo hadhaahaafi wareegama gaafatu akka hojiirra oolu ta’eera.

Haaluma kanaan jaarraawwan hedduuf qabsoowwan garagaraa taasifamaa turanis wayita ija godhachuu jala gahu goobantootaan akka maseenu godhamaa tureera.

Ta’us waggoota sadii as qabsoo obsa fixachiisaafi hadhaa’aa wareegama qaalii gaafate taasifameen biiftuun ija dimokraasii itti argan calaqqisuu kan jalqabde fakkaatti. Biiftuun dimokraasii baate kun ijaan mul’achuu kan dandeesse dhiiga qeerroo Oromoo dhangala’een ta’uu maddi ragaa seenaadha.

Dhangala’uun dhiiga qeerroo maatiif akkasumas Oromoof gadda guddaa ta’us sirni ukkaamsaa saamichaaf hannatti bobba’e akka dhabamsiifmu waan godheef yoomiyyuu kan yaadatamu ta’ee galmaa’eera.

Wareegama qaalii qeerroon taasise kanaan ODPn dur afaan guutee hindubbanne hayyoota siyaasaa gameeyyii Oromiyaarra darbanii Itoophiyaaf akkasumas addunyaaf moodeela ta’an horachuu danda’eera.

Saboonniifi sablammiileen Itoophiyaa hacuucamaa turan of baranii eenyummaasaaniif akka qabsaahan karaa saaqeera.

Kana malees qabsaa’onni hidhannoo biyyaatti akka deebi’an kanneen biyyaa baafamanis deebi’anii karaa nagaatiin akka qabsaahaniif dimokraasiin biqile akka lafa qabatuuf dhangala’uun dhiiga qeerroo bu’uura buuseera.

Kan ajjeese osoo taa’uu jalaa qabduun geerarti akkuma jedhamu qeerroon wareegama qaalii kaffaleefi maatiin qeerroosaa wareege osoo taa’anii kanneen ummataaf hojjenna waldhibuunsaanii Oromoof abaarsa fakkaatus qaamolee biroo harka wayaa jalaatiin aangoof fiiganiif karaa kan saaqu ta’uun huabtamuu qaba.

Sababnisaas paartiileen maqaa Oromootiin socho’an ergama dhiiga qeerrootiin kennameef cinaatti gatanii faayidaa mataasaaniif olii gadi kaachuun kun bu’aa qabsoo ilmaan Oromootti bishaan naquufi dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’etti baacuu akka ta’e waan dagatan fakkaatu.

Waldhabuunsaanii ormootaaf madda gammachuufi xurree shirri isaan Oromoorratti xaxan itti milkooftuuf taatee waan argamteef miidiyaaleesaaniin afarsaa Oromoo dirree siyaasaa keessaa baasuuf daran wixxirfachaa jiru.

Oromoon ammayyuu kan isa jajuufi jaji’u addaan baafatee waan guutummaatti waan hubate hinfakkaatu. Biyyatti deebi’uu ABOs ta’e ija godhachuu ODPf humna kan ta’e qeerroofi hawaasa bala’aa Oromooti. Injifannoon galmaa’e kun kan Oromooti malee kan eenyuuyyuu miti. Kun ta’us osoo alagaan usee taa’uu Oromoon walitti rasaasa walitti dhukaasuun maalirraa dhufe laata?

Kunis, Oromoon “Abaarsa qabaa laata?” nama jechisiisuu hinoolu. Yeroon kun ummata Oromootiif yeroo murteessaa kaayyoofi eenyummaansaa itti milkaahu ture. Ta’us ilaalchota xixiqqoo laga nama hinceessisne rarraafatanii deemuun injifannoo ummataan galmaa’etti bishaan naquun itti gaafatamummaa seenaa jalaa nama hinbaasu.

Bara teknolojiin babal’atee addunyaan naannawa tokko taate kanatti Oromoon waliigaluu dadhabee injifannoo wareegama qaaliin argame darbee kara deemtuun akka fudhattuuf ulaa banuun ajab nama jechisiisa.

Bishingaan mataashii bantee sinbiraaf of laatti akkuma jedhamu qaawwa ofii bakkeetti baasanii agarsiisuun diinaaf of saaxiluun kun eenyuun fayyaduudha jettanii yaaddu laata? Oromoon kaleessa alagaadhaan akka bineensaatti adamsamee ajjeefamaa ture har’ammoo walitti deebihee wal ajjeesaa, qe’eefi qabeenyarraa walbuqqisaa diinaaf meeshaa ta’uun qe’ee Oromoo diiguu hinqabu.

Jaarsi, jaartiin, daa’imni, qeerroon kabaja dhabe, oolmaa inni kaleessa dhiigee Oromummaaf oole har’a abidda ta’ee isa gubuu jalqabe kun dubbi hama Oromoo mataa gadi qabsiisuudha.

Yeroo ammaattis waldhabdeen Oromoo gidduutti keessumaa Oromiyaa Lixaafi Kibbatti uumamaa ture ummata Oromoo kan qaanesse ta’uu yaada ummataarraa hubachuun ni dandahma.

Akkuma Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad tibbana jedhanitti Oromoof furmaanni jijjiiramaa meeshaa osoo hintaane marii ilaafi ilaameedha. Hanga yeroon filannoo gahutti obsi barbaachisaadha.

Ummatni har’a taa’ee paartiilee kana lameen madaalaa jiru boru gaafa guyyaansaa gahe adda baafachuunsaa kan hinoolle waan ta’eef of ilaalanii hawaasaaf dhaabachuun barbaachisaadha.

Qaaraa harkaan dhaabantu deebi’ee nama guba akkuma jedhamu jiraachuu ODPfis ta’ee ABOf bu’uura kan ta’e ummatni Oromoofi qeerroon wareegame kabaja argachuu qaba.

Loltoonni ABO giddugala Ardaayitaatti leenjii haaromsaa fudhachaa jiran tokko tokko yaada OBNf kennaniin Oromoon waldadhabuun kun gadadoo kaleessaatti akka deebihamu kan taasisu ta’uu dubbatu. Gara biyya ofiitti akka deebi’aniif wareegamni qeerroo Oromoootiin kaffalame kabajamuu dhabuunsaa akka isaan gaddisiiseedha kan dubbatan.

Kun waan ta’eef mana tokko ijaaruuf hanga ka’ametti garaagarummaa jiru dhiphisaa siyaasa amansiisaa dorgomaa ta’e dhiyeessuun yaadaan caalanii argamuuf tattaafachuun ammayyummaadha.

Yoo kun ta’uu baate Oromoon walitti deebihee osoo waljifatuu bu’aan qabsoo dhiiga ilmaan Oromootiin argame  mucucaatee harka diinotaa yoo galu harqootni gabrummaa kaleessa Oromoorra ture deebihuunsaa hinoolu.

Kunimmoo seenaa keessatti abaaramaa akka hafan waan nama taasisuuf, aanga’oonni Oromoo bakka buutanii Oromoof hojjechuuf warraaqsarra jirtan dhiiga ilmaan Oromoo bakkeetti dhangala’ee sareedhaan nyaatame sanaaf kabaja kennuun wareegamtoota yeroo itti yaadattaniifi kaayyoosaanii galmaan itti geessan ta’uu mala.

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

2 Comments to “Dhiiga qeerroo Oromootiif kabajni kennamuu qaba”

  1. Pingback: moved here

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *