Ayyaana Qillee Shawaa Kaabaatti

Ayyaanni Qillee ayyaanota waggaa waggaadhaan kabajamaniifi ibsama aadaa garagaraa qaban keessaa isa tokko. Ayyaanni kun akkuma addunyaattiyyuu hordoftoota amantii kiristaanaa biratti haala ho’aafi taateewwan addaddaatiin erga kabajamuu eegalee tureera. Amma amma taateen kun akkuma addunyaattuu walfakkaachaa dhufeera.

Gaafa ayyaanni Qillee ga’u muka pilaastikirraa qophaa’ee ‘chrismas tree’dhaan bareechuu, abbaa ayyaanichaa jedhamee kan beekamu ‘Saantakiloos’ huccuu diimaafi adii uwwisanii mukicha biratti suura ka’uu, kabajdoonni ayyaanichaas huccuu diimaa uffatanii kabajuun baramaa dhufeera.

Itoophiyaattis haalli kabajaa kun bifa aadummaa isaa isa durii dhiisuun taatee eerame kanaan liqimfamaa jira. Keessumaa manneen barnootaa dhuunfaa sadarkaa tokkoffaa hedduun silaa bakkee daa’imman aadaafi eenyummaasaanii itti baruu qaban kan isaanii dhiisanii kan ormaa akka faarsan taasisuurratti argamu. Guyyaa kabaja qillee jedhanii qopheessuun daa’imman huccuu diimaan faayamanii Saantaakiloos waliin taphachaa akka kabajan taasisuun dhaloonni aadaa faranjootaa akka dhaalu taasisaa jiru.

Kana sirreessuuf keessumaa biirooleen aadaafi turizimii sadarkaa sadarkaarra jiran yaaliiwwan garagaraa taasisaa jiru. Haalli kabaja ayyaan qillee duraan taphawwan aadaatiin beekamu bakkasaatti akka deebi’uuf taphawwan aadaa naannawaa naannawaasaaniitti beekaman jaarsolii gaafachuudhaan akka deebifamuuf hojjechuurratti argamu.

Taphawwan aadaa kanneen akka gugsii fardaa, ulee…, saddeeqaafi kkfn taphoota gaafa qillee dargaggootaan taphatamanidha. Akka Oromiyaattis ayyaanni kun taphawwan kanneeniin waa’eelchamee bifa aadummaa isaa eeggateen ni kabajama. Naannawaa Shawaa Kabaattis ayyaannichi kun bifa ho’aatiin kabajama. Nutis haala kabaja ayyaanichaa ilaalchisuun Waajjira Aadaafi Turizimii Magaalaa Ficheetti, Ittigaafatamaa damee Aadaa kan ta’aan Obbo Fiqaaduu Tasfaayee bilbilaan dubbisneerra.

Akka isaan jedhanitti, ayyaanni qillee baatii Mudde keessa kan kabajamu yoo ta’u, yommuu ayyaanichi dhihaachaa deemu dargaggoonni galgala walitti dhufanii taphawwan aadaa garagaraa taphatu. Kanneen keessaa taphi qillee isa tokko.

Dargaggoonni tapha kana taphatan garee lamatti qoodamuudhaan garee gamaafi gamanaa ta’uun kubbaa geengoo xiqqoo muka jabaarraa hojjetamte ulee okkoo jedhamuun rukutanii goolii galchu. Kubbaafi okkoo ittiin tapahatan qopheessuun dursee kan eegalamu yoo ta’u, yeroo kan fudhatuufi kan rakkisuudha.

Gareen waliin taphatan akka walitti dhiheenyaafi walbeekumsa isaaniitti kun gurmaa’an ta’uu eeranii, akkaataa taphichaatti gareen kubbittii rukutee garee faallaarratti goolii baay’ee galche kan mo’atu ta’uu dubbatu. Taphni dhihaachuu ayyaanichaan walqabatee galgala galgala adeemsifamu kun akkanumaan dargaggoonni walarganii kan taphatanii malee abbootii seeraatiin madaalamee badhaasni kan itti kennamuuf akka hintaanes ni eeru.

Gaafa Mudde 29 ganama garuu bakka maanguddoonni abbootii seeraa taphichaa ta’an argamanitti gareewwan lamaan taphasaanii akka adeemsifatan kan himan ittigaafatamaan kun, tapha kana keessatti yeroo baay’ee walrukutuun uumamuu waan danda’uuf ofeeggannoon akka taphataniifi keessumaa beekaa akka wal hinrukunneef maanguddoonni giduu dhaabatanii ilaaluun kan walitti araarasanii sirreessan ta’uu addeessu.

Tapha kanarratti haala dargaggoonni garee uumanii mo’achuuf taphataniifi haala deggartoonni haamilee itti kennan daran akka nama hawatu kan himan Obbo Fiqaaduun, erga taphichi dhumee booda gareen injifate badhaasawwan kan akka hoolaafi dhugaatiiwwan aadaa badhaafamuun injifannoosaanii waliin sirbanii akka kabajatan ibsu.

Gareen injifates garee injifatame aarsuuf akkasumas hamilee buusuuf sirboota aadaa naannawichatti beekaman keessaa “Korma guduruu, kaawoon kuunyuma duruyyuu” jedhuufi kanneen biroo sirbaa akka irra marsanis ni kaasu.

Naannawa sanatti taphni qillee kan adeemsifamu dargaggoota qofaan yoo ta’u, shamarran hirmaannaa hinqaban; maanguddoonnis abbaa seerummaafi ilaaluudhaan malee taphni isaaniif qophaa’ee akka hinjirres ni himu. Taphattoonnis huccuu aadaa naannawichatti beekamu kettaafi surree adii uffachuuni kan taphatan ta’uu ibsu.

Kana malees, gugsiin fardaa guyyichatti kan adeemsifamu yoo ta’u, taphni kun garuu addatti kan ayyaana qilleeti jechuu nama hindandeesisu jedhu. Sababni isaa ayyaanoota biroofi sagantaawwan garagaraarrattis gugsiin fardaa waan jiruuf ta’uu kaasu.

Taphni aadaa kun keessumaa naannawaa magaalaatti dagatamaa waan jiruuf waajjirrisaanii akka hindagatamneefi miidhaginasaa eeggate dhalootatti akka darbuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu himanii, keessattuu Waajjira Dhimma dargaggoofi Ispoortii magaalaafi godinaa akkasumas, kanneen dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun akaakuu ispoortii dargoommiin itti adeemsifamu taasisuuf hojjetamaa jira jedhu.

Akka Obbo Fiqaaduun jedhanitti, gareen ispoortii of danda’e dhaabbate waltajjii garagaraarratti taphicha akka beeksisuufis sochiin eegalameera. Akka waliigalaatti tapha aadaa kana dhalootatti dabarsuuf sochii waajjiroonni eeraman taasisan qofti ga’aa waan hintaanef ummannis tumsuu akka qabu hubachiisu.

Maanguddoonniifi ga’eessoonni dhaloota barsiisuudhaan, dargaggoonni immoo barachuuf qophii ta’uudhaan tapha kana dhalootatti ceesisuu akka qaban eeranii, keessumaa, namoonni yommuu gara magaalaatti siqan aadaasaanii dagachuun kan ormaa faarsuurra kan ofii kunuunfachuu akka qaban dhaamu.

Walumaagalatti taphawwan aadaa ayyaana qilleetiin walqabachuun akkasumas, dhimmoota garagaraarratti taphataman dhalootatti akka darbaniif hojiin hojjetamu cimee itti fufu qaba. Miidiyaaleenis aadaa isa baargamaa afarsuurra isa biyya keessaa iyyaafatanii ummataaf dhiheessuun beeksisuurratti xiyyeefatanii hojjechuu qabu jenna.

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *