Obbo Bulchaa Dammaqsaa: Hayyuu Dinagdeefi Siyaasaa

Obbo Bulchaan abbaa isaanii Obbo Dammaqsaa Sanbatoofi haadha isaanii Aadde Naansiisee Sardaa irraa bara 1922 naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Lixaa Aanaa Boojji Dirmajii, Magaalaa Gimbiitti dhalatan. Barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaa kutaa 1fa hanga 8fatti bakkuma dhaloota isaaniitti mana barumsaa Adiveentistii Misiyooniitti baratan.

Barumsa isaanii sadarkaa lammaffaa ammoo Finfinnee Mana Barumsaa Misiyoonii Aqaaqiitti baratan. Kutaa 11fa xumuruun manuma barumsichaatti barsiisaa ta’a. Kutaa 12fa utuu hinbaratin qayyabatanii qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa fudhatanii qabxii olaanaa galmeessisuudhaan darban.

Mana barumsichaa akka isaaniin biyya alaatti ergee barsiisuuf gaafannaan waan isan dideef Yunivarsitii Finfinneetti waggaa afuriif baratanii muummee barumsa ‘Economics and Political Science’dhaan digrii jalqabaatiin eebbifaman.

Mootummaan Itoophiyaa yeroo sana barattoota qabxii olaanaa galmeessisan filatee biyya alaatti ergee waan barsiisuuf carraa barumsa alaa argatanii barumsa isaanii digiree lammaffaa (‘MA’) Ameerikaa, Niiwu Worki Yunivarsitii ‘Syracuse’tti waggaa lamaaf baratanii muummee barnootuma barumsa ‘Economics and Political Science’tiin xumuranii gara Itoophiyaatti deebi’uun Ministeera Maallaqaatti mindeeffamanii hojjechaa turan.

Utuma hojiirra jiranii Yunivarsitii Finfineetti manni barumsaa seeraa banamnaan sagantaa barumsa galgalaatiin seera baratanii digirii sadaffaa argatan. Abbaan isaanii dur akka isaan abbaa seeraa ta’aniif gorsaa waan turaniif barumsa seeraa barachuu isaaniittis gammadaniiru.
Obbo Bulchaan Ministeera Maallaqaa keessaa bahanii akka Afrikaatti miseensa Boordii Baankii Addunyaa ta’uun waggaa shaniif hojjetan. Isa booda bara 1975 dhuunfaadhaan dorgomanii Mootummoota Gamtooman (‘UN’) keessatti hojii eegalan. ‘UN’ keessaa hojjechuun kan danda’amu garuu yoo biyyi miseensa ‘UN’ taate beekamtii kennite ta’uu qaba ture.

Mootummaan Dargii garuu isaan hidhuu ykn akka isaan biyyatti deebi’aniif barbaadaa ture. ‘UN’ keessaa waggaa 15 kan hojjetan yoo ta’u, waggaa torba Niiwu Yoorki erga hojjetanii booda Ambaasaaddara ‘UN’ ta’uudhaan Afrikaa Gaambiyaafi Taanzaaniyaatti waggoota afur afur erga hojjetanii booda soorama bahanii waggaa 23 booda gara biyyaatti deebi’an.

Obbo Bulchaan mootummaan Dargii erga kufee ji’a ja’a booda bara 1984 booda gara Itoophiyaatti deebi’uun waa’ee dhimma Oromoo gaazexoota adda addaa irratti barreessaa turan. Umurii isaanii keessaa gara waggaa 60 dhimma Oromoo, barreessuu, dubbachuufi yaaduu irratti dabarsan.


Obbo Bulchaan miseensa Paarlaamaa Itoophiyaa ta’anii dhimma Oromoo irratti murteessuufi seera ba’u qajeelchuuf jecha bakka itti dhalatanitti deebi’anii dorgomanis maqaasaanii Kumaa Dammaqsaa jedhanii ummata walaalchisuun filannicha akka kufan taasifame. Kunis heerri biyyattii yeroo bahu akka isaan irratti hin hirmaanne isaan taasise. Filannoo biyyaalessaa waggaa shan booda adeemsifame Paartii Federaalistii Oromoo bakka bu’uun paarlaamaa biyyattii seenan. Yeroo sana Doktar Mararaa Guddinaafi Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroosis paarlaamaa keessa waan jiraniif yeroo mara falmii cimaa taasisaa turan.

Yeroo Paarlaamaa keessa turan dinagdee Itoophiyaa %11 guddateera jechuun gabaasa dhiyaatee ture irratti mormii cimaa taasisaniiru. Biyyootni guddatan kanneen akka Jaappaan, Kooriyaa, Taaywaaniifi Chaayinaadha %11 kan guddate jechuun dinagdeen Itoophiyaa %11 guddateera jechuun ummata gowwomsuu waan tya’eef sirrii miti jedhanii falmaa turan.

Obbo Bulchaan paarlaamaa galuusaaniitiin ummata Oromoo daran dadammaqsaa turaniiru. Erga paarlaamicha keessaa bahanii ammoo ijoollee isaanii bira biyya alaa akksumas biyya keessa deddeebi’anii jiraachaa jiru. Baankii Awaashis kan hundeesse Obbo Bulchaadha.

Baankota dhuufaa hunda keessaa baankiin Awwaash yeroo ammaa sadarkaa tokkoffaarra jira.
Xaaliyaaniin Abbaa isaanii Obbo Dammaqsaa Goreetti geessitee waan ajjeefteef akaakayyuun isaanii (abbaan haadhaa) umurii 18tti dirqamaan isaan fuusisan. Obbo Bulchaan yeroo ammaa maanguddoo umurii 88 yoo ta’an, abbaa ijoollee dhiiraa sadiifi durbaa sadiiti. Maanguddoo kabajamoo kanaaf ammayyuu umurii dheeraa hawwina.

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *