“Eenyuyyuu hatees ta’e mirga namaa sarbee ittigaafatamummaa jalaa hinba’u”

Biiroon Haqaa Oromiyaa bara kana Fulbaana irraa eegalee labsii lakk 114/2011n Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa ta’ee akka gurmaa’u Caffeen Oromiyaa mirkaneesseera.

Bu’uuruma kanaan manni hojichaa hojii dhimmoota yakkaatiin Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa, akkasumas Ministeera Galiiwwanii waliin walqabachuun ka’an of jalatti hammachuun kan hojjetu ta’a. Dhimmoota hariiroofi dantaa ummataa akkasumas, mootummaatiin walqabatanii ka’anirratti akka hojjetu aangoon kennameefi irra deebiidhaan gurmaa’uusaati tibbana wayita manni hojichaa olaantummaa seeraa kabachiisuurratti maal hojjetaa jira jennee garas deemne kan hubanne.

Abbaan Alangaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa Tashoomaa Girmaa akka jedhanitti, inni guddaan biirichi hojjetaa ture hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu, nagaafi tasgabbiin akka jiraatu hojjechuufi mirgi namummaa akka kabajamu gochuudha. Akkasumas, ittigaafatamummaan olaanaa mana hojichaa seeroonni ba’an Oromiyaa keessatti bifa walfakkaatuun hojiirra ooluusaanii mirkaneeffachuudha. Mirgi dhala namaa akka kabajamu, namni shakkames ta’e himatame mirgoonni bu’uuraa heeraan kennameef akka kabajamu taasisuunis ga’ee hojiisaati.

Namoonni miidhamaniif olaantummaa seeraa mirkaneessuuf jecha ummataafi mootummaa bakka bu’ee poolisii wajjiin qulqulleessee, himata manneen murtiitti banee, falmee murtii kennisiisuunis hojii biraa ta’uu eeranii, yakkamtoota itti murtaa’ee mana sirreessaa jiranis mirgi isaanii akka eegamu hordooffiifi deggarsa ni taasisa jedhu.

Kana malees, manni hojichaa deggarsa seeraa ni kenna, qophiin wixinee seeraa qopheessuu, keessumaa dhimmoota mirga daa’immaniifi dubartootaan walqabatan, sochii invastimantii, bosonaafi qabeenya uumamaafi kkf qopheessuun ittigaafatama mana hojichaa ta’uu addeessu abbaan alangee kun.

Hojiiwwan eeraman kunneen akkuma jiranitti ta’ee, gurmaa’iinsa haaraa kana fudhachuun hojiicha hojjechuun akka danda’amuuf caaseffamaafi gurmaa’iinsa irra deebi’anii sakkatta’uu, qorachuufi adda baasuun akkasumas, humna namaa hojii kana baate deemu qopheessuun hojjetamuu akka qabu himu. Labsii kanarratti hubannoo uumuun barbaachisaa waan ta’eefis naannoodhaa kaasee godinaalee 21fi aanaalee 317 keessatti hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamaa tureera jedhu.

Ammaan tana manni hojichaa hojiisaa hunda xumuree ramaddii hojjettootaa taasisuusaa Abbaan Alangee Tashoomaan eeranii, ji’oottan darbanitti hojiiwwan kanneen raawwachaa turus hojii ergamaan itti kenname raawwachaa hinturre jechuu akka hintaane kaasu. Keessumaa, gama olaantummaa seeraa mirkaneessuutiin qorannoowwan duraan Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaatiin eegalaman cimsuudhaan tarkaanfiin fudhatamuu eegalamuusaa dubbatu.

Kana malees, dhimmoonni akka haaraatti odeeffannoorraa ka’amanii qulqulleeffamuu eegalanis jiraachuufi keessuma dhimma saamicha lafaatiin walqabatee hoggantoonni shakkaman godina addaafi godinoota biroorraa shakkamtoonni 76 ta’an to’annoo jala ooluusaanii ibsu.

Sababa manni hojichaa bifa haaraan gurmaa’aa tureen akkasumas, hojiin qulqulleessuu yeroo waan fudhatuuf battaluma Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa “Meeteekonni xixiqqoon Oromiyaa keessa jiru. Isaanis dhiheenyatti seeraan gaafatamu” jedhaniin hojiitti akka hinseenamnes ni kaasu. Keessattuu kallattiin ‘shakkamaa to’annoo jala oolchanii qorachuurra qoratanii to’anaa jala oolchuu’ waan hordoofameef saffisa sadarkaa federaalaatti eegaleen deemuu akka hindanda’amne eeru.

Waa’een malaammaltummaa pirojektoota, maallaqa, bajataafi wantoota hedduu waliin kan walqabatu ta’uu kan ibsan Obbo Tashoomaan, hattootaafi sarbitoota mirga dhala namaa yeroodhaan to’annaa jala oolchuudhaa baannaan karaa kallattiitiinis ta’u alkallattiitiin ka’umsa rakkoo nageenyaa ta’uun isaa hinoolu jedhu.

Akka abbaan alangee kun jedhaniitti, haala qabatamaa amma jiruun walitti bu’iinsoonni kutaa biyyattii garagaraa keessatti ka’an ka’umsisaanii daangaa fakkaata. Garuu hattoonni tokko tokko yoo nagaan jiraatee mootummaan tasgabbaa’ee sirni lafa qabate sodaa, “Nan gaafatama” jedhu waan qabaniif gochaa nageenya booreessuu keessatti hirmaatu.

Hawaasnis “Sirni mootummaa malaammaltummaadhaan laaqame jira” jedhee kan amanu taanaan waan mootummaan jedhu dhaga’uurra hattoota dhaga’a. Keessumaa malaammaltummaan gara sirnaatti (system corruption) ta’ee jennaan sababa ka’umsa walitti bu’iinsaa hintaaneef hinqabu.

Sochiin akkanaa kutaalee biyyattii garagaraa keessatti mul’achuu akka malu kaasanii, akka naannoottis taanaan Oromiyaatti yookiin Amaaraatti yookaan Beenishaangulitti yookiin naannoo biraatti hattoonni inuma jiru jedhu. Yakkamaan saba hinqabu; yakkis saba hinqabu kan jedhan abbaan alangichaa, wayita ammaa sadarkaa naannoottis ta’e fedeeraalaatti hattootaafi sarbitoota mirga dhala namaarratti qorannoo seeraa taasifamaa jiraachuu himu.

Kanaan walqabate namoonni tokko akka waan hattuun saba tokko keessaa qofaa baateetti ilaaluudhaan ummata naannoo tokkoo qofa wayita balaaleeffatan akka mul’atu kaasanii, kun garuu sirri akka hintaanee ibsu. “Hanni amalumasaatiin akkaataa walitti dhiheenyaatti hojjetama. Kunimmoo amantii, qomoo yookiin bakka dhalootaan ta’uu mala. Akka carraa ta’ees namoota sadarkaa fedeeraalaatti qabamaa jiran irratti kan mul’ates kanuma” jedhu.

Akka Obbo Tashoomaan jedhanitti, qomoon tokko hattuu, qomoon tokko ammoo qulqulluu jechuu miti. Namni yoo haatu qomoosaatiin mari’atee haatu waan hinjirreef hattuun saba bakka bu’uu hinjiru. Yommuu hojiin qorannoo cimee itti fufu hattuun saba hundaa keessaa inuma baati. Ammas lakkoofsatu wal hingitu malee saba hunda keessayyuu namni seera cabsuufi daandii jallinaarra deemuu ni jira. Naannooleettis hojiin hannaa qindaa’eefi cimaa ta’ee hojjetamaa jira. Kunis, ummata naannichaa kan bakka bu’uu miti.

Akka waliigalaatti yoo ilaalamu amma dubbiin dubbii hattuun eessa baay’inaan jira jechuu osoo hintaane hattuun bakka hundayyuu akka jiuufi garuu olaantummaa seeraa jalaa ba’uu akka hindandeenye beekuun barbaachiisaa ta’uu kaasanii, eenyuyyuu hates ta’e mirga dhala namaa sarbee ittigaafatamummaa jalaa akka hinbaane hubachiisu. Kanaafuu hawaasnis haala itti hattoota saaxilurratti yaaduu qaba malee eessaa dhuftee hattootaarratti cinqamuu hinqabu jedhu.

Sochii ammaan tana mootummaan eegale kun galmaan kan ga’u hirmaannaan ummataa ho’aa ta’ee yoo jiraate ta’uusaatiin hawaasni hattoota saaxiluu yoo eegaleefi, mirgasaaf falmachuu yoo shakale jijjiiramni biyyattii fagoo akka hintaanes ni eeru.

Gama qabiinsa mirga dhala namaatiin yoo ilaalame keessumaa manneen sirreessaa keessatti haaromsi naannoo Oromiyaatti eegalame isa federaalaaf iyyuu ka’umsa jechuun akka danda’amu ibsu. Haaromsi waliigalaa utuu hineegaliin naannoon Oromiyaa qabiinsa adabamtootaa qorachuudhaan bajata ga’aa ramade qarshii nama tokkoof ramadamu 11 irraa gara 20tti guddisuusaa kaasu. Haalli adabamtoonni leenjii ogummaa itti argataniis fooyyeeffamuusaas ni himu.

Kanaaf rakkoon hammataa manneen sirreessaa naannichaatti ka’an jiru jechuun rakkisaadha; kana jechuun garuu rakkooleen xixiqqoo ni dhibu jechuu miti. Akka fakkeenyaatti dhiphachuu kutaalee irraa kan ka’e lakkoofsi adabamtootaa kutaa tokko keessatti baay’achuu kaasuun ni danda’ama.

Dimshaashumatti, yoo ilaalamu hataniifi mirga dhala namaa sarbanii seera jalaa dhokachuun hindanda’amu. Yoo yeroo fudhate malee hunduu seera jala ooluun hinhafu. Kunimmoo hirmaannaa mootummaa qofaan fiixaan hinba’u. Hawaasniifi miidiyaan ga’eesaanii isa olaanaa ba’achuun isaanirraa eegama.

Saamraawiit Girmaatiin

 

Recommended For You

One Comment to ““Eenyuyyuu hatees ta’e mirga namaa sarbee ittigaafatamummaa jalaa hinba’u””

  1. Pingback: more

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *