Doktar Abiyyi Ahimad: Nama jabaa Afrikaa bara 2018

Xalayaa barreessitoonni Afrikaa ‘BBC’f barreessan keessaa gaazexeessituun Gaanaa Elzaabeet Oheenee bara Faranjootaa xumuramaa jirutt taateewwan guguddoo Afrikaa keessatti raawwataman eerteetti.

Taateewwan ALA bara 2018tti raawwatama keessaas jalqabarratti kan eerte waa’een Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad isheen barrreessite taatee ijoo Afrikaa ta’ee filatameera.

Seenaa Afrikaa keessatti yommuu wanti cimaan mudatu kadhataafi obsaan dabarsuun erga mul’atee waggoonni darbaniiru jechuun barreeffama ishee kan eegaltu gaazexeessituun tun, gaggeessaa humna waranaa mootummaa fonqolchuuf dhufe tasgabbeessanii puushaappii hojjechiisanii gadhiisuun yeroo hunda argachuun rakkisaadha jetti.

Garuu Doktar Abiyyi ji’a Fulbaanaa darbe keessa humna mootummaa fonqolchuuf garagalchuuf dhufeefi dhimma daran naasisaa ta’e kana fuula ifaadhaan simatanii akka salphaatti tasgabbeessuu danda’uun gaggeessaa namoota hedduu ajaa’ibsiise ta’eera.

“Namni umrii waggaa 42fi gaggeessaa dargaggeessi Afrikaa kun waan inni hojjechuuf jedhuufi akkaataa inni itti hojiisaa raawwatu tilmaamuunillee nama dhiba” jetti.

Akka Elzaabeet jettutti, Itoophiyaan waggoota hedduuf biyya ollaashee, Ertiraa waliin nagaa uumuu dhabuusheetiin biyya mootummaa abbaa irree jedhamuun qeeqamaa turteetti.

Ministirri muumme kun aangoo qabatee garuu utuu baay’ee hinturiin labsii yeroo hatattamaa biyyattiin labsitee turte kaaseera, hidhamtoota siyaasaa kumaatamaan lakkaa’aman mana hidhaatii gadi dhiiseera, namoonni biyyaa baqatanii ba’aan gara biyyattii akka deebi’an godheera, chaanaaliwwan televizyiniifi marsariitiiwwan ugguramanii turan bilisa baaseera.

Hojii inni gama dippiloomaasiitiin hojjete ilaalanii namoonni yommuu jajanis biiftuu karaa dhihaa baasuutiin qixxee akka ta’e dubbatu kan jettu gaazeexessituun tun, waraana yeroo dheeraa Ertiraa waliin ture dhaabsisuun daangaarratti waldhabuun yeroonsaa akka goolabamu taasisuusaa eerti. Kanas daaw’annaa hineegamne magaalaa guddittii Ertiraa, Asmaraatti argamuun ummata fuulduratti pirezdaanti Isaayaas Afawarqii harka qabuun waraanni waggoota 20 olii xumura akka argatu labseera jechuun yaadachiifti.

Hojii dniqisiisaa inni biroon ammoo ji’a Onkololeessa keessa Doktar Abiyyi kaabiinotasaa keessaa walakkaa dubartoota taasisee muudeera jechuun barreessiti Elzaabeet.

Dabalees Ambaasaaddar Sahlawarqi Zawudee Pirezdaantii, Ma’aazaa Ashannaafii Pirezdaantii Mana Murtii Waliigalaa biyyattii, Birtukaan Miidhagsaa Walittiqabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa akkasumas Billanee Siyyum dubbi himtuu mootummaa gochuun muuduunsaa hojii ciccimoo erga muudame hojjeta ta’uusaatiin nama cimaa Afrikaa ta’uu danda’a jechuuni barreeffameshee kan goolabde.

 

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *