Rakkoo nageenyaa kamiyyuu mariidhaan furuun bilchina

Walitti bu’iinsi yeroo kamiyyuu biyyaafi biyya, naannoofi naannoo, maatiifi maatii, obbolaafi obbolaa gidduuttuu uumamuu danda’a. Walitti bu’iinsa kamiyyuu mariidhaan furuun gamnummaadha.

Rakkoo nageenyaa sababa walitti bu’iinsa daangaa Somaaleefi Beniishaangul Gumuz gidduutti mudateen lammiilee hedduun du’aniiru, qe’ee isaanii irraa buqqa’uun harka namaa ilaaluuf dirqamaniiru. Rakkoo walitti bu’iinsaafi nageenyaa kana mariidhaan furuufi araara buusuuf yaalii maanguddoonni, abbootiin Gadaa, Abbootiin Amantii taasisaa jiran jajjabeeffamuu kan qabuudha.

Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin akka jedhanitti, rakkoo nageenyaa sababa walitti bu’iinsa daangaatiin Oromiyaa keessatti bakkeewwan adda addaatti mudataniifi mudachaa jiran mariidhaan furuun nageenya waaraa mirkaneessuuf sadarkaa naannottis ta’e biyyaatti itti adeemamaa jira. Maanguddoota, abbootii Gadaa, Abbootii amantii waliin ta’uun hojiin hariiroo hawaasaa cimsuu, araara buusuufi nageenya naannawaa mirkaneessuu bal’inaan raawwatamaa jiraachuu himaniiru.

Koreen araaraa jaarsolii, abbootii Gadaafi abbootii amantaa of keessatti haammate tokkostokkos hundaa’ee gara hojiitti galeera kan jedhan Aadde Loomiin, korechi ergama mootummaatiin utuu hintaane kaka’umsa isaatiin hundaa’uun hawaasa mariisisuudhaan rakkoo nageenyaa karaa aadaafi duudhaa Oromoofi sabaabfi sablammootaatiin furuun araara buusuuf kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Diinni har’as Oromiyaa kallattii hundaan dirree jeequmsaa, dirree dhiigni itti dhangala’uufi lubbuun ilmaanshee itti darbu taasisuuf socho’u jira kan jedhan Af- yaa’ittiin, namni kamiyyuu miira ittigaafatamummaafi abbaa biyyummaatiin mootummaa waliin ta’uun shira diinaa fashaleessuuf hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Walittiqabaan Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo Doktara Kabajaa Bayyanaa Sambatoo akka jedhanitti, nageenya naannawaa keenyaa kan eeggatu nuyi. Yoo tokkoon tokkoon keenya waa’ee nageenyaa yaadne biyyi keenya nagaa taati. Daa’imni tokko yoo fayyaa ta’e guddattee bakka yaadde ga’a. Biyyis guddachuufi misoomuu kan dand’u yoo nageenya qabaateedha. Namni kamiyyuu akkuma fayyummaa qaama isaa eeggatuufi kunuunfatu nageenya naannawaa isaas eeguufi kunuunsuu qabna jedhu.

Yeroo ammaa qaama nageenya barbaaduufi hinbarbaannetu wal lolaa jira kan jedhan walitti qabichi, qaamolee lamaan gara nageenyaatti fiduuf abbootii Gadaa, abbootii amantiifi jaarsoliin biyyaa gahee isaan irraa eegamu bahachuu qabu. Maddoota rakkoofi walitti bu’iinsaa ta’an bakka hunda deemanii ilaaluufi hawaasa mariisisuun nageenyi amansiisaan akka jiraatu taasisuuf gahee isaan irraa eegamu bahachuu qabu. Adeemsa kana keessatti ilmi abbaa, abbaanis ilma dhageeffachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Nageenyi bu’uura waan hundaa waan ta’eef tokkummaadhaan irratti hojjechuu qaba kan jedhan walitti qabaan gumichaa, mootummaan akka mootummaatti, hawaasnis akka hawaasaatti hundinuu seera eegee deemuutu irra jira. Mootummaan uummata waliin ta’uun olaantummaa seeraafi nageenya kabajchiisuu irratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Waaqayyo lafa kana irratti daangaa hinsararre. Daangaan namtolcheedha. Rakkoo nageenyaa sababa walitti bu’iinsa daangaatiin mudateen namoonni hedduun du’aniiru; qe’ee isaanii irraas buqqa’aniiru. Maanguddoonni biyyaa rakkoo nageenyaa sababa walitti bu’iinsa daangaatiin mudataniifi mudachaa jiran mariidhaan furuuf gumaacha isaan irraa eegamu bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Walittiqabaa Gumii Dhaabbilee Amantii Oromiyaa Qeesis Balaay Mokonnin akka jedhanitti, haalli yeroo amma keessa jirru of eeggannoofi bilchinaan socho’uu barbaada. Tokkummaa keenya diiguuf wantoonni adda addaa raawwatamaa jiru. Miidiyaa hawaasummaa irrattis oduun sobaa hoggantootaafi ummata walitti buusu hafarfamaa jira. Kun shira diinni xaxaa jiru waan ta’eef tokkummaa keenya cimsuu rakkoofi hir’ina keenya mariidhaan furuu irratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna jedhu.

Lolli mana keessaa gadhummaadha. Gootni diidatti diinaan lola. Tokko ta’anii diinaan loluun gamnummaadha. Mana keessatti walitti deebi’anii wal loluun ammoo salphina. Kan diinaan lolu yoo kufes yoo du’es seenaadha. Utuu diinni nutti marsee jiruu walitti deebinee wal lolluun diinaaf harka kennuudha ykn karaa banuudha. Kanaafuu lolli mana keessaa jibbamuu, abaaramuufi balaaleffatamuu qaba jedhu Qeesis Balaay.

Tokkummaan dargaggoota keenyaaf gale nuyiif hingalle kan jedhan Qeesis Balaay, dargaggoonni Oromoo bakka jiran hundatti tokkummaa qabu. Dogoggora isaanii irraas walsirreessaa rakkoo jiru ammoo waliin ofirraa faccisaa jiru. Tokkummaa isaanii kanas cimsanii itti fufsiisuu akka qabaniif dhaamsa dabarsaniiru.

Nageenyi waaraan naannichatti akka mirkanaa’uuf rakkoon walitti bu’iinsaa daangaan walqabatee darbee darbee mudachaa jiru dhaabbachuu qaba kan jedhan Qeesis Balaay, lammiileen sababa walitti bu’iinsaatiin qe’ee isaanii irraa buqqa’anis gara qe’ee isaaniitti deebisuufi araara buusuuf maangoddota, Abbootii Gadaa, Abbootii Amantii waliin hojjechaa jiraachuu dubbatu.

Ittaanaa Walittiqabaa Gumii Dhaabbilee Amantii Oromiyaa Sheek Ahimad Zaakiir gama isaaniitiin akka jedhanitti, nageenyi jireenya ilma namaatiif ta’e misoomaafi guddina naannichaas ta’e biyyattii keessatti mul’achaa jru itti fufsiisuudhaaf daran murteessaadha. Humnootni saba tokko saba biraa waliin walitti buusuudhaan nageenya naannichaas ta’e biyyattii booressuuf socho’an ni jiru. Kaayyoofi shira diinaa kana fashaleessuuf tokkummaa keenya cimsuu qabna jedhaniiru.

Ummatni Oromoo mirga, faayidaafi lafa isaa irratti mirga abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffatee sabootafi sablammoota biyyattii hunda waliin nagaafi jaalalaan wajjin jiraachuu barbaada kan jedhan Shee Ahimad, nageenya naannichaas ta’e biyyattii mirkaneesuudhaafi shira diinni dukkana kaleessaatti nu deebisuudhaaf xaxaafashaleessuuf ummatni, maanguddoonni, qeerroofi qarreen mootummaa cina hiriiruu akka qaban yaadachiisaniiru.

Rakkoo nageenyaa kana furuuf tokkummaa keenya daran cimsuun murteessadha kan jedhan Sheeh Ahimad, hundi keenya waldhagahuu, wal hubachuu, waliif abboomamuufi wal kabajuu qabna. Rakkoon kan mudatu yoo ta’es madda rakkoo sanaa sirriitti qorachuun mariidhaan furuun gamnummaadha jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

One Comment to “Rakkoo nageenyaa kamiyyuu mariidhaan furuun bilchina”

  1. Pingback: read this

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *