Hirmaannaa Obbo Girmaa Waldagiyoorgis siyaasa biyyaa keessatti

Pirezidaantiin duraanii mootummaa RFDI, Obbo Girmaa Waldagiyoorgis bara 1917 hanga 2011tti jiraachuun beekumsaafi dandeettii qabaniin biyyasaanii tajaajilaa turaniru. Mudde 6 bara 2011 garuu dachee kanarraa du’aan boqotan.

Hirmaannaa isaan siyaasa Itoophiyaa keessatti taasisan ragaalee kitaaba Ballaxaa Abbabaa, “Duriifi Barana (‘Diroonnaa Zendiroo’)” bara 1996tti qophaa’erraa arganne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Obbo Girmaan waggoota 94 jiraatanitti sochii hawaas-dinagdeefi siyaasaa biyyattii keessatti ciminaan gaheesaanii bahachaa turuusaanii ragaaleen addaddaa ni eeru. Kanaan kufaatii Xaaliyaanii booda bara 1933tti leenjii loltummaa fudhachuuf Akkaadaamii Loltummaa Hoolotaatti makaman. Leenjii fudhataniinis qabxii olaanaa galmeessisuun loltuu Itoophiyaa ta’anii tajaajilaa turan. Gara Finfinneetti deebi’uunis ittigaafatamaa sabqunnamtii loltootaa ta’uun kan hojjetan yoo ta’u, waggaa lamaa boodas mana barumsa humna qilleensaatti jijjiiramuun tajaajilaniiru.

Mana barumsa humna qilleensaa keessattis barnoota loltummaa akkaa kennan hoggansa daandii qilleensaarratti ammoo barumsa fudhachuun qondaaltota muraasa yeroosan eebbifaman keessaa tokko turan.

Bara 1942tti ammoo Waldaa Deggarsa Siivilii Holaandirraa ogummaa bulchiinsaatiin, Sawudii Arabiyaarraa ammoo bulchiinsa tiraafikii qilleensaatiin, akkasumas Kanaadaarraas barnoota to’annoo daandii qilleensaatiin waraqaa ragaa argataniiru.

Bara 1947ttis Aveeshinii Eertiraatti ramadamuun hogganaa kan turaniifi bara 1972 irraa kaasee ammoo waggoota 10f tajaajiloota namummaa kennuun hojiilee bu’aa qabeessa hojjetaniiru.

Wayita mootummaan ce’umsaa hundaa’e jechuunis bara 1983 hanga 1984tti rakkoolee eenyummaa Sooddoo Oromoo mulquuf akeekee ture adda durummaan falmuun akka sirreeffamu taasisaniiru.
Jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo guguddoo, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)fi Oromoo Dimokraatik Paartii (ODPn) wajjin ta’anii ummata naannawichaa bakka bu’uun dhimma Oromoo Sooddoorratti hojjechaa turaniiru.

Adeemsa keessaas ODPn naannoo Oromiyaa bulchuu waan eegaleef dhaabicha waliin ta’uun hiyyummaa dhabamsiisuufi sochii misoomaa finiinsuuf kutannoon hojjechaa turan. Kanaanis milkaa’aniiru.

Filannoo biyyaalessaa bara 1992tti adeemsifame keessatti Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dorgomuun kan filataman yoo ta’u, walitti qabaa koree dhaabbii dhimmoota eegumsa naannawaa ta’uun akka tajaajilaniif filataman.

Kunis xiyyeeffannoon isaan kunuunsa naannoof qaban olaanaa akka ta’e kan argisiisu ture. Koree dhaabbii hogganaa turan keessattis ittigaafatamummaa isaanii haalaan bahachaa waan turaniif damicharratti bu’aa boonsaa galmeessisaniiru.

Abbaa ijoollee shanii kan turan Obbo Girmaa Waldagiyoorgis, umuriisaanii guutuu misooma hawaas-dinagdeefi siyaasaa keessatti hirmaachaa turan. Muuxannoo hedduu kallattiilee hundaan argataniin bara 1994tti Pirezidaantii mootummaa RFDI ta’uun filatamaniiru. Kunimmoo hojii gaarii isaan biyyattiif hojjechaa turan caalaatti lammiileen akka hubataniif carraa uumeeraaf.

Bu’aa bahii jireenyaa filannoo namaatu murteessa kanneen jedhan hedduudha. Tarkaanfii tokko gara duubaatti osoo deebina’aniiru ta’ee sadarkaa irra turanirra gahuu akka hindandeenye dubbachuun kan beekaman Obbo Girmaan, biyyasaanii jaalataniifis oolmaa guddaa oolaniiru. Umurii jiraatan keessattis yeroo sirnaan fayyadamuun kan beekaman ta’uu seenaa jireenyasaaniirraa hubatameera.

Akkuma Looreet Tsaggaayee Gabramadiin kitaabasaanii keessatti, “Duutis yaa du’u, eessa abbaasaa” jedhan lubbuu Obbo Girmaa Waldagiyoorgisiif boqonnaa bara baraa, maatiifi ummata Itoophiyaa maraaf jajjabina hawwina!

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *