Hoggansa dhiisanis dirree siyaasaarraa kan hinfagaanne ta’uu Obbo Leencoo Lataa ibsan

Finfinnee: Hoggansa siyaasaa dhiisaniyyuu dirree siyaasaa keessaa akka hinbaane dura taa’aan Adda Dimkoraatawaa Oromoo (ADO) ibsan.

Dura taa’ichi, Obbo Leencoo Lataa ibsa Gaazexaa Bariisaatiif addatti kaleessa kennaniin, yeroo muraasa booda hoogganummaa dhaabasaanii akka gadhiisan himanii, ogummaa qabaniin deeggarsa barbaachisu gochaa dhaabicha akka jajjabeessan eeraniiru.

Obbo Leencoon qabsoo siyaasaa waggoota 50 oliif taasisaa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaattis jijjiirama galmaahaa jiru cina dhaabachuun siyaasa biyyasaanii cimsuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Qabsoo diddaa gabrummaa kanaan yeroo dheeraaf taasifameen dhiigni hedduu dhangala’uu kan himan Obbo Leencoon, sirni sun akka hindeebineef mootummaa haaromsaa kana waliin dhaabachuuf miira kutannoo akka qabaniidha kan dubbatan.

Dura taa’ummaa ADO akka gadhiisaniif sababa kan ta’eef bakka bu’insi dhaloota haaraan eegalame akka milkaahuuf yaadanii ta’uus dubbataniiru.

Yeroo ammaatti dhaloota haaraa aangessuun jijjiirama argamsiisaa jira kan jedhan Obbo Leencoon, sochiin eegalame cimee akka ittifufuuf dura taa’ummaa akka gadhiisaniidha kan ibsan. Obbo Leencoon turtii biyya hambaatti dabarsan keessatti kitaabilee sadii Ingiliffaan barreessuusaanii dubbataniiru.

Kitaabilee kanneen keessaa inni jalqabaa cehumsa 1991/92 irraa maal baranna kan jedhu yoo ta’u, waggoota 20 dura akka barreeffameedha kan himan.

Kitaabnisaanii 2fan bara 2004 barraahe, Hiree Murteeffannaafi Siyaasa Gaanfa Afrikaa kan ilaallatu ta’uu himanii, kitaabnisaanii 3fan Dhaabbatni Mootummoota  Walta’anii Nagaa Eegsisuuf Gaanfa Afrikaa keessa socho’u iccitii maal of keessaa qaba kan jedhu ta’uu ibsaniiru.

Kun ta’us kitaabileen kunneen dhiibbaa mootummaan abbaa irree aangoorra ture qaqqabsiisaa tureen gara biyyaatti seenuu akka hindandeenye ibsaniiru. Kitaabileen kunneen yeroon  kennameefii kan barraahan ta’uu Obbo Leencoon himanii, fuulduratti haala mijataa uumamuun gara biyyaatti seensisuun dhalootaan gahuuf fedhii akka qaban eeru.

Yeroo ammaatti Itoophiyaan haala murteessaa keessa jirti kan jedhan Obbo Leencoon, keessumaa ummatni Oromoo injifannoo wareegama qaaliin argame kana itti fufsiisuuf miira kutannootiin dhaabachuu akka malu dhaamaniiru.

Kan darberraa barachuu qabna kan jedhan Obbo Leencoon, injifannoon argame kun akka lammiilee harkaa hinbaane tumsuu keessatti shoorri Oromoo olaanaa ta’uu himaniiru.

Bariissaa Mudde 5/2011

Waasihun Takileetiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *