Aadaan eenyummaadha!

Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa marsaa 13faf baranaa qopheessummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin Sanbata darbe kabajameera. Guyyaan kun ummattoota Itoophiyaa biratti guyyaa Heerri Mootummaa Riippaabiliika Federaalawa Diimokiraatawaa Itoophiyaa (RFDI) itti ragga’e Sadaasa 29 yaadachuuf waggaa waggaan kabajamaa kan jiru ta’uun isaa ni yaadatama.

 

Barruun ‘UNESCO Diversity of Culture Expressions’ jedhu guyyaa kana akka ibsutti “The day on which the rights and equality of the Ethiopian nations, nationalities and peoples were fully guaranteed under Federal Democratic Republic of Ethiopia Constitution” jedha.

Guyyaan kun guyyaa itti saboonni, sablammoonniifi ummattoonni biyyattii mirgaafi walqixxummaasaanii itti labsatan ta’ee, waadaa waliin jireenyaa, tokkummaafi jaalalaan waldanda’uufi wal kabajuun waliin jiraachuuf sanada waliigaltee isaanii Heera RFDI wabii godhachuun guyyaa itti raggaasifatan ta’uu nu hubachiisa.

 

Kanarratti hundaa’uun, saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa hundi bara baraan waggaatti guyyaa kana walitti dhufuun aadaafi duudhaalee jiruufi jireenya isaanii ni calaqqisiifatu. Kana malees, ummattoonni baroota dheeraaf otoo wal hinbeekneefi walitti dhiyaachuuf carraa hin arganne walitti dhufuun kan wal argan guyyaa kana.

Kana keessatti, duudhaalee jiruufi jireenya isaanii, seenaa, eenyummaafi aadaa isaanii waltajjiirratti wal barsiisaniifi walirraa baratan akkasumas tokkummaa isaanii guyyaa itti calaqqisiifataniidha.

 

Guyyaan kun, sagantaawwan adda addaatiin kan kabajamu ta’us, bal’inaan bakka bu’oonni sabootaa, sablammootaafi ummattoota biyyattii hundi walgahuun aadaa isaanii haalota adda addaatiin bakka itti agarsiifataniifi sabaa-himaaleen addunyaas ta’e qorattoonni adda addaa dhimma kanaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun  hordofu.

Kunis, sirboota adda addaa eenyummaa isaanii ibsan, uffannaa aadaafi mallattoowwan adda addaa qabatan, sagalee eenyummaa isaanii calaqqisiisuu danda’an meeshaadhaan ykn sagalee isaaniitiin dhageessisuuniifi sirnoota gara garaatiin mallattoo eenyummaa aadaa, afaaniifi seenaa isaanii akkasumas haala jiruufi jireenya isaanii daran ibsuufii danda’utti fayyadamuun agarsiisu.

 

Aadaan calaqqisiistuu maalummaa ykn eenyummaa saba tokkooti. Sabni tokko saba tokkorraa addatti kan ittiin beekamu keessaa inni ijoon aadaasaatiini. Aadaan eenyummaa, seenaa, afaaniifi haala jiruufi jireenya hawaasa tokkoo kan of keessatti qabatee argamuudha.

Kanaaf, aadaan mallattoo eenyummaafi beekamtii saba tokkooti jechuun ni danda’ama. Oromoonis aadaa hedduu maalummaafi eenyummaasaa qabatamaan isa ibsuu danda’u qaba. Qubsubni dachee Oromoos aadaafi jiruufi jireenya akkasumas xiinsammuu, dinagdeefi amantii hawaasichaatiin walqabata.

 

Hidda latiinsa Kuush keessaa madduun naannawa gaanfa Afrikaa kanarra bal’inaan qubatee kan argamu Oromoon biyya Itoophiyaa kana keessatti dachee Oromiyaafi Naannolee Amaaraa, Kibba, Somaalee, Gaambeellaa, Beenishaangul Gumuziifi kanneen biroo keessa kan jiraata.

Itoophiyaan alattis biyyoot akka Keeniyaafi Taanzaaniyaafaa keessa bal’inaan akka jiraatu ni beekama. Sabni kun saba bal’aafi dachee bal’aa uumamaan badhaaterra qubatee argama. Oromoon saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii 76 ol jiran keessaa tokko ta’ee saba guddaa dachee bal’aarra jiraachuun beekamuudha.

Ummanni kun, akkuma saboota biroo aadaafi eenyummaasaa ummattoota biyyattiif agarsiisuuf karaa miidhagina qabuun itti qophaa’ee guyyaa kana kabajaa tureera. Wayita guyyaa kana kabajus, tokkummaa keessoosaa cimsachuun kabajuurra darbee duudhaa ummattoota biroo waliin jiraachuu, hammachuu, guddifachuufi moggaafachuu qabus addunyaatti beeksisuuf akka carraatti itti fayyadamuun kabajaa tureera, jiras.

Guyyaan kun baranas marsaa 13faf Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin qophaayee kan kabajame yoo ta’u, Oromoon waan Oromoo fakkaatuufi isa ibsu qabatee handhuura Oromiyaa,  Finfinneetti ayyaanicha sirna miidhagaadhaan kabajeera. Bakka bu’oonni saba kanaa 110 ta’an aadaa Oromiyaan qabdu hunda bakka tokkotti walitti fiduun agarsiisaa turaniiru.

 

Kana yeroo jennu, Oromoon aadaa tokko, afaan tokkoofi eenyummaa tokko qaba. Haa ta’uyyuu malee, haala qubsuma lafaa, baay’ina sabichaafi haala jiruufi jireenya isaarraa kan ka’e Oromoon Oromiyaa bahaa, lixaa, kaabaafi kibba jiraatu naannawasaatti aadaa uffannaa, nyaataa, dhiichisaa/ragadaafi kkf ni qaba.

Kanarraa ka’uun egaa aadaan kun Godinaalee Oromiyaa hunda bakka bu’uun /Cultural Zone/ 10 jechuun Boorana, Gabra, Gujii, Baalee, Arsii, Jiille, Karrayyuu, Harargee, Shawaa, Wallagga irraa walitti dhufee Oromiyaa guddoo ummattoota biyyattiifis ta’e addunyaaf aadaasaa agarsiisaa tureera, jiras.

 

Oromoon handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinneettis ta’e ayyaanota isa dura kabajamaa turan irratti wayita aadaasaa agarsiisuuf dhiyaatu;

…Yaa Oromoo Tokkommaa,

Tokkummaa jabeessi Hundarra…

walaloo jedhuun itti galuun welleewwan adda addaa tokkummaafi eenyummaa isaa daran cimsaniifi calaqqisiisanitti fayyadamuun wellisaa tokkummaan aadaasaa agarsiifachaa tureera.

 

Finfinneen bifa kanaan Sadaasa 29 bara kanaa bakka bu’oota sabootaa, sablammootaafi uummattoota biyyattii keessumsiisuun kabajjee kan oolte yeroo ta’u, qopheessummaa ayyaana marsaa 14ffaa  Naannoo Oromiyaatti dabarsuun guyyicha sirna ho’aan kan kabajjeefi nagaafi tasgabbii olaanaan ayyaanicha goolabdee jirti.

Bariisaa Mudde 5/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *