Xinjechaafi dhamjecha

Xinjechi dameewwan xinqooqa gooree (‘micro linguistics’) keessaa tokko ta’ee, saayinsii caasaa jechootaa qo’atuudha. Hayyuun afaanii Katambaa jedhamu dhimma kanarratti akkana jedha: “Morphology is the study of the internal structure of words or simply a term for that branch of linguistics which is concerned with the form of words in different uses and constitutions”. Kana jechuun, xinjechi haala qindaa’ina keessoo jechootaa kan qoratu ykn moggaasa damee xinqooqaatiif kenname ta’ee, haala ijaarsa unka jechootaa adda addaa irratti kan xiyyeeffatuudha.

Akkasumas, boca, qabiyyeefi caasaa jechoota afaan tokko keessa jiran tokko tokkoon qo’achuurratti kan xiyyeeffatuudha. Kanaaf, jechoota bu’uuraa (‘basic words’) afaan tokko keessa jiran bu’uureffachuun jechoota lakkoofsaan daangamaleessa ta’an ijaaruun nidanda’ama. Jechoota kanneen ijaaruufis ta’e, isa ijaarame hubachuuf dubbataan afaanichaa g’umsa niqabaata jedhama. Walumaagalatti, xinjechi saayinsii afaanii waa’ee caasaalee jechootaa, akkaataa hormaataafi uumama dhamjechootaa gadifageenyaan qo’atuudha. Bu’aan qorannoo xinjechaa barnoota afaanii keessatti qabus:

Guddinaafi Dagaagina Afaanii Dabala: Xinjechi guddinaafi dagaagina afaan tokkoo keessatti haala uumamaafi hormaata jechoota afaan sanaa waan qo’atuuf barbaachisummaan isaa olaanaadha. Yaadrimeewwan jechoota haaraaf bakka bu’aa barbaaduu, galmee jechootaa qopheessuu, waaltina jechootaatiif haala mijeessuu; akkasumas, caasaa afaan tokkoo kan sadarkaa jechaa adda baasa.

Haala ijaarsa jechootaa Qorata: Xinjechi haala ijaarsa jechootaafi dhamjechootaa kan qo’atuudha. Kanaaf, jechi tokko dhaamsa tokko yookaan tokkoo ol of keessatti qabaachuu kan danda’u dhamjechoota waliin yoo seeraan qindaa’eedha.

Fakkeenyaaf, jecha “saroota” jedhu yoo fudhanne dhaamsawwan lama dabarsa. Kan jalqabaa, jechi “saree’ jedhamu beelada mana eegdu, miila afur qabduufi yeroo bineensa argitu duttu; kan lammataa “oota” kan jedhu lakkoofsa danuu tokkoo ol ta’uu kan mul’isuudha. Kanaaf, xinjechi haala ijaarsaafi hiika jechootaa adda baasee qo’ata.

Dhamjecha

Dhamjechi qaama xiqqaa afaanii ofdanda’ee dhaabbachuun hiika tokko qofa kennuufi hirkatee argamuun tajaajila caasluga adda addaa argisiisuuf ooluudha. Kanarrattis hayyuun ‘Hockette’ jedhamu  “Morphemes are the smallest individually meaningful elements in the utterance of a language,” jedha. Kana jechuun dhamjechi caasaa xiqqaa afaanii jechoota afaanichaa keessatti argamuun hiika kennuu danda’u jechuudha. Dhamjechi jecha sana keessatti of danda’ee hiika haaqabaatu malee yoo addaan qoodaman hiika hinqaban.

“Dhamjechi, jecha yookaan qaama jecha tokkoo ta’ee, hiika tokko qofaa kan qabu, caasaa afaanii keessatti murteessummaa olaanaa kan qabuufi waa’ee hiikaafi tajaajila jechaa kan ibsuudha” jedha. Kana malees dhamjechi qaama xiqqaa afaanii ta’ee odeeffannoo hiikaa kan dabaluufi tajaajila caaslugaa argisiisuuf kan ooluudha. Kanaafuu, unki xinqooqaa tokko addaan qoodamee hiika dhabeessa yoo ta’e; jecharratti dabalamuun hiika jechichaa kan jijjiiru ykn kan dabaluufi tajaajila caaslugaatiif oola.

Hayyuun damichaa ‘Hornby’ jedhamus “Morpheme is the smallest unit of meaning that a word can be divided into one or different meaningful forms. The word “like” contains one morpheme but

“unlikely” contains three morphemes” jedha. Kana jechuun dhamjechi caasaa xiqqaa afaanii hiika qabu ta’ee, kan jecha tokko unkaalee hiika qaban tokko ykn tokkoo olitti qoodee dhiyeessuudha. Afaan Inglizii keessatti jechi “like‟ jedhamu dhamjecha tokko kan qabu yoo ta’u, “unlikely”n immoo dhamjechoota sadii qaba. Kun immoo jechoonni afaan tokko keessa jiran dhamjecha tokkoofi isaa ol irraa ijaaramuu akka danda’an ibsa.

Haaluma kanaan, jechoonni Afaan Oromoo keessatti argamanis, dhamjechoota tokkoofi isaa ol irraa ijaaramuu danda’u. Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle, jechi “idilee” jedhu dhamjecha tokko kan

qabu yoo ta’u, “alidileessuu” kan jedhu immoo dhamjechoota sadii {al-idilee-ssuu} kan jedhu qaba. As keessatti, maxxantoonni “al-, miti”faan yaada ykn faallaa idilee ibsu. Idilee kan jedhu immoo wanta sagantaan hojjetamu yoo ibsu, dhamjechi “-ssuu” jedhu ammoo gochimeessituudha.

Tajaajila Dhamjechootaa

Faayidaan dhamjechoonni caasaa barnoota Afaan Oromoo keessatti qaban hedduudha. Hayyuun ‘Harmer’ jedhamu “It is clear that when we introduce a new piece of grammar we must teach not only the form, but also one of its function” jedha. Kana jechuun caasaa haaraa tokko yemmuu jennu kan barsiifamuu qabu unkaa qofaa osoo hintaane tajaajila hiikaa unki afaanii sun qabuudha. Tajaajila kanas akka ittaanutti ilaaluun ni danda’ama.

Looga Mul’isuu: Dhamjechoonni Afaan Oromoo garaagarummaa loogaa adda baasee mul’isa. Loogni Afaan Oromoo akkuma sadarkaa sagaleefi jecha irratti argamu sadarkaa latii irrattis ni argama. Fakkeenyaaf loogawwan heddumina argisiisan: gaaffilee (gaaffiiwwan), fardeen (faradoo), manoota (manneen) kitaabilee (kitaabota); akkasumas, abbummaa (possessiveness) kan argisiisan: Caalaaf (Caalaadhaaf), kitaaba koo (kitaaba kiyya), mana ishee (mana isii) kanneen jedhaniifi kanneen kana fakkaataniidha.

Kana jechuun, dhamjechoonni Afaan Oromoo danoomaafi abbummaa mul’isan looga kan argisiisan ta’uudha. Kunis, guddina barnoota Afaan Oromoofi dubbattoota afaanichaa biratti faayidaa olaanaa qaba.

Waaltina Afaaniitiif: Dhamjechoonni waaltina Afaan Oromoo keessatti gahee murteessaa qabu. Kana jechuun afaan yoo ittiin barataniifi qoratan dhamsagni, latiifi jechi walduraa duubaan galuun haala itti fayyadama afaan sanaa niwaaltessu. Yaadni kun kan ibsu, dhamjechoonni waaltina afaanii keessatti gahee kan qaban ta’uudha hayyoonni biroonis kanuma dhugoomsu.

Fakkeenyaaf, dhamjechoota danooma ibsan: Kitaabota: Kitaabilee; gaaffiilee: Gaaffiwwan; fardeen: Faradoofi kkf garaagarummaa loogaa waan mul’isaniif kitaaba barnootaa, qajeelcha barsiisaa kitaabilee deggersaa kanneen biroon waliin ta’uun caasaaleen jechootaa afaanicha keessatti argaman akka waalta’an gochuun guddina Afaan Oromootiif murteessaadha.

Loogni sadarkaa dhamsagaatti, dhamjechaafi jechaatti afaan tokko keessa jiraachuun kan mirkanaa’u yoo kitaabni waaltessee dhiyeesseedha. Kanaafuu, qopheessitoonni sirna barnootaa yaada kana hubannoo keessa galchuun kitaabilee barnootaa yeroo qopheessan bu’aa dhamjechoonni waaltina afaanii keessatti qaban waliin dhiyeessuu qabu.

Matima Mul’isu: Dhamjechoonni Afaan Oromoo maqaa irratti dabalamuun matima yookaan raawwataa gochaa ibsu. Fakkeenyaaf:

“Tolaan deeme”. Hima kana keessatti dhamjechi {-n} matima mul’isti. “Manni ijaarame” kana keessattis dhamjechi “-ni” matima mul’isti. “Margi haamame,” hima jedhu keessatti “-i”n matima mul’isti.

Himoota kanneen keessatti jechoonni manni, margi jedhaman caasaadhaan yookaan bakka galumsaatiin matima, hiikaan yookaan tajaajilaan antima. “Maqaan hima keessatti yemmuu matima ta’ee galu, dhamjechoota kanneen akka: {-n, -ni, -tifi -i} maxanfatu; akkuma kana, antimni caasaadhaan bakka matimaa yammuu galu, matima mul’istoota kanneen nimaxxanfatu.

Dhamjechoonni {-ni, -ti, -i}n jechoota yookaan maqaalee sagalee gabaabaan xumuraman irratti kan fufaman yoo ta’an; dhamjechi {-n}n immoo maqaalee yookaan jechoota sagalee dheeraan xumuraman irratti fufama; akkasumas, maqaaleen sagalee dubbifamaa {-n}dhaan xumuraman akka matimaatti yookaan antimaatti yemmuu galan dhamjechoota  dhokatoo fufatu.

Fakkeenyaaf Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaati. Namni ni yaada. Bishaan dhuge. Akkuma fakkeenya kanarraa hubatamutti, dhamjechi {-n} jecha sagalee dheeraan xumuramu irratti fufamee jira. Dhamjechoonni himoota 2fa keessatti gurraacha’ee jiru sagalee gabaabaan xumuramu irratti fufamanii kan galan yoo ta’u; himni 3fan sagalee dubbifamaan waan xumuramuuf dhamjecha dhokata fudhata.

Hennaa Argisiisu: Afaan Oromoo keessatti dhamjechoonni hennaa argisiisan gochimoota irratti fufamuun hennaa darbe, hennaa ammaafi hennaa dhufu ibsu. Kanaaf, dhamjechi hennaa darbe argisiistu dhamjecha {-e} yoo taatu, kunis, gochima muummeefi gargaartuu irratti galuu nidanadeessi.

Fakkeenyaaf deeme, gale, ture kan jedhan keessatti hundeen isaanii {deem- , gal-, tur-} kan jedhan yoo ta’an; hennaa darbe kan mul’istu {-e}dha. As keessatti “deeme”  kan jedhu gochima muummee yoo ta’u, “ture” kan jedhaman gochima gargaartuudha.

Fakkeenyaaf, Tolaan deemee ture, hima jedhu keessatti {-e}n gochima muummee ykn gargaartuu keessa jirtu haala raawwii gocha hennaa darbee ibsiti. Dhamjechoonni gochima muummee irratti fufamuun gocha hennaa ammaafi dhufu argisiisu.

Yaadni dabalataa kan fudhatame waraqaa eebbaa Duulaa Bilboo bara 2008 qopheesserraati.

Bariisaa sadaasa 21/2011

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *