Paartiileen ce’umsa siyaasaafi araara biyyaalessaa milkeessuuf tumsuu qabu

Jaarmiyaaleen siyaasa Oromoo dhimmoota guguddoo siyaasa biyyattii ceesisuu danda’an kanneen akka ijaarsa Itoophiyaa waliinii, haqa mirkaneessuu, araara biyyaalessaafi qooda miidiyaaleerratti guyyoota lamaaf  Galma Komishinii Dinagdee Afrikaatti tibbana mari’ataniiru.

Dura taa’aan paartii Adda Dimokraasummaa Oromoo (ODF) Obbo Leencoo Lataa OBNf akka ibsanitti, jijjiiramootni siyaasaa biyya kana keessatti mul’achaa jiran tumsa paartiilee siyaasaa ykn morkattootaa malee milkaa’uu hindanda’an. Waggoota kurnan lamaan darban keessa adeemsi siyaasa biyyattii mirgoota namoomaafi dimokraasii lammiileerratti dhiibbaa geessisuun gochootni suukaneessaa akka raawwataman godheera. Kunimmoo lammiileen hundarra tokkummaafi jaalalli biyyasaaniif qaban daran akka hir’isan godheera jedhan.

Kanarraa kan ka’e guutummaa biyyattiitti haqni akka hinmirkanoofne gochuun lammiileen badii malee qe’eefi qabeenyasaaniirraa akka buqqa’an taasifameera; kaan ammoo yoo ajjeeffaman, gariin eessa buuteensaanii dhibameera jedhu. Yeroo dhiyoo as garuu hoggansi jijjiiramaa keessumaa adeemsa siyaasaarratti rifoormiiwwan bu’uuraa hojiirra oolchaa waan jiruuf kallattiin siyaasaa Itoophiyaa fooyya’aa jiraachuu dubbataniiru.

Kana galmaan gahuuf ammoo mootummaa qofaarratti gatuun barbaachisaa akka hintaane himanii, paartiileen siyaasaa/morkattootaa harka harkaan tumsuu akka qaban yaadachiisan.

Barreessaan Kongiransii Federaalistii Oromoo (KFO), Obbo Baqqalaa Garbaa akka jedhanitti, wayita ammaa Itoophiyaan yeroo ce’umsaa keessa kan jirtu yoo ta’u, adeemsa siyaasaarratti tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiruun jijjiiramootni hedduun galmaa’aa jiru. Keessumaa tarkaanfiiwwan siyaasa biyyattii qajeelchan fudhatamaa jiraataniyyuu gufuuwwan ykn rakkooleen walxaxoon mul’achaa jiru.

Rakkoolee walitti bu’iinsa eenyummaarratti hundaa’ee raawwatamuu dhaabsiisuuf ammoo mootummaarratti quba qabuun barbaachisaa miti kan jedhan Obbo Baqqalaan, paartiileen siyaasaa marti qoodasaanii akka bahatan girsu. Kana gochuufis paartiileen, deggartootni isaanii nageenyaaf akka dhimmaman mariisisuu, qajeelchuufi hubachiisuu qabu jedhan.

Hoggantootni paartiilee siyaasaa jijjiiramoota biyyattiitti mul’achaa jiran cimsuufi kunuunsuun murteessaa ta’uu himanii, keessumaa kutaalee biyyattii hundatti wantoota jeequmsa ykn uggura uumanirraa of qusachuu qabuu jedhu.

Jijjiiramoota siyaasa mul’achaa jiran milkeessuuf miidiyaaleen gahee olaanaa qabaachuu ibsanii, gartuu paartii siyaasaa, sabaafi amantiirra bilisa ta’anii waan tokkummaa Itoophiyaa ijaarurratti fuulleffachuun hojjechuu akka qaban hubachiisu.

Daarektarri olaanaa Korporeeshinii Biroodkaastiingii Oromiyaa (OBN), Obbo Mohaammad Adamoo gamasaaniin ce’umsa siyaasaafi araara biyyaalessaa milkeessuuf gahee miidiyaaleen qabanirratti waraqaa qorannoo dhiyeessaniin, jijjiiramoota siyaas-dinagdeefi hawaasummaa dhugoomsuuf miidiyaaleen qooda olaanaa qabaachhuu eeran. Kana raawwachuurratti miidiyaaleen Itoophiyaa daran duubatti harkifatoodha jedhan.

Kunis, irra caalaan miidiyaalee biyyattii heerarratti hundaa’anii tajaajila kennuurra, gartuu mootummaa, paartiilee siyaasaafi qaamolee biroo ta’anii hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Kunimmoo miidiyaaleen riqicha mootummaafi ummataa ta’anii akka hintajaajille gochuun tokkummaan biyyaa haala barbaadamuun akka hindhufne hudhee kan qabeedha jedhan.

Kanaaf, miidiyaaleen qaamolee hundaaf riqicha ta’uusaanii hubatanii, waan gabaasaniifi bu’aa gabaasichi fidu xiinxaluun hojjechuu akka qaban gorsau.

Hirmaattonni konfiransichaa dhimmoota Itoophiyaa waliinii, haqa yeroo ce’umsaa mirkaneessuufi araara biyyaalessaa fiduuf paartiileen siyaasaafi miidiyaaleen sirnaan qoodasaanii bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru. Araara biyyaaleessaa buusuuf garuu dursa waliigaltee siyaasaa uumuun murteessaadhas jedhameera.

Bariisaa sadaasa 21/2011

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

One Comment to “Paartiileen ce’umsa siyaasaafi araara biyyaalessaa milkeessuuf tumsuu qabu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *