Milkaa’ina damee qonnaa; fooyya’insa qonnaan bulaatiin

Itoophiyaan biyyoota jalqaba qonna eegalan keessaa ishee tokko yemmuu taatu, gosoota sanyii garaa garaa omishuudhaanis kan beekkamtuudha.

Sanyiiwwan biyyattii keessatti omishaman kunnuunis haala qilleensa naannawaa irratti kan hundaa’aniifi omishtummaansaaniis haaluma kanaan kan wal qabataniidha.

Sanyiiwwan garaa garaa facaasuudhaan durattis haalli qilleensa naannawa sanaa sanyichaaf mijataa ta’uusaafi biyyoon naannichaas haaluma wal fakkaatuun mijataa ta’uunsaa durfamee adda bahuunis barbaachisaadha

Omishaafi omishtummaan damee qonnaa yerorraa yerotti dabalaa jiraachuusaa kan jiruufi jiruufi jireenya qonnaan bulaa irratti jijjiiramni hamma tokko dhufaa jiraatus damee qonnaa irratti jijjiiramni waaraa fuduuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachutu himama.

Hojimaata barame keessaa ba’uudhaan seketera qonnaa keessatti yaada haaraafi tekinolojii burqisiisuun damee qonna keenya ceesisuuf bakka amma jirrurraa ariitii cimaan deemuun galma qabame milkeessuuf qaamni hundi tumsa taasisuu akka qaban sadarkaa pirezidaantii ittaanaatti qindeessaan damee qonnaa Doktar Girmaa Amantee ni dubbatu.

Ce’uumsa qonnaa kana mirkaneessuuf immoo gaggeessitoota sektera qonnaa naannoo, godinaaleefi aanotaa waliin haala dameen qonnaa itti ceesifamu irratti sosochiifi mariin bal’aan taasifameera

Sosochiin kunis, hojiiwwan qonna bonaa qabeenya uumamaa, jallisiifi omisha bunarratti hojjetaman karaa milkeessuun danda’amurratti karoorri sosochii kan dhihaate yemmuu ta’u, dabalataanis, Biiroon qonnaafi qabeenya uumamaa hudhaawwan hojii qonnaa ceesisuu keessatti jiranirratti qorannoo gaggeessuun furmaata kennuuf hojjechaa jira jiraachuu himu.

Maree kanarrattis bu’aawwan qorannoo sadii matadureewwan: Sirna kenniinsa tajaajila eksiteenshinii qonnaa, hudhaalee wiirtuu leenjii qonnaan bulaafi dhimma kenniinsa leenjiirratti gaggeeffaman dhiyaataniiru.

Jijjiirama gama siyaasaatiin akka biyyaattis ta’ee naannootti dhufaa jiru hojiilee hawaasummaatiinis mirkaneessuun murteessaa ta’uu kan himan Doktar Girmaan, hojii gama qonnaatiin hojjetamu ceesisuuf karaa barame keessaa ba’uun omisha nyaataaf omishnurra darbuun qulqullinaafi baay’inaan galtee idaasteriifis oomishamu akka qabu himau.

Kana galmaan ga’uuf immoo, hayyoonni Oromoo biyya keessaafi alatti sadarkaa adda addaarra jiran beekumsaafi ogummaa qabaniin sektera qonnaa waliin ta’uun gumaacha lammummaa isaanii akka bahataniif waamicha dhiheessaniiru.

Dabalataanis, hojii qonnaa keessatti yaada haaraa maddisiisuufi teeknooloojiiwwan  galteewwan qonnaa ammayyeessuu danda’an irratti xiyyeeffachuudhaan murteessaa ta’uusaafi ka’umsaafi galma keenya beekuun beekumsaafi qorannoorratti hundaa’uun karoorfatamee itti deemamuu akka qabus kaasaniiru.

Hojiin gaggeessitoota sadarkaadhaan jiraniifi ogeeyyota seektara qonnaa keessatti argaman hundi kan madaalamu qabus bu’aafi jijjiirama qonnaan bultoota  biratti mul’atuun waan ta’eef, qaamni hunduu adeemsa keessaa ba’uun jijjiirama qabatamaan lakkaa’amuufi jiruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiru fiduuf onnatanii hojjechuu akka qaban ni dubbatu.

Gaggeessaan seektara qonnaa sadarkaa naannootii kaaseei hanga aanaafi gandaatti jiru hundi hojii sektera kanaa qindoominaan hojjechuun oomisha qonna daldalaa giddugaleessa godhate irratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban kan himan immoo hoogganaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee, qonnaan bulaafi horsiise bultoota dinagdeedhaan ga’oomsuun hojii ijoo qooda fudhattoota hundaa ta’uu akka qabu ibsu.

Bakka jiruufi jireenyui qonnaan bulaa hin fooyya’iniifi jijjiiramni laakka’amu hin mul’atinitti dameen qonnaa dhaabbii sirrii irra jira jechuun waan danda’amuu miti.

Waan ta’eefis fayyadamummaa qonnaan bulaafi horsiisee bulaatiif dursa kennuufi hojii qabatamaa lafa irratti mul’atu dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu kan qabu yemmuu ta’u, damee qonna ceesisuuf immoo teekinooloojiiwwan qonnaa sirnaan fayyadamuun hojirra oolchuun murteessaa ta’a.

Bariisaa sadaasa 14/2011

Bayyanaa Ibraahimiin

 

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *