Horsiisaafis iccitii kan ta’e faayidaa kanniisaa

Qabeenya uumamaa biyyattiin qabduufi ittiin beekamtu keessaa tokko qabeenya kanniisaati.

Faayidaa kanniisaa keessaa kan beekamaa ta’eefi bal’inaan bu’aarra oolaa jiru immoo damma yemmuu ta’u, Itoophiyaan dammaafi bu’aawwan dammaatiin Afrikaa keessaa sadarkaa duraa irratti kan argamtu ta’uu ragaaleen ni mul’isu.

Humni omisha dammaa biyyattiin qabdu olaanaa ta’us hanga ammaatti irra jireessaan mala baratamaadhaan omishamaa jiraachuun omishtummaa dammaa dabaluu  irratti dhiibbaa guddaa uumaa jira.

Haalli omisha dammaa biyyattii caalaatti karaa boodatti hafaan kan hojjetamaa jiru ta’us mala ammayyaattis dhimma bahamaa jira. Ta’us, Itoophiyaan wayitii ammaa omisha waliigala dammaa ardii Afrikaa keessaa dhibbantaa 30 ta’u kan omishtu ta’uunshii kana caalaa hojjannaan bu’aan caalu akka dhufuuf abdii kan namatti horuudha.

Yeroo ammaa kana biyyattiin gurmuu kanniisaa miiliyoona 10 ta’u kan qabdu ta’uusaafi ummanni miiliyoona lama ta’u immoo omisha dammaatiin jiruusaa kan gaggeessaa jiru ta’uu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

Biyyattiin qabeenya kanniisaa qofa osoo hintaane haala mijataa horsiisa kanniisaatiif mijataa ta’e kan qabdudha. Gosootni biqiltootaa nyaata kanniisotaatiif oolan kuma torba ta’an jiraachuunsaas haalota mijatoo biyyattiin hormaata kanniisaatiif qabdu keessaa isa murteessaadha.

Qabeenyi biyyattiin gama kanaan qabdu olaanaa ta’us garuu hanga ammaatti faayidaa achirraa argamuu malu argachaa kan hinjirre ta’uusaa Hoji gaggeessaan Boordii Qabeenya Kanniisaa Itoophiyaa, Obbo Nagaash Baqaanaa ni dubbatu.

Itoophiyaan horsiisa kanniisaatiin muuxannoo waggoota kuma sadii ol qabaachuushii kan himanii, yeroo sanatti biyyattiin horsiisa kanniisaafi omisha dammaatiin ofirra dabartee gara biyyoota ollaa kanneen akka Misiraa fa’atti ergaa turteetti.

Muuxannoon biyyattiin damee kanarratti qabdu olaanaa ta’us faayidaan biyyattiin achirraa argachaa jirtu gadaanaa ta’uusaafi kanaaf immoo horsiisa ammayyaatti ce’uu dhabuufi aadaan hojii biyya keenyaa rakkoo qabaachuun sababoota gurguddoo ta’uu himu.

Kanarraa ka’uudhaanis biyyootni qabeenya kanniisaa muraasa qaban gaagura dammaa tokkorraa waggatti damma kiiloo giraamii 150 omishaa jiraachuu himu. Itoophiyaan garuu gaagura tokkorraa waggatti damma kiiloo giraamii torba qofaa argachaa jiraachuu ibsu.

Dabalataanis biyyootani qabeenya kanniisaa isaanii sirnaan qabanii faayidaa irra oolchuu danda’an faayidaa gama hedduu achirraa argachaa kan jiran yemmuu ta’u, aannan dammaa, Abaaboo dammaafi summii dammaa kan jedhamaniifi baay’innisaanii torbaa ol ta’an sassaabamaa jiru.

Kanneen keessaa akka fakkeenyaatti yoo fudhanne aannan dammaa kan jedhamu liitirri tokko hanga doolaara kuma tokkootti kan gurguramuudha.

Inni summii dammaa jedhamu immoo dawaa garagaraatiif hedduu kan barbaachisu yemmuu ta’u, kunis liitirri tokko hanga doolaara kuma 25tti kan gurguramu ta’uusaa Obbo Nagaash ni dubbatu.

Walitti hidhamiinsa kanniisni uumama waliin qabu waan akka salphaatti ilaalamuu miti kan jedhan immoo Ministeera Qonnaatti Daarikterri Qabeenya Dammaa Obbo Damisoo Waaqjiraati. Walhormaata biqiltootaa saffisiisuudhaan uwwisni bosonaa akka dabaluuf faayidaan kanniisni qabu olaanaa ta’uu dubbatu.

Eegumsaa naannoofi jijjiirama qilleensaa to’achuudhaafis kanniisni ga’ee bakka bu’ummaa hinqabne kan bahatu ta’uufi biqiltootni nyaataaf oolanis omisha olaanaa akka argamsiisan taasisuu keessatti shoora olaanaa kan bahataniidha.

Faayidaa olaanaa kanniisni dameewwan gara garaa keessatti qabu irraa ka’uun Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Caamsaan 12 waggaa waggaadhaan guyyaa kanniisotaa ta’ee akka kabajamu murteesseera.

Walumaagalatti, biyyattiin qabeenya kanniisaa qabdu irraa faayidaa malu argachuuf tarkaanfiiwwan murteessoon fudhatamuu qabu.

Horsiisa kanniisaa ammayyeessuun, gaagura ammayyaatti fayyadamuun, damma qofa osoo hintaane faayidaalee biroo kanneen biyyoota birootti argamaa jiran argachuuf carraaquun immoo tarkaanfiiwwan fudhatamuu malan keessaa isaan guguddoodha.

Bariisaa sadaasa 14/2011

Bayyanaa Ibraahimiin

 

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *