Duudhaaleen walii yaaduufi garaa walii laafuu yeroo ayyaanaatti mul’atan idileeffamuu qabu

Yeroon harki dondhaa itti diriirfatu, amanaan waaqasaa itti sodaatuufi itti abboomamu, yeroo rakkataan haala addaatiin itti gargaaramuufi Waaqni dhala namaatii itti araaramu waqtii filatamaa waqtii kabajamaa, kijibniifi hawwiin dharaa fashalaa’ee dhugaan qal’ate itti mo’u, kabaja ayyaana Du’aa Ka’uu.

Yesuus Kiristoos dhiphina, du’uufi du’aa ka’uusaa ergamootasaatti kan hime qabatamaatti amma arganitti abdiifi wal’aansoowwan garagaraa isaan mudachuu akka danda’u hubachiisee ture. Ergaa guyyaa sadaffaasaatti du’aa ka’ee ergamootaafi duuka buutotasaatti altokkoon hin mul’anne.

Sababnisaas, tokko tokko rafanii turan, kaan ammoo du’aa ka’uusaatti waan hinamanneef osoo bakka awwaalaasaa hin deemiin hafan. Erga hirribaafi shakkiisaanii keessaa ba’anii waa’eesaa hunda yaaduu eegalan.

Gooftaa Yesuus Kiristoos waliin kan turan dhalachuufi guddachuusaa, barsiisaafi hojiisaa, dhiphachuufi du’asaa kan argan, abdii bor jiru ilaaluun obsaan kan deeman baay’eedha. Kaan ammoo qormaata dandamachuu dadhabanii dhiphinaafi rakkoo jiru sodaachuun kan biraa deebi’anis xiqqaa miti.

Maaddii tokkorraa waliin soorachaa gaarummaasaa dagachuun faayidaa xiqqoof kan dabarsee isa kennes hindhabamne.

Hordoftoonniifi deggartoonni hojiisaa raajjeffatan garuu abdii tokko qabu turan. Inni baay’inni qormaataa kaayyoosaarraa akka isa hinittifne hubatanis, gaafa Jimaanni darbee Sanbati xiqqaan dhufu garuu baay’een abdii kutachuu eegalan. Kiristoos du’aa ni ka’a kan jedhame soba itti fakkaatee ture. Kanneen hanga gaafa fannootti ‘Jabaadhu! Jabaadhu!’ jechaanii turanis duuba deebi’uu eegalan.

Kanneen keessa taa’anii diinaaf hojjetanis ta’ee garaa duuba kan duukaa deeman faayidaa yeroof jecha diinatti firoomuunsaanii bira gahame.

Har’as kanneen akka Yihudaa faayidaa dhuunfaafi bu’aa yeroof jecha diinaaf hojjetaniifi walitti dhufeenya ummatootaa booressuuf yaalan, walitti bu’iinsa uumuudhaan birmadummaa biyyattii gaaffii keessa galchuuf hojjatan hindhabaman.

Garummaan Kiristoosirraa baratamus ta’ee duudhaafi jaalalli, obbolummaafi tokkummaan ummataa gocha fixaaleyyii bu’aa ofii galmaan gahuuf fiiganiin akka hingufanneef hunduu bakka jirutti gaheesaa bahu qaba.

Dabalataanis kanneen akka Yihudootaafi Roomaanotaa sobaan dhugaa jiru dhoksuuf yaalanis olola sobaan dhugaan awwaalamuu akka hin dandeenye hubachuu qabu. Tokko tokko waggaa sadii guutuu qaamaan Kiristoos duukaa turanis olola sobaan dhugaa jiru dagatanii akka turan ni yaadatama.

Yeroo gammachuufi birmadummaa itti argatan sana irraanfachuun ololaafi rakkoo yeroof jecha abdii bor isaan eeggaturraa duuba kan deebi’anis baay’eedha. Kaan ammoo dhiphina yeroo murtaa’ee obsuufi dhugaa jiru hubachuun kaayyoosaanii bira ga’uu danda’aniiru.

Sanbanni xiqqaan amanootaafis ta’ee kaaniif guyyaa addaa ture.

Guyyaa dhiphinaafi kan baay’ee dheerate; Warri Roomaanotaa “Isiraa’eelotaaf dhumateera” jechuu eegalan; Yihudoonnis akkasuma.

Amantoonni garuu karaa tokkoon jeequmsaafi sodaa, karaa biraa abdii qaban yaaduu eegalan. Amantiin isaanii gara abdiitti akka hin jijjiiramneef jeequmsaafi haala jiru ilaaluun sodaatu. Jeequmsiif haalli jiru akka isaan hin bunneef ammoo amantiin isaanii abdii itti horeera; bor abdiifi ifa arguu akka danda’an dursanii hubataniiru.

Dhiphinni sanbata xiqqaatti isaan mudate garuu hanga dhumaatti waliin hin turre. Guyyaan du’aa ka’uu Sanbanni guddaan gammachuufi ce’umsa addaa fudhatee dhufe. Dhiphinni, boo’ichi, rakkoofi haalli kaleessaa sun bor itti hin fufu. Bor guyyaa addaati. Kan gammachuu, jijjiiramaafi milkaa’inaa akka ta’u hawwuu qofa osoo hin taane akka milkaa’uufis waan danda’aniin deeggaruun barbaachisaadha.

Guyyaan dhiphinaa Sanbata xiqqaa ture sun kunoo dagatamee waggaa waggaan guyyaan du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos gammachuun kabajamaa jira. Ka’umsiifi badhaadhinni keenyas akkasuma.

Wal’aansoo, gufuuwwaniifi haalota har’a jiran keessa dabarree bor abdii yaanne sana bira ni geenya. Hiyyummaafi haalota nu danqan ofirraa mulqinee akeeka ka’umsa keenyaa ni mikaneeffanna abdii jedhu horachuunis murteessaadha.

Walumaagalatti; aadaan walii yaaduufi garaa walii laafuu waqtii ayyaana du’aa ka’uus ta’ee ayyaanota biroorratti mul’atu cimee ittifufuudhaan aadaa yeroo hundaa hawaasni biyyattii ittiin beekamu akka ta’uufis irratti hojjachuun barbaachisaadha. Haala itti duudhaalee walii yaaduufi garaa walii laafuu yeroo hunda idileessuu dandeenyurrattis mar’achuufi yaada waljijjiruu qabna.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You