“Nagaa buusuun barbaachisaa ta’us haala heera biyyattii kabajeen ta’uu qaba” -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad(PhD)

Finfinnee: Nageenya biyyattii waaressuun dhimma ijoo ta’us sochii nagaa buusuu bu’uura heerra biyyattii ta’uu akka qabu Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi ibsan.

Doktar Abiyyi kan kan ibsan tibbana wayita paartiilee siyaasaa morkattoota biyyattii waliin a marii taasisanitti. Maricharratti dhimmi ijoon paartiilee kunneen kaasan dhabamuu nageenyaan gaaga’amni rogawwan maraa dhaqqabsiisuusaati. Paartiileen kunniin dhiphachuun dirree siyaasaafi dhiibbaan sadarkaa godinaa hanga gandaatti morkattootarratti ni taasifama jechuunis gaafataniiru.

Dhabamuun nageenyaa omishaafi omishtummaarratti akkasumas sochii hawaasummaarratti dhiibbaa qabaachuunsaa haqa lafa jiru ta’uu kan ibsan Doktar Abiyyi; nagaa buusuun fedhiifi ifaaja mootummaa qofaan kan milkaa’u miti. Akkuma qaamoleen nagaa booressan jedhan osoo mootummaan aangoo gad lakkiseeyyuu ummatni kaleessa cunqursaa jala ture eeyyamasaatiin ala qaama kamuu jalatti buluu waan hinfeeneef nagaan akka hinbuune dubbataniiru. Haa ta’u malee, mootummaan ummataan filatame araara bu’uura heeraatiin deggerame kamuu fudhachuuf qophiidha jechuun ibsan.

Dhiphachuu dirree siyaasaa ilaalchisaniis akka jedhanitti, paartiin badhaadhinaa hoggantoota paartiilee siyaasaa morkattootaa ilaalcha siyaasaa qaban moggaatti dhiisuun beekumsa qabaniin biyyasaanii akka tajaajilan taasiseera. Hoggansi ilaalcha siyaasaa qabuun osoo hin daangeffamin bu’aa olaanaa argamsiisan jiru.

Namni tokko miseensa paartii badhaadhinaa yookiin paartiilee siyaasaa morkattootaa waan ta’eef osoo hintaane ga’umsaafi amanamummaa ogummaasaaf qabuun bu’aaqabeessa ta’a. Hoggantoonni paartii badhaadhinaa hannaafi amanamummaa dhabuun angoorraa kaafaman kuma saddeetii ol ta’u. Hoggansi hannaafi amanummaa dhabuun angoorraa kaafame kunis amantaa yookiin sabummaa jala dhokachuun maqa balleessiin taasisu salphaa miti.

Haa ta’u malee, qaama imaanaa itti kenname dantaa dhuunfaaf oolfaturratti tarkaanfii fudhachaa paartiileen morkattootaa lakkoofsasaanii xiqqeessuun paartii cimaa yoo ta’an, keessumaa dargaggoota waliin hojjechuun karoorri bal’aan jiraachuu hubachiisaniiru.

Paartii badhaadhina garuu ololaaf osoo bakka hinkennin hojii dhalootni bor isa galateeffatu cimee hojjeta. Wanti hojjetamu kamuu filatamuuf osoo hintaane biyyaafi dhalootaaf ta’uu ibsanii; jijjirama dura qamadii biyya alaa galchuuf baasiin hanga doolaara Ameerikaa biliyoona tokkoo ba’aa tureera. Amma garuu fedhii biyya keessaa guutuurra darbee gabaa alaaf erguun akka eegalames dubbataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

 

Recommended For You