Marii biyyaalessaaf hanga ammaatti bakka bu’ootni kuma 14 filataman

Finfinnee: Hanga ammaatti bakka bu’ootni hawaasaa waltajjii galtee ajandaa marii biyyaalessaa walitti qaburratti hirmaatan kuma 14 ta’an filatamuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise. Dubbi himaan komishinichaa Obbo Xibabuu Taaddasaa ibsa Kaleessa miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, komishinichi aanaalee 940 keessatti hojii bakka buutota hawaasaa filachiisuufi galtee ajandaa marii walitti qabuu hojjechuun hanga ammaatti aanaalee 850 keessatti hojiin namoota hawaasa bakka bu’uun ajandaa marii walitti qabuurratti hirmaatan filuu guutumaan guutuutti xumurameera.

Bakka buutota kunneen filuuf namootni kuma 130 ta’an kan hirmaatan akka ta’e himanii; Naannoo Affaar, Benishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Hararii, Itoophiyaa Kibba Lixaa, Sidaamaa, Itoophiyaa Kibbaa, Itoophiyaa Giddugaleessaafi bulchiinsa magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaatti hojiin bakka buutota filachuu guutummaatti raawwatameera.

Yoo marichatti seeraan ittifayyadamne rakkoo nageenya biyyattiittii barootaaf uumamaa ture hundeerraa furuun akka danda’amu kan ibsan dubbi himaan kun; mikaa’inasaatiifis hawaasni biyyattii deeggarsa guddaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Pirezidaantiin Waldaa Barsiisota Itoophiyaa  Doktar Yohaannis Bantii gamasaanitiin akka jedhanitti, Itoophiyaa keessatti garaagarummaa jiru mariidhaan furuu dhiisuurraan kan ka’e biyyattiin lubbuu qaalii lammiileeshee dabalatee qabeenya hedduu dhabaa turtee jirti.

Waldhabdeen biyyattiitti uumame misoomaanis biyyattii duubatti deebisaa ture jedhanii, taatee Waraanaa Itoophiyaa kaabaatti dhiyeenya uumamee ture akka fakkeenyatti kaasuun waraanichaan seektarri barnootaa naannolee Tigraay, Amaaraafi Affaaritti daran miidhamuu ibsaniiru.

Qaamolee maricharratti hirmaatan keessaa waldaan barsiisotaa qooda fudhataa furtuu ta’uus himanii, waldichi komishinicha wajjin waliigaltee mallatteessuun waldaalee barsiisotaa sadarkaa sadarkaan jiran hirmaachisuurratti argama jedhan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

Recommended For You