Bitootessi 24 guyyaa gaaffiin Sabootaafi sabalammootaa deebi’uu eegaleedha

Finfinnee: Bitootessi 24 guyyaa gaaffiin sabaa sabalammootiifi ummatoota Itoophiyaa itti deebi’uu eegale ta’uu Manni Marii Federeshinii Itoophiyaa ibse.

Mana marichaatti Ittigaafatamaan Dhimmoota Kominikeeshinii Obbo Tarrafaa Badhaadhaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, gaaffiileen sirnoota duraa keessa deebii dhaban Bitootessa 24 eegalee deebii argachaa jiru.

Akka ibsasaaniitti, sirnootni darban gaaffii dimookiraasiifi mirga ofiin of bulchuu Sabaafi Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa deebisuurraa humna fayyadamuun fincila diddaa ummataaf sababa ta’eera. Kanaan walqabatee saba, sablamootafi ummatootni Itoophiyaa garee akka abbaa biyyaatti of ilaalaniifi akka lammii lammaffatti of ilaalan uumeera.

Keessumaa, Adda Dimokraasii Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) keessatti mirgi murteessuu murna tokko qofaaf kennamee ture. ADWUI ta’anii deggertootaa jedhamuun dhimma biyyaarratti mar’achuufi naannoo bulchaniirratti mar’achuuf carraa dhabuun babal’achuu ilaalacha moggeeffamuuf ka’umsa ta’eera.

Guyaa seena qabeessa kana hordofee mootummotni naannolee deggertoota jedhamaa gara wiirtuu siyaasa biyyattiitti dhufaniiru. Lammiileen biyyaatti kooluu galtummaan jiraachaa turan gara biyyasaaniitti deebi’aniiru. Lammiileen biyyattii biyyoota adda addaa jiran kabajaafi  anagaa akka argatan ta’uu eeranii; kanneen rakkoo keessa turan mootummaan gara biyyaatti deebisuun carraa hojii uumuufii ibsaniiru.

Tattaffii mummeen ministira Doktar Abiyyi Ahmad guyyicharraa eegaalanii taasisaniin walgaarreffannaan biyyoota ollaa waliin ture hafee yeroo ammaa ummatootni biyyoota lamaan gidduu jiran hariiroo gaarii akka ummatan ta’eera.

Itoophiyaan biyyoota ollaa biratti kabaja akka argattu, biyyooti ollaas Itoophiyaa biratti kabaja argachuun waldanda’uun waliin jiraachuuf guyyaa itti balballi saaqameedha jedhaniiru. Ejjennoo nageenyaa mootummaan Itoophiyaa agarsiiseen badhaasi noobeelii argameefi sekiteroota garagraa keessatti milkaa’aana argameen maqaa badaan duraanii jijjiiramaa jira.

Dirree siyaasaa babal’isuun walqabatee dhaabbileen siyaasaa kooluugaltummaan biyya ormaa jiraachaa turan biyya galanii karaa nagaafi dimookiraatawaan akka qabasaa’aniif carraa aragataniiru. Sababa kanarraa ka’een yeroo ammaa misseensota dhaabbilee morkattootaa sadarkaa ministiraa, magaalotaafi naannootti ogummaa qabanii biyyasaanii akka tajaajilaniif muudamanii hojjechaa jiru.

Dhaabbile deggertootaa jedhamuun naannolee shana carra dhimma biyyaarratti murteessuu dhabanii turan akka argatan ta’ee dandeettiifi ogummaa qabanii sadarkaa biyyatti muudamuu himanii; gaaffileen ofiin of bulcuufi gurmaa’uu sabaafi sablamootaafi ummattoota Itoophiyaa Kibbaa gaafatamaa ture guyyaa itti deebii argateedha.

Bitootessi 24 guyyaa seenaa kadhaa qamadii keessaa ba’uun sadarkaa qamadii alatti erguurra gauuf yaadi maddisiifamuu eegaleefi yaadoti riifoormiiwwan warraakisa diinagdee fidan itti burquu eegaladha. Walitti ida’amanii yaadaafi gochoota Bitootessa 24 as hojiirra oolan biyya diigamuuf fiixeerra geesse deebisee iddoo tokkotti kan ijaare ta’uu ibsaniiru.

Ta’us qaamoleen seenessi waloo garbummaa ittifakkatate jijjirama gufachiisuuf human fayyadamanis qormaata ta’uurra darbanii jijjirama eegalame duubatti deebsisu akka hindandeenye hubachiisaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

 

Recommended For You