Abbayyaa weedduu quufe har’a lammiif gugguufe

Finfinnee: Biyyootni qaroomina duriin irra deddeebiin maqaansaanii ka’u karaa tokkoonis kaaniin seenaansaanii lageeniin kan walqabatuudha. Itoophiyaan biyyoota qaroomina duriin beekaman keessaa tokko taatus Laga Abbayyaatiif bishaan %86 gumaachiti. Lagni Abbayyaa Itoophiyaa qaroomina Gibxii waliin akka hidhata guddaa qabutti seeneffamaa ture. Kun dabiinsa seenaa akka biyyaattis ta’e addunyaatti tureef agarsiistuu guddaadha. Waa’een abbummaa Laga Abbayyaa Itoophiyaa haa hafuutii fayyadamummaa haqaqabeessuu Gibxiif lafee qoonqootti rakkate ta’ee jira.

Kibxata darbe guyyaan jalqabbii waggaa 13ffaa ijaarsa Hidhaa Laga Abbayyaa Waajjira Qindeessa Hirmaannaa Ummataa Hidhaa Haaromsaa wayita kabajametti qondaaltonni federaalaa waltajjicharratti argaman ibsawwan garagaraa kennaniiru.

Itoophiyaan biyya qabeenya uumamaan badhaatee badhaadhinatti jijjiiruu gaara itti ta’ee tureedha. Sabni biyyattiis sirna kolonii gamtaan cabsee walabummaa biyyasaa tursiisuu keessatti seenaa boonsaa qaba. Sabni seenaafi qabeenya uumamaan dorgomaa hinqabne hiyyummaa hamaaf garba ta’ee turuu dubbatu Ministirri Muummee Ittaanaan Tamsgeen Xurunaa.

Har’a hiyyummaa hamaa keessaa gamtaan gara badhaadhinaa dinqisiisaatti arreedaa jiraachuu ummatichaaf Hidhaa Laga Abbayyaa agarsiistuu guddaa ta’uu himanii; ta’us imalli ijaarsa hidhicha waggaan 13 qormaata hamaan guutamus akka diinotni yaadan kan gufate osoo hintaane injifannoon gara xumuraatti dhufuusaa ibsaniiru.

Itoophiyaan hiyyummaa keessatti hidhamtee akka turtuuf diinotnishee fayyadamummaa haqaqabeessashii hordofte harkatti bisheessuun sababa madaala hinkaafne dhiyeessuun waltajjii addunyaatti dhaadhessaa jiraachuu eeranii; ummanni biyyattii gamtaan dhaabbatee waan qabuun hidhicha dhugoomsuu cinatti mootummaanis injifannoo dippiloomaasii hojii boonsaa boquu biyyaafi ummataa ol qabu hojjeteera. Gamtaa kaanaan hiyyummaafi dhiibbaa kamuu seenaa taasisuun fagoo akka hintaane Hidhi Laga Abbayyaa ragaa ta’uus dubbataniiru.

Lageen Itoophiyaa kallattiilee arfaniin jiran barootaaf biyyee gabbataan orma sooraa faallaa kanaa lolaadhaan lammii buqqisaa turan. Lammiileen biyyattii hanga humnisaanii danda’e laggeen kunneen luugamuun jallisiifi maddisiisa humna ibsaaf hanga tokko itti waa’ee ba’uuf milkaa’anis Lagni Abbayyaa hanga yeroo dhiyootti qabaa dhorkatee biyya hambaatti gulufuunsaa xiiqii dhaloota ammaatti uumuu Ministirri Bishaaniifi Inarjii Doktar Injinar Habtaamuu Ittafaa dubbataniiru.

Itoophiyaan gumbii bishaanii Afrikaa Bahaa jedhamtus hidhawwan bishaanii ijaarteen anniisaa elektiriikii meeggaa waattii 4000 yookaan %8 qofa maddisiisuu danda’uushees dubbatanii, ta’us waggaa 13n har’aa Laga Abbayyaa dhorkaa tokko malee biyya ambaatti gulufu hidhuun hanga anniisaa biyyattii dachaan dabaluun ji’ootni muraasni akka hafan hubachiisaniiru.

Laga Abbayyaa dura dhaabbatanii misoomaaf oolchuun aggaammiifi sodaa barootaa waan tureef addunyaan Itoophiyaan kan nidhugoomsiti abjuu jedhu hinqabu ture. Boodarra biyyattiin jecha gara gocha qabatamaatti jijjiirte wayita kattaan Laga Guubaa dadayya’uu eegalu ilaalchi addunyaa tuffiirraa gara tarkaanfii gufachiisuutti ce’uusaa yaadachiisaniiru. Dhiibbaan idiladdunyaa hidhichaan walqabate hundi bilcinaan qolatamee sadarkaa har’a irra jirurra ga’uun gamtaan Itoophiyaanotaa hundaa ol ta’uu mul’isas jedhan.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

Recommended For You