‘Zero Plan’: Karoora yunivarsitoota hundatti babal’achuu qabu

 Yunivarsitiin Walqixxee karoora ‘Zero Plan’ jedhamu hojiirra oolchuun keessumaa rakkoolee barattoota shamarraniirra gahuu malan ittisuufi furmaata kennuurratti xiyyeeffateera. Karoorichi Yunivarsitii Diillaatti kan jalqabane ta’uufi yeroo ammaa ammoo Yunivarsitii Walqixxeetti babal’atee rakkoo gama koorniyaa, dinagdeefi xiinsammuutiin keessumaa barattoota shamarraniirra gahuu malu hir’isuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Yunivarsitichatti Daarektarri Ittisaafi To’annoo ‘HIV/Edsii’ Dubartoota, Daa’immaniifi Dargaggootaa Aadde Masarat Asraat garee gaazexeessitoota Dhaabbat Pireesii Itoophiyaa yunivarsitichatti argametti akka himanitti, kutichi humna barsiisota dubartootaa, hoggansa dubartootaafi barattoota shamarranii cimsuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Hirmaannaa dubartootaa gudisuuf hojiileen qorannoo qorattoota dubartootaa qofaan adeemsifaman jiru. Kutaan kun barattoota dubaraas ta’e dhiiraa rakkoo dinagdee qabaniif deggarsa maallaqaafi wantoota bu’uuraa isaan barbaachisan taasisaafii jiraachuu himu.

Deggarsichi gargaarsa dhaabbilee gara garaarraa argamuun taasifamaa jiraachuu himanii, barana barattoota 570f deggarsa barbaachisu taasisaa jira. Barattoota rakkoo xiinsammuu qabaniifis ogeessota gorsa xiinsammuutiin tajaajila gorsaa akka argatan taasisaa jiraachuu eeranii, barataa rakkoo xiinsammuu humna keenyaan ol ta’e qabu ammoo gara hospitaalaatti geessinee yaalchifna jedhu.

Barattoonni shamarranii rakkoo isaan mudaterratti bilisa ta’anii akka mari’ataniif yunivarsitichatti Wiirtuun ‘Zero Plan’ jedhamu hundaa’eera. Wiirtichi miidhaawwan gama kamiinuu barattoota shamarraniirra ga’uu malan kamuu zeeroo taasisuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jira jedhu. Karoorri ‘Zero Plan’ miidhaawwan akka qoccollaa koorniyaa, tamsa’ina ‘HIV/ AIDS’ barnoota addaan kutuufi ari’atamuu shamarranii, ulfa hinbarbaachifne zeeroo taasisuurratti kan xiyyeeffatu ta’uus himaniiru.

Karoorichi kan qophaa’e bara 2014 ta’uufi bara 2015 irraa eegalee hojiirra oolaa jiraachuu kan himan Aadde Masarat, kanaanis barattoonni shamarranii miidhaa isaanirra ga’uu malu haala kamiin akka ofirraa ittisan, mirgasaanii akka kabachiifataniifi rakkoo irra ga’e ammoo qaama kamitti iyyatanii furmaata akka argatan barsiisuufi leenjisuurratti xiyyeeffata jedhu. Yunivarsitiin Walqixxee muuxannoo Yunivarsitii Diillaarraa argate Gamtaa Barattoota Shamarranii wajjin haala gaariidhaan hojiirra oolchaa jiraachuus ibsaniiru.

Wiirtuun ‘Zero Plan’ wiirtuu leenjii bal’aa tokko, kutaa ‘rehabilitation’ lama, kutaa wiirtuu odeeffannoofi kanneen biroo kan qabu yoo ta’u, waliigalatti kutaalee 12 qaba. Wiirtuun kun kan barattoota shamarranii ittiwaamama ‘Zero Plan’ ta’anii ta’us barattoota shamarranii hundaaf tajaajila kennaa jiraachuufi ittiwaamamni wiirtichaa daariktarichaafi, jechuun eeraniiru.

Wiirtichi kutaa barattoonni shamarranii waggaa dhalootasaanii keessatti kabajatanis qaba kan jedhan Aadde Masarat, kun barattoonni waggaa dhalootasaanii kabajachuuf gara magaalaatti ba’anii miidhaaf akka hinsaaxilamne taasisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubatu.

Wiirtichi bakka barattoonni shamarranii qofti bilisaan akka manasaaniitti itti qayyabatan ta’ee tajaajilaa jiraachuufi barattoonni shamarranii guyyaas ta’e halkan guutuu sa’aatii barbaadanitti wiirtichatti qayyabachaa jiraachuu eeraniiru.

Barattoonni shamarranii wiirtichatti torban lamatti altokko walga’anii rakkoolee isaan mudatanirratti mari’achaafi muuxannoo waljijjiiraa jiraachuufi kunis bilisa ta’anii akka mari’ataniif kan gargaaru.

Mariin kun bakka Pirezidaantiifi Pirezidaantii Ittaantuun Gamtaa Barattootaa Shamarranii argamanitti adeemsifamuufi gamtichi yeroo yeroon mataduree marii qopheessee barattootaa shamarranii mariisisaafi rakkoo isaanirra ga’u hir’isaa jiraachuu himu. Marichi dandeettii dubbachuusaanii gabbisuufis gahee olaanaa kan qabu ta’uu ibsu.

Yunivarsitii Walqixxeetti barattuu Ingiliffaafi Ogbarruu waggaa afraffaafi Gamtaa Barattootaatti, Ittiwaamamtuun damee Shamarranii Arseemaa Girmaa akka jettutti, dameen kun dhimma barattoota shamarraniirratti barnootarraa kaasee hanga tajaajilaatti jiranirratti xiyyeeffatee hojjeta.

Damichi adeemsa baruu barsiisuu keessatti rakkoolee barattoota shamarraniirra ga’uu malaniifi barnootasaaniirratti dhiibbaa uuman ittisuufi furmaata kennuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Rakkoolee tajaajila ibsaa, bishaaniifi doormiin walqabatee barattoota mudatan qaama dhimmi ilaallatutti iyyachuufi waliin hojjechaa jirra jechuunis ibsiteetti.

Dameen kun dhimmoota barattoota shamarraniirratti hirmaachaafi xiyyeeffannaa kennuun irratti hojjechaa jiraachuu kan himtu barattuu Arseemaan, barattoonni shamarranii keessumaa yeroo qormaataatti akka hidhiphanneef tajaajila gorsaafi deggarsa barbaachisu taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himti.

Dhiphinni sammuu qormaatarrattis ta’e barumsarratti dhiibbaa guddaa fida kan jettu barattuun tun, barattoonni barumsa akka addaan kutaniifis sababa ta’aa waan jiruuf shamarran rakkoo dhiphina sammuu qaban itti dhiyeenyaan dhimmasaaniirratti nu waliin mari’achaa jiru. Dhimma nama biraatti himachuu sodaatan dhufanii nutti himachaa jiru. Nuti ammoo dhimmicharratti gareedhaan mari’annee furmaata barbaadna jetti.

Kanaan dura barattoonni keessumaa shamarran baay’een semistara 1ffaa waggaa tokkoffaatti qabxii gadaanaa galmeessisuun ari’atamaa turan kan jettu Arseemaan, rakkoon kun yeroo ammaa tajaajila kennamaa jiruun hir’achaa dhufuu dubbatti.

Nuti ofiifi obboloota keenyaaf furmaata argamsiisna jennee hojjechaa jirra jettee, kanaanis ilaachi hindanda’uu jijjiiramaafi rakkooleen barattoota shamarranii mudatan hir’achaa jiraachuu eerti.

Wiirtuun karoora ‘Zero Plan’ jedhamuun yunivarsitichatti hundaa’e kun barattoota shamarraniif carraa gaarii uumeera. Barattoonni shamarranii wiirtichatti walga’anii dhimmootasaaniirratti bilisaan mari’achaafi rakkoolee isaan mudataniif furmaata argachaa jiru. Wiirtuun kun bakka barattoonni shamarranii qofti bilisaan sa’aatii 24:00 itti qayyabatanis ta’ee tajaajilaa jira jetti.

Yunivarsitiin Walqixxee mana kitaabaa barattoonni shamarranii itti qayyabatan dhabuurraa kana hafe hojii baruu barsiisuu haala gaariifi mijataa ta’een adeemsisaa jira jechuunis nutti himteetti.

Yunivarsitichatti barattuu ‘Biotechnology’ waggaa sadaffaafi Gamtaa Barattootaatti Ittiwaamamtuu Ittaantuu Damee dubartootaa Fiqir Kabbadaas akka jettutti, dameen kun dhimma barattoota shamarraniirratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Karoorri ‘Zero Plan’ yunivarsitichatti hundaa’e rakkoolee barattoota shamarranii furuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jira. Karoorichi rakkoo barattoota shamarraniirra ga’u zeeroo taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuufi gama kanaan jijjiiramni gaariin mul’achaa jiraachuu himti.

Wiirtuun ‘Zero Plan’ kutaa barattoonni shamarranii keessatti guyyaa dhalootasaanii kabajan kan qabu ta’uu kan eertu barattuun tun, wiirtichi barattooonni shamarranii mooraa keessaa utuu hinba’in baasii xiqqaadhaan hiriyyootasaanii waliin guyyaa dhalootasaanii akka kabajataniif haala gaarii uumuufi kutaalee ‘Rehabilitation’ lamaafi tajaajila gara garaaf oolan biroos kan qabu ta’uu eerti.

Kanaan dura barattoonni shamarranii baay’een guyyaa dhalootasaanii kabajachuuf jecha gara magaalaatti ba’anii hanga halkaniitti turuudhaan qoccolloo koorniyaaf saaxilaman jiraachuu kan himtu barattuun kun, wiirtuun ‘Zero Plan, guutummaatti ta’uu baatus rakkoo gama kanaan barattoota shamarraniirra ga’u hir’isaa jiraachuu himti. Guyyaan kabaja dhalootaa walirra bu’uufi kutaan barattoonni itti guyyaa dhalootasaanii itti kabajatan tokko qofa ta’uun ifatti mul’achaa jiru waan ta’eef gara fuulduraatti kutaan dabalataa kan barbaachisu ta’uus eerteetti.

Kutaan dhimma koorniyaarratti hojjetus rakkoolee gama dinagdeefi korniyaatiin keessumaa barattoota shamarraniirra gahan ittisuufi furmaata kennuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Hojiilee gama kanaan raawwatamaa jiraniin bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’aa jiraachuufi hojiin kun gara fuulduraattis kana caalaa cimee ittifufuu akka qabu himti.

 Natsaannat Taaddasaatiin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You