Waliigaltee cabiinsa barootaa fayyisu

Gaanfi Afrikaa Itoophiyaa, Ertiraa, Somaaliyaafi Jibuutii hammateefi ardii Afrikaatti kutaan gara bahaa naannawa humnoonni addunyaa ijaafi qalbii irra buufataniidha.

Duraan naannawa kana iddoo xiyyeeffannoosaanii ijoo taasisanii kan turan biyyoota ‘irree cimaa’ qaban kanneen akka Ameerikaafi Chaayinaa yoo ta’an, amma garuu gaanfi Afrikaa dorgomtoota haareyyiif dirree falmii murteessaa ta’eera.

Sa’ud Arabiyaan, Gamtaan Emereetota Walta’anii, Turki, Kaataar, Iraaniifi Misir naannawa Gaanfa Afrikaatti faayidaasaanii eegsifachuuf adda durummaan socho’aa jiraniidha.

Yeroo ammaa Ameerikaa, Firaansi, Jaappaan, Chaayinaa, Gamtaan Emereetota Arabaafi Turki dabalatee biyyoonni 11 qarqara Galaana Diimaarratti ganda humna waraanaa qabu. Sababiin naannawa kanatti argamuusaaniis biyyaa biyyatti addaa addadha.

Lafa kiiloo meetira kuma lamaafi 250 kan aguugu koriidariin Galaana Diimaa sarara bishaanii galaana Medetiraaniyaaniifi garba Hindii darbee gara Eeshiyaatti qaari’u yoo ta’u, waggaa waggaadhaan sochii daldalaa biliyoonaan lakkaa’amutu irratti adeemsifama. Daldalli addunyaa %10 ol waggaa waggaadhaan karuma galaana kanaa darba. Sararri daldalaasaas daran tarsiimawaadha. Naannoon Galaana Diimaa zayitiifi albuudawwan gatijaboodhaanis kan badhaadheedha.

Akka ragaaleen adda addaa ibsanitti waggaatti fe’iinsi tooniin miliyoonni 52, konteenaroonni miliyoona afuriifi karadeemtoonni kuma 275fi 700 ni imalu.

Waliigalteen tibbana ulaa galaanaa ilaalchisuun Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiifi Pirezidaantii Somaaliilaandi Muusees Bihii Abdiitiin Finfinneetti mallatteeffame fayyadamummaa Itoophiyaas kan mirkaneessuufi cabiinsa barootaa kan fayyisuudha. Waliigaltichi seenaa oggaa biyyoonni fagoorra jiran galaana qaxxaamuranii dhufanii fayyadaman ilaalaa turtes hundeerraa kan haaresseedha.

Kanas Doktar Abiyyi Ahmad, “Cabiinsawwan ijoo Itoophiyaan mudate keessaa dhimmi ulaagaa galaanaa isa tokko. Tibbana waliigalteen cabiinsaa barootaa kana suphu Somaaliilaandi wajjin mallatteeffameera”.

“Itoophiyaan qabeenya qabdu qooddee walfaana misoomuuf fedhii qabdu irra deddeebiin ibsaa turteetti. Kunis biyyattiin mariidhaan malee waanti dirqiidhaan raawwattu tokkollee akka hinjirre bareechee kan ibsuudha” jechuun ibsan.

Dhugaadha. Waliigaltee Wiixata darbe, ALA bara haaraa faranjootaa (Amajjii 1 bara 2024) mallatteeffameen qabatamaan mirkanaa’eera . Waliigalteen kun ummata Itoophiyaa dhabiinsa ulaa galaanaatiin barootaaf gaabbii keessa tureefi jaalattoota misoomaa hundaaf oduu aagaa cimaadha. Kanaanis cabiinsiiwwan ni suphamu, Itoophiyaan ni badhaati. Gara sadarkaa ittaanuttis ni ceeti.

BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “Waliigaltee cabiinsa barootaa fayyisu”

Comments are closed.