Ikoo Turizimii Haroo Wancii-Dandii: Pirojektii fayyadamummaa dargaggootaas mirkaneessu

Haroon Wancii Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Wancii, Ganda Wanciitti Finfinneerraa karaa Magaalaa Walisoo ykn Magaalaa Amboo kiiloomeetira 140-150 fagaatee argama. Haroon kun gaarreen bosona uumamaa uffataniin marfamee argama. Haalli teessumaafi uumama harichaa daran qalbii namaa hawwata.

Haroon miidhagina addaa qabuufi mandara turistii addunyaa ta’ee filatame kun baroota dheeraaf utuu hin misoomin dagatamee ture. Ijaarsi pirojektii Ikoo Turizimii Haroo Wancii-Dandii pirojektota sagantaa ‘Maaddii Biyyaaf’ jedhuun ijaaramaa jiran keessaa isa tokko yoo ta’u, hojiin ijaarsa pirojektii Haroo Wancii waggaa lama keessatti xumuramee yeroo ammaa eebbaaf qophaa’aa jira.

Qaama ijaarsa pirojektii kanaa kan ta’e hojiin ijaarsa pirojektii Haroo Dandiis kan itti fufuufi waggaa tokko keessatti kan xumuramu ta’uu qindeessaan pirojektichaa Obbo Dhaabaa Jinfeessaa garee gaazexeessitoota dhiyeenya kana pirojekticha daaw’atetti himaniiru.

Qopheessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin gareen gaazexeessitootaa dhiyeenya kana sadarkaa hojiin ijaarsa pirojektii Haroo Wancii irra jiru daaw’ateera. Haroon Wancii yeroo ammaa bu’uuraalee misoomaa barbaachisuun guutamee utuu hineebbifaminiyyuu turistootaan daaw’atamaa jira. Haroon barootaaf dagatamee ture kun yeroo ammaa misoomee iddoo dawwannaafi bashannanaa filatamaa ta’ee qalbii turistoota biyya keessaafi biyya alaa hawwachaa jira.

Barreeffama kanaan ijaarsi pirojektichaa gama carraa hojii dargaggootaaf uumuufi jiruuf jireenya hawaasa naannawaa fooyyessuutiin gahee akkamii qaba dhimma jedhurratti xiyyeeffachuun yaada qaamoleen dhimmichi ilaallatu nuuf kennan akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Qindeessaan Pirojektii Ikoo Turizimii Wancii-Dandii Obbo Dhaabaa Jinfeessaa akka jedhanitti, ijaarsa pirojektichaatiin dura hawaasni naannawichaa tajaajila ibsaafi daandii asfaaltii hinqabu ture. Pirojektichi ijaaramuusaatiin hawaasni naannawichaa yeroo ammaa tajaajila ibsaa, daandii asfaaltiifi bu’uuraalee misoomaa biroo argateera.

Tajaajilli telekoomii ‘4G’s naannawicha qaqqabeera. Riqichi guddaan pirojektii kana waliin hojjetameera. Bu’uuraaleen misoomaa pirojektichaan walqabatanii hojjetaman hundi fayyadamummaa hawaasa naannawaa mirkaneessuufi dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuu keessattis gahee guddaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Pirojektichi yeroo guutummaatti ijaarsarra ture namoota naannawa harichaa akkasumas Godina Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaa jiraatan kuma shanii oliif carraa hojii uumee ture. Hojiin ijaarsa pirojektii Haroo Wancii yeroo ammaa sadarkaa xumuraarra jiraachuufi dhaabbiidhaan namoota 560f carraa hojii uumee jiraachuu himu.

Dargaggoonni naannawaa haroo Wancii gurmaa’anii hojii turistoota daaw’achiisuu, farda turistoonni ittiin imalan qopheessuu, nyaata aadaa qopheessuu, bu’aalee ogummaa harkaa gara garaa gurguruu, yabala turistoonni haricharra ittiin imalaniifi bashannanan kanneen biroorratti hirmaatanii hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Loojiin Haroo Wanciirratti ijaaramaa jiru yeroo gabaabaa keessatti xumuramee yeroo hojii eegalu dabalataan namoota 113f carraa hojii ni uuma kan jedhan Obbo Dhaabaan, kanaafis dargaggoota koollejjotaafi yunivarsitiiwwan gara garaa irraa eebbifaman 97 leenjii guyyoota 45f leenji’anii qophaa’aniiru. Gara Laangaanoos deemanii muuxannoo akka argatan ta’eera jedhu.

Ijaarsi pirojekti Haroo Wancii eebbifamee guutummaatti yeroo tajaajila guutuu kennuu eegalu dabalataan dargaggoota hedduuf carraa hojii bal’aa kan uumu ta’uu himanii, hojiin ijaarsa pirojektii Haroo Dandiis ittifufiinsaan kan hojjetamu ta’uufi waggaa tokko keessatti kan xumuramu ta’uus himaniiru. Ijaarsi pirojektii Haroo Dandiis dargaggoota naannawichaaf carraa hojii bal’aa kan uumu ta’uus eeraniiru.

Hogganaa Ittaanaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaa akka jedhanitti, Pirojektiin Ikoo Turizimii Wancii- Dandii pirojektoota sagantaa ‘Maaddii Biyyaaf” jedhuun sadarkaa biyyaatti hojjetamaa jiran keessaa isa tokko yoo ta’u, yeroo ammaa hojiin ijaarsa pirojektichaa xumuramee eebbaaf qophaa’eera. Pirojektichi hawaasa naannawaa keessumaa dargaggootaaf carraa hojii bal’aa kan uume ta’uufi gara fuulduraattis kan uumu ta’uu himaniiru.

Ijaarsi pirojektichaa dargaggootaafi hawaasa naannawaaf carraa hojii bal’aa kan uume ta’uu himanii, dargaggoonni naannawaas waldaadhaan gurmaa’anii hojiilee gara garaarratti hirmaachaa jiru. Mootummaan naannichaas rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa hir’isuuf carraa hojii bal’aa uumuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Obbo Tashaalaa Sabbooqaa qonnaan bultoota naannawa Haroo Wancii jiraataniifi bakkichumatti dhalatanii guddatan keessaa isaan tokkodha. Ijaarsi pirojektichaa carraa guddaa kan argamsiiseef ta’uufi jiruufi jireenya qonnaan bultoota naannawa jijjiiraa jira jedhu. Duraan rakkoo daandii waan qabnuuf ijoolleefi dubartoonni yoo dhukkubsatan ofii isaanii baatanii Ambo geessaa turuu himanii, sababuma kanaan dhukkubsataan daandiirratti lubbuu dhabaa turuu yaadachiisaniiru.

Ijaarsi Pirojektii Ikoo Turizimii Wancii- Dandii garuu tajaajila daandii asfaaltiifi ibsaa akka argannu nu taasiseera kan jedhan Obbo Tashaalaan, yeroo ammaa dhukkubsataa keenya konkolaataadhaan gara mana yaalaatti geeffachaa jirra. Pirojektichi dukkana keessaa ifatti nu baasee addunyaa haaraa nu agarsiise jedhu.

Ittigaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii Aanaa Wancii Obbo Alamuu Dhaabasaa akka jedhanitti, Pirojektiin Ikoo Turizimii Haroo Wancii hawaasa aanichaa keessumaa dargaggootaaf faayidaa guddaa qaba. Ijaarsi pirojektichaa dargaggootaaf carraa hojii bal’aa fidee dhufeera. Pirojektichi yeroo ammaa dargaggoota 540 oliif carraa hojii uumee jira. Dargaggoonni kunneen gurmaa’anii damee hojiilee gara garaarratti hirmaataniiru. Pirojektichi gara fuulduraattis carraa hojii bal’aa uumuu danda’a.

Dargaggoo Buzunaa Addunyaa dargaggoota hojii ijaarsa pirojektichaarratti hirmaataa jiran keessaa tokko. Hojii ijaarsa pirojektichaa erga jalqabee waggaa tokko ta’uu kan himu dargaggoon kun, pirojektichi dargaggoota naannawichaa biroofis carraa hojii bal’aa uumeera. Pirojektichi jiruufi jireenya hawaasa naannawichaa jijjiiruu keessattis gahee guddaa kan qabu ta’uu eereera.

Pirojektichi gara fuulduraattis dargaggoota naannawichaa hedduuf carraa hojii bal’aa uuma kan jedhu dargaggoon kun, dargaggoonni naannawichaa qabeenya guddaa kana akka qabeenyasaaniitti eeguufi kunuunsuurratti bal’inaan akka hirmaataniif dhaamsa dabarseera.

Jiraataa naannawa Haroo Wanciifi barataa kutaa 8ffaa kan ta’e Silashii Shifarraa akka jedhutti, pirojektichaan walqabatee Manni Barumsaa Sadarkaa 1ffaafi Giddugaleessaa Dhimbiibaa naannawa harichaatti ijaarameera. Manni barumsichaa sadarkaasaa eeggatee kan ijaarameefi mana barumsaa duraan turerra daran kan nama hawwatuufi mijataa ta’uu dubbata.

Gara fuulduraattis pirojekticharraa abdii guddaa qabna kan jedhu barataan kun, pirojektichaatiin walqabatee bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii asfaaltii, ibsaafi kanneen biroon ijaaramaniiru. Pirojektichi utuu hinijaaramnin dura tajaajila ibsaas ta’e daandii hinqabnu turre. Bu’uuraaleen misoomaa pirojektichaan walqabatanii ijaaraman dargaggootas ta’e hawaasa naannawaa fayyadamoo taasisaa jira jechuun ibseera.

Naannawaa Haroo Wancii manni barumsaa sadarkaa 2ffaa waan hinjirreef gara fuulduraatti utuu naannawichatti nuu ijaaramee gaariidha kan jedhu barataan kun, yeroo ammaa barattoonni naannawaa harichaa jiraatan kutaa 8ffaa xumuran daandii dheeraa miilaan deemanii barachuuf dirqamaa jiraachuu dubbata.

Walumaagalatti hojiin misoomaa naannawa Wanciifi naannawasaatti pirojektii Ikoo Turizimii Haroo Wancii- Dandiitiin walqabatee hojjetamaa jiru fayyadamummaa hawaasaa keessumaa dargaggootaaf carraa hojii bal’aa kan baneefi banu waan ta’eef fayyadamummaa kana waaressuuf ummannis akkuma durii ammas eegumsa qabeenya uumamaatiif xiyyeeffannaa olaanaa kennuu qaba.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016

Recommended For You