Baga ittiin isin ga’e!

 Mucaan nuu dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaasaa gatiittiisaarra jira; maqaansaa, “Gorsaa, dinqii, Waaqayyo jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa” ni jedhama.” (Raj. Isa. 9:6)

Ayyaana Dhalachuu Gooftaa Yesuus Kiristoos kan bara 2016 boru, Mudde 28 kan ayyaaneffattan hundaaf Baga Waaqayyo Ayyaana Ifa Dhalootasaatiin isin ga’e.

Waggaa waggaadhaan guyyaa dhalootaasaa kan kabajamu Waaqayyo uumaan tokkicha ilmasaa gara biyya lafaatti erguudhaan ilmaan namaa ofitti araarsuufi gocha guddaa inni raawwate yaadachuudhaan isa galateeffachuufi.

Akka abbootiin amantii ibsanittis, “Waaqayyoo ilmaan namaa gara ulfinasaa isa duraaniitti deebisuuf hojiisaa isa

dinqisiisaa hubannaa namaa ol ta’een, tokkichi ilmisaa foon uffatee namoota gidduu deddeebi’uudhaan nagaa akka labsuufi gatii cubbuu ilmaan namootaa baasuudhaan nama ofiisaatti araarse”.

Kunis gatiin Waaqayyo biyya lafaatiif nagaa kennuuf baase hammam guddaa akka ta’e mul’isa. Yommuu waa’een nageenyaa biyya kanaa daran yaaddessaa ta’e kanatti yeroo ayyaana dhalachuu kabajnu, Waaqayyo nagaa buusuuf waan karaasaa nuu raawwate yaadachaa isa galateeffachuufi nagaa buusuuf fakkeenyasaa hordofuun ni mala. Akka nagaa waaraan bu’uufis gama hundaan dhama’uutu mala.

Waldhabdeen kamuu furmaata argachuu kan danda’u maree, waldhaggeeffachuufi araaraan qofa ta’uun sirritti hubatamuu qaba. Waaqayyo namni akka badu hinjaalatu; kanaafis karaa Kiristoos araara buuse du’a jireenyatti jijjiire. Namni hundi mirga jireenyaan jiraachuu waan qabuuf kunis qabatamaan mirkanaa’uu qaba.

Nageenya karaa nagaatiin mirkaneessuuf qaamoliin karaa seeraan alaa hidhatanii ummata gidirsaa jiran hundi gara mareefi araaraatti deebi’uu qabu. Waaqayyos haala biyya keenyaa keessa seenee nagaasaa akka buusuuf kadhataan fuula araarasaa barbaaduun ammoo amantootarraa eegama; Inni mootii nagaa waan ta’eef.

Ayyaana Dhalootaa Gaarii!

BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Baga ittiin isin ga’e!”

Comments are closed.