“Dargaggeessi hojii hinqabne, nageenya eegsisuuf hamilee hinqabaatu” – Birhaanuu Baqqalaa

0Liigiin Dargaggoota Ergama Nageenyaafi Badhaadhina Itoophiyaa kan hundaa’e bara 2011 yoo ta’u, kunis heera keeyyata 57 bu’uura godhachuun gurmii dargaggootaa isa guddaa akka biyyaatti hundaa’eedha.

Biyya keenyatti nageenyi waaraa akka uumamuufi tasgabbiin itti fufiinsa qabu akka jiraatu taasisuun, misoomni amansiisaan hirmaannaa cimaa dargaggootaatiin utubame biyyattii keessatti akka mirkanaa’u dandeessisuun, dargaggootni biyyattii hojiilee misoomaa biyyattii keessatti gaggeeffaman hundarratti hirmaannaa ho’aa taasisuu qofa osoo hintaane, guddina biyyaa keessatti fayyadamtoota sadarkaa duraa akka ta’an haala mijataa uumuun immoo kaayyoo hundeeffama liigichaa keessaa isaan gurguddoodha.

Inisheetiiviiwwan akka ashaaraa magariisaafi hojiiwwan tola ooltummaa biyyattii keessatti adeemsifamaa jiran daran cimanii akka itti fufaniifi kana keessatti immoo hirmaannaan dargaggootarraa eegamu akka cimu qofaa osoo hintaane, kan dargaggootaan hogganamu akka ta’uuf liigichi xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu kan himu Pirezdaantiin Liigichaa Dargaggoo Birhaanuu Baqqalaa, liigichi erga sochiin ashaaraa magariisaa eegalee miseensotasaa sochoosuun hanga ammaatti biqiltoota miiliyoona 30 ta’an dhaabuu dubbata.

Hojiin kun immoo hirmaannaa qofaaf osoo hintaane, haala qilleensa naannawaa jijjiiruu keessattis shoora olaanaa kan bahatu ta’uusaafi dargaggootni egereen biyyattii harkasaanii jiru immoo hojii kanarratti dammaqinaan akka hirmaataniif liigichi sochii cimaa taasisaa turuus ni ibsa.

Akka ibsasaatti, hojiin tajaajila tola ooltummaatiin hojjatame biqiltuu dhaabuu qofaa osoo hintaane, manneen harkaqalleeyyii ijaaruufi maanguddootaa haroomsuun, Raayyaa Ittisa Biyyaatiif (RIB) dhiiga arjoomuuniifi kanneen biroos gurmii dargaggootaa kanaan hojjetamaa turaniiru.

Dhaabbilee biyyoota alaa garagaraa jiran waliin waliif barreessuun RIB’f meeshaalee garagaraa gargaarsaan akka argatu taasisuu eeree, liigichi hojiiwwan dippilomaasii irrattis bal’inaan hirmaachaa turuufi gama kanaanis biyya Paakistaan irraa meeshaaleen tajaajila gara garaatiif oolan akka argamaniifis shoora olaanaa taphachuusaa kaasu.

Kanumaan walqabatee yeroo waraanni kaaba biyyattiitti mudatee ture hanqina meeshaalee wal’aansaa uumamuu malan hir’isuuf diyaaspooraan biyyattii kanneen biyyoota garagaraa keessa jiran meeshaalee kanneen arjoomuu akka danda’an haala mijeessuun yeroo rakkootti meeshaaleen wal’aansaa kun walitti qabamanii damee wal’aansa RIBf akka kennamaniif hojiin gama liigichaatiin hojjatamaa ture kan bakka bu’ummaa hin qabne ta’uu ibsa.

Dabalataanis, dargaggoota kaadhimamtoota miseensa RIB ta’aniifi giddugala leenjii Bulbulaatti leenji’aa turaniif Baandii muuziqaa guutuu ta’e qabatanii deemuun hamileensaanii akka cimuufi kutannoodhaan biyyasaaniitiif wareegama barbaachisu akka kanfalaniifis hojii cimaan hojjatamaa turuu kaasa.

Kennaa guddaaniifi hojiin ulfaataa raayyaa keessatti hojjatamu hamilee loltootaa cimsuufi kakaasuu akka ta’e hubachuun, baandii beekamaa, Baandii Biiftuu Oromiyaa qabachuun giddugala leenjii Bulbulaatti argamuun kaadhimamtoota miseensa RIB leenjiisaanii hamileefi xiyyeeffannoon xumuranii gara nageenya biyyattii eegsisuutti akka galaniif galaa onnachiiftuu gumaachuusaanis ni hima.

Dargaggootni hojii filannoo marsaa 6ffaa biyyattii keessatti gaggeeffamerratti bifa isaan madaaluun akka hirmaataniifis hojiin hojjatamaa ture olaanaa ta’uu kan himu Dargaggoo Birhaanuun, gama kanaanis dargaggootni kuma 200 ta’an leenjii barbaachisu argatanii adeemsa filannichaa akka taajjabaniifi nageenya buufataalee filannoo akka eegan taasisuudhaan Boordii Filannoo Biyyaaleessaa irraa waraqaa ragaafi beekamtii argachuusaaniis ibsa.

Akka ibsasaatti, yeroo ammaa kana immoo xiyyeeffannoo guddaan liigichi qabatee hojjechaa jiru dargaggoota diinagdeedhaan gahoomsuudha. Dargaggeessi hojii hinqabneefi abdii hinhoranne nageenya biyyaa eegsisuu dhiisee ofiisaatiifuu sodaa nageenyaa ta’uu waan danda’uuf, dargaggootni dinagdeedhaan ga’oomanii abdii akka horatan taasisuun immoo biyyattiin nageenya amansiisaa horattee gara badhaadhina hawwamuutti akka ceetuuf murteessaa ta’uunsaa hubatamuudhaan yeroo ammaa xiyyeeffannaa guddaan gara dargaggoota dinagdeen ga’oomsuutti deebi’eera.

Kana yoo jedhamu garuu cal jedhameetuma maallaqa dargaggootaaf raabsuu osoo hintaane, jalqaba dargaggootni ogummaa hojii uumuu irratti leenjii gahaa akka argatan taasisuudhaan sana booda immoo haala isaan maallaqa ka’umsaa hojii uummachuuf isaan gargaaru argachuu danda’an mijeessuutti kan galamu ta’uu hima.

Akka fakkeenyaatti yemmuu ilaallu immoo gama kanaan naannawa magaalotaatti dargaggootaaf carraa hojii uumuun walqabatee liigichi damee geejjibaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, taaksiiwwan tajaajila geejjibaa kennan kanneen akka ‘Taaksiiyyee’ yeroo ammaa dargaggootni magaalaa Finfinnee argataa jiran gama liiqii kanaan ta’uu ibsa.

Gama kanaan hanga ammaatti dargaggootni hedduu carraa kana kan argatan yemmuu ta’u, isaan hafaniifis haala kanfaltii isaa baankiiwwan waliin ta’uun liqiin akka isaaniif mijatu taasifamee bal’inaan gara hojiitti akka bobba’aniif liigichi kutannoo olaanaatiin hojjetaa jiraachuu eera.

Akka ibsa Dargaggoo Biraanuutti, yeroo ammaa kana dargaggoota 50 ta’aniif carraan kun mijatee konkolaattota kanneen fudhatanii gara hojiitti galuuf dhimmoota xixiqqoo hafan raawwachurratti argamu.

Hojii isaan damee geejjibaatiin carraa hojii dargaggootaaf uumuu irratti hojjechaa jiran ilaaluunis dhaabbanni ‘Vision’ jedhamu tokko konkolaattota 600 liigichaaf gumaachuuf waadaa galeera. Kennaan immoo kan mirkanaa’u mana murtiitiin waan ta’eef yeroo ammaa dhaabbanni kun gama mana murtiitiin kennicha mirkaneessuuf abokaatoo liigichaa waliin dhiheenyatti xumuruun waraqaan ragaa kan fudhatamu ta’a.

Konkolaattoota 600n argaman kanneenis dargaggoota biyyattii hoji dhabeeyyii ta’aniif ulaagaa garagaraatti fayyadamuun kan kennamuuf ta’uu ibsee, kunis dargaggoota naannolee biyyattii hundaafi bulchiinsa magaalotaa hundaaf bifa haqaqabeessa ta’een kan raabsamu ta’uufi konkolaattootni kunniin kan argaman kennaadhaan ta’us baasii geejjibaa biyya kennamerraa ka’ee hanga asiitti itti bahe garuu kanfaluun isaanirraa kan eeggamu ta’u hubachiisa.

Dabalataanis hammuma buufatarra turaa deemu kanfaltiin kanfalamu akka hinbaay’anneef hanga danda’ameen yeroodhaan gara biyya keessaa galanii dargaggoota hoji dhabeeyyiif akka raabsamaniif liigichi xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ni hima.

“Qabeenyi hangana gahu immoo kan argame akkanumatti lafaa ka’ee yookiin lotoriin muramee osoo hintaane hojii cimaan liigichi dargaggota fayyadamoota dinagdee taasisuuf hojjechaa jiru ilaallameeti. Faayidaa kennaa kanaa yemmuu ilaallu immoo tokkoffaa dargaggootni hamilee horatu, “Edaa nuufis qaamni yaadu ni jiraa?” jedhanii akka yaadaniifi jaalalli isaan biyyasaaniif qabanis akka dabalu ni taasisa; lammaffaa rakkoo dinagdee dargaggoota hanga tokkoos ni hiika, hanqina geejjibaa furuu keessattis shoorasaa ni bahata, sadaffaa immoo konkolaattootni kunniin kan hojii ta’anii gabatee lakkofsa sadiin gara hojiitti kan bobba’an waan ta’eef mootummaadhaafis galii dabalataa ni uumu” jedha.

Walumaagalatti, sochiin yeroo ammaa liigichi keessatti argamu rakkoolee dargaggootaa adda baasuun leenjiiwwan rakkoolee sana furuuf isaan gargaaran erga kenneefii booda immoo carraawwan garagaraatti fayyadamuun dargaggeessi dinagdeen ga’oomeefi biyyasaa jaalatu akkasumas nageenya biyyaafi badhaadhina lammiilee biyyattiitiif waardiyyaa dhaabatu akka uumamuuf karooraawwan guguddoo baafatee hojjachaa jiru mootummaanis deeggaruu qaba.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 201600

Recommended For You