Ikoo turizimii Wancii-Dandii bu’aa yaadama haaraa

Yeroo baay’ee Itoophiyaan, keessumaa Oromiyaan qabeenya uumamaan badhaatuudha yommuu jedhamu barteedhumaaf waan jedhamu nutti fakkaata. Dhugumaan wanti yeroo dhihootii as argaafi dhaga’aa jirru garuu waan kana nuu mirkaneessuudha. Bakkeewwan hawwata turizimii kaka’umsa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) tiin misoomanii tajaajilaaf oolaa jiran agarsiiftuu ta’uurratti argamu.

Kutaalee biyyattii garagaraa keessatti moggaasa pirojektii ‘Maaddiin Biyyaaf’ jedhuun, hirmaannaa hawaasaatiin hojiileen hojjetamaa jiran biyyaaf miidhagina dabaluurra darbee utubaalee dinagdee shanan mootummaan adda baafate keessaa turizimiin tokko ta’uusaa dhugoomsaa jiru.

Pirojektii kanneen keessaa Godina Shawaa Kibba Lixaatti hojjetamee xumuramuun eebbaaf qophaa’aa kan jiru pirojektiin ikoo turizimii Wancii-Dandii isa tokko yoo ta’u, ijaarsi marsaa tokkoffaasaa guutummaatti xumuramee guyyaa eebbaa qofa eegaa jira.

Pirojektiin meeggaa kun ijaarsi marsaa tokkoffaasaa waggaa lamaafi ji’a ja’a keessatti baasii qarshii biliyoona afuriin xumuruuf kan karoorfamee yoo ta’u, bu’uuruma qabameen xumuramaa jiraachuu qindeessaan ijaarsa pirojektichaa Obbo Dhaabaa Jinfeessaa gaafdeebii tibbana Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin ibsaniiru.

Pirojektichi daandii kiiloo meetira 42 hanga Haroo Dandiitti fagaatu, piikinikiiwwan guguddoo (bakkeewwan qubata bashannanaa) afur, bakka meeshaa daawwitiirraa hojjetamerra dhaabatanii gadi daaw’atan, riqicha socho’aa meetira 69 dheeratu, balbala seensaa duudhaa Oromoo mul’isu, suuqiiwwan, baankii, manneen nyaataa, mana bunaa, loojiiwwaniifi ijaarsawwan garagaraa daran ammayyaa’oo of keessaa qaba.

Xumuramuun pirojektichaa aanaalee Wanciifi Dandii qofaaf osoo hintaane godina, naannoofi biyyaafillee faayidaa olaanaa qabaachuurra darbee turizimii biyyattiirratti sadarkaa tokko kan dabaluudha.

Pirojektii kana adda kan taasisu haala taa’umsa lafaafi uumama naannawichaa osoo hinjijjiiriin sona itti dabaluun hojjetamuusaa haala seenaa jireenya hawaasa naannawichaa jijjiiruufi fayyadamaa taasisuun hojjetame. Hordoffiifi deggarsi mootummaas olaanaa ta’uufi qaamni pirojekticha gaggeessullee halkanii guyyaa hojjechuun dandeettiin pirojektota dafanii xumuruu kan ittimul’ate darbees bu’aan yaadama haaraa qabatamaan kan itti mul’atedha.

Wanti biraan pirojektii kana adda taasisu guutummaatti hirmaannaa ummataatiin waan ijaarameef hawaasni hundi qooda keessaa qaba. Kanaaf, abbummaadhaan eegaa kunuunfachuun dhalootatti dabarsuu kan qabu ummatuma jechuudha.

Ijaarsa pirojektichaatiin namoonni kuma lamaa ol carraa hojii kan argatan yoo ta’u, yommuu guutummaatti tajaajilatti seenamummoo namoonni 700 ta’an carraa hojii dhaabbii marsaa jalqabaaf akka argatan ni argatu.

Qonnaan bultoonni naannawichaa lafasaanii pirojektii kanaaf kennaniis fayyadamoo akka ta’aniif beenyaa kanfaluun cinaatti manneen keessummaa kireessanii galii irraa argachuu danda’an ijaaramanii, dabarfamuu qofa eeggatu.

Naannawichi fardeeniin kan beekamu ta’uusaatiinis waldaan fardeenii dargaggoota naannawichaa hirmaachise humna guutuun hojiitti seenuuf qophiisaa xumureera. Akkasumas waldaaleen daawwachiisummmaafi qajeelchummaan beekamaniis hawaasa bakkicha daaw’achuuf dhufu tajaajiluuf of qopheessaniiru.

Ijaarsa pirojektii kanaarratti kontiraaktaroonni hirmaatan kan Xaaliyaanootaafi Chaayinoota yoo ta’an, isaanis yommuu hojjetan akkasumaan kaampii ijaarratanii biraa deemuu osoo hintaane dizaayiniin manneen barnootaa qopheeffamee itti kennamee hawaasa naannawichaaf akka ijaaran taasifamuusaati. Haala kanaan guyyaa eebba pirojektichaa manneen barnootaa eebbifamanii hawaasa naannawaaf dabarfaman ni jiraatu.

Akka waliigalaatti jijjiirama as yaadamni haaraa pirojektota yeroo gabaabaa keessatti hojjetanii eebbisiisuun akka kallattiitti kan taa’e yoo ta’u, kunis pirojektota meeggaafis ta’e kamiifuu sababa dhiheessuun akka hindanda’amne kan agarsiisuudha. Kanaaf hoggansis yaadama dhagaa bu’uuraa ka’anii biraa deebi’uu keessaa, ummannis miira abdii kutannaa keessaa ba’uun biyya walii waliin misoomsuurratti hojjechuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Ikoo turizimii Wancii-Dandii bu’aa yaadama haaraa”

Comments are closed.