Moodeel Saadaam Qaasiim: Qeerroo Oromoo moodeelingiidhaan waltajjii idiladdunyaarratti injifate

Yeroo baay’ee gaafa dorgommii miidhaginaa ykn moodeelingii jedhamu sammuu keenya keessa kan dhufu shamarree dheertuu, qal’oo mudhii soonsaa, fuula toleettiifi gaafa deemtu miilashee waljalaa dabarsaa deemtuudha. Dorgommiiwwan miidhaginaa yeroo baay’ee qophaa’anis shamarran irratti kan xiyyeeffataniidha.

Amma amma garuu kun waan jijjiiramaa dhufe fakkaata. Dhiironni hedduunis gara indastirii moodeeliingiitti makamaa jiru. Dorgommiiwwan biyyaalessaafi biyyoolessaa dhiirota hirmaachisanis qophaa’uun bareedaa filachuun beekamtii kennuurratti argamu.

Barreeffama keenya kanaanis waa’ee dorgommii miidhaginaa ykn moodeeliingii dhiirotaa kaasuuf osoo hintaane, qeerroo Oromoo tibbana sadarkaa biyyoolessaatti dorgomuun aadaafi eenyummaasaa waltajjii guddaarratti beeksisee injifate isin dubbisiisuufi.

Godina Arsii Lixaa, Aanaa Qoree, Ganda Shifaatti dhalatee, magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinneetti kan guddate Moodeelli idiladdunyaa (international model) Saadaam Qaasim dhiheenya kana waldorgommii moodeeliingii biyya Filippiinsitti taasifamerratti dhiirota biyyoota addaddaarraa baba’an waliin biyyasaa Itoophiyaa, akkasumas Ardii Afrikaa bakka bu’uun hirmaatee injifateera. Kanaanis ‘Man of The Globe International Pageant’ jedhamee badhaasawwan garagaraafi beekamtii argateera; gonfoo miidhaginaas goonfateera.

Ijoollummaasaarraa kaasee moodeeliingiif fedhii olaanaa akka qabuufi uffata mana barnootaa (yunifoormii) uffatullee kan warra kaaniirra adda taasisuuf haalota addaddaatiin miidhagfataa akka tureedha moodeelli gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen kan ibse. Gara Finfinneetti dhufuunsaa immoo fedhiisaa kana barnootaan akka deeggaratuuf karaa banuullee ni hima.

“Moodeeliingii jechuun moodeela faashinii ta’uudha. Wantoonni baay’een moodeela ni qabu. Fakkeenyaaf bilbila, konkolaataafi kkfn moodela qabu. Namni garuu faashiiniidhaaf moodela ta’a malee moodeela ofiisaa qaba jechuu miti. Kanaaf namni moodeeliidha jedhamu aadaa, turiizimii, uffannaafi wantoota biroo kan biyyasaa beeksisuurratti hojjeta jechuudha” jedha.

Innis erga addunyaa moodeeliingiitti makamee waggoota shan akka ta’u eeree, dorgommii biyya keessatti waggaa tokkoof qophaa’aa tureefi “Ethiopian Next Top Model” jedhamu moodeelota dhiiraa 100 ol hirmaachisuun qophaa’erratti hirmaachuun babbareedoo shan keessa seenuus, dorgommichi sababoota garagaraatiin xumurrisaa hingaggeeffamiin hafuu hima. Isa booda ofiisaatiif taateewwan garagaraa qopheessuun, beeksisawwaniif kilippiiwwan muuziqaa hojjechuufi dorgommiiwwan faashiniirratti bal’inaan hirmaachuu ittifufuusaa ibsa.

Keessumaa sirbi suursagalee Artisti Shukurii Jamaal “Ammuma” namoota baay’ee biratti akka beekamu karra banuufii kan himu Moodeel Saadaam, carraa isa waliin hojjechuu kan argates “dhaabbiin keessan walfakkaata” jechuun eeruu namootaatiin ta’uu dubbata.

Biyya indastiriin moodeeliingii hangas mara ittihinguddannetti hojii kanarratti hirmaachuun daran rakkisaa ta’uu eeree, akka namoonni fagoodhaa tilmaaman jireenya qananii jiraachaa osoo hintaane bu’aa ba’ii hedduu keessa darbee sadarkaa kana ga’uu hima. Hojiilee kanfaltii malee hojjechuu, bakka sagantaaleen addaddaa jiru miilaan deemuu, nama indastiricha keessa jiru waliin walbeekuu dhabuufi kanneen biroon wantoota isa mudatan keessaa muraasa ta’uu kaasa.

Biyya keessattis agarsiisa faashinii ‘One of Africa Fashion’ jedhamu waggaa waggaan qopheessaa akka jiru himee, baranas yeroo lammaffaaf qopheessuusaafi kanaanis dizaayinaroonni huccuu aadaa Oromoo, bifa ammayyaatiin hojjechuufi agarsiisaniif hojjechuus ni ibsa.

Kanneen dabarsuunsaa garuu biyya keessaa darbee waltajjii addunyaarrattillee akka hirmaatuuf carraa banuufii kan himu moodeelli kun, dorogommii Filippiinsi dhiheenya irratti injifates haala kanaan argachuu hima. Dorgommicha bara darbe yaalaa turus viizaa argachuu dhabuufi hanqina maallaqaatiin deemuu akka hindandeenye yaadata.

“Biyya keenyatti ilaalchi moodeeliingiif jiru gadaanaadha; akka gaariitti hinhubatamne. Akka addunyaatti sadarkaa olaanaarra qaqqabuuf akka Afrikaafi biyya keenyaatti umurii dheeraa hinqabu. Inni kun garuu waan jijjiiramuu qabuudha. Namoonni baay’een moodeeliingiin akka faayidaa hinqabnetti yaadu. Garuu of, biyya, aadaa, duudhaafi eenyummaa ofii ittiin beeksisuuf waltajjii guddaa ta’uusaatiin baramuu qaba. Kana hubachiisuuf ammoo namoonni damicharratti hirmaanne ittigaafatama olaanaa qabna” jedha.

Dorgommiin tibbana inni itti mo’ate, yeroo jalqabaatiif gurraachi kan itti injifateefi injifataa waliigalaa (grand winner) ta’uun yommuu mo’atu inni kan jalqabaa ta’uu ibsee, kun akka dhuunfaatti isaaf darbees, biyyasaaf carraa guddaa ta’uu dubbata. Waltajjicharrattis huccuu aadaa Oromoodhaan dhihaachuufi bakkeewwan hawwata turiizimii Oromiyaan qabdu keessaa waa’ee Gaarreen baalee ibsuun Oromiyaallee waltajjii idiladdunyaatti beeksisuu hima.

Waa’ee badhaasasaa ‘grand winner jedhamuu yommuu ibsus, dorgommichi dameewwan addaddaatiin kan adeemsifamu yoo ta’u, innis ‘best photogenic, best formalwear’ ta’uun dameewwan addaddaatiin akka waliigalaatti injifachuusaa addeessa.

Kana booda waggaa tokkoof ambaasaaddara sagantichaa ta’ee hojjechuuf waliigaltee mallatteessuusaa kan himu Moodeel Saadam, dorgommii kana mo’achuunsaa fuulduratti hojiilee hedduu hojjechuuf carraa bal’aa akka uumuufis ni hima.

Hojii moodeliingiin cinatti akaakuu barnootaa ‘Hotel Management’ barachuun ittiin hojjechaa kan jiru yoo ta’u, hojiin moodeeliingiifi hojiin hoteelaa wantoota wal isaan fakkeessu waan qabaniif waldeeggarchiisee hojjetaa akka jiru dubbata. Fuuldurattis hojiilee hedduu hojjechuuf karoora akka qabu eeraa, damee moodeeliingii cimsuu qofa osoo hintaane, aadaa, afaaniifi turiizimiin biyyattii caalaatti sadarkaa biyyoolessaatti akka beekamuuf hojjechuu akka yaadu hima.

Akka Moodeel Saadaam jedhutti, inni carraa waan argateef aadaasaa sadarkaa idiladdunyaatti beeksisuu danda’eera. Oromoon kamuu guyyaa Irreechaa ykn qophiileen addaddaa jiran qofa osoo hintaane waltajjii argate hundarratti bifa uffannaaf toluun ammayyeessanii uffachuun aadaasaa beeksifachuu qaba. Diizaayinaroonnis dhimma kanarratti dhimmamanii hojjechuu qabu.

Qarreefi Qeerroon Oromoos hunda dura kennaa uumamasaanii adda baafachuun sanarratti waan ofiifi biyyasaanii fayyadu hojjechuu akka qaban dhaama. Kanneen gara moodeeliingiitti dhufuu barbaadanis wantoota moodelummaaf fayyadan kanneen akka ulfaatinaafi danaa qaama ofii eeggachuu, godaannisaaf akka hinsaaxilamne ofeeguufi kkf ijoolummaasaaniirraa kaasanii irratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban hubachiisa.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Moodeel Saadaam Qaasiim: Qeerroo Oromoo moodeelingiidhaan waltajjii idiladdunyaarratti injifate”

  1. Pingback: Webb.org
  2. Pingback: grote blote tieten

Comments are closed.