Heddumminaafi walqixxummaa utubaa tokkummaa biyyaalessaa

Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa har’a, Sadaasa 29 bara 2016 kabajamaa jiru bu’aa qabsoo waloo sabootuma kanneeniiti.

Sarbamni eenyummaa, aadaa, duudhaafi seenaa waggoota 150 oliif ture qabsoo ummatoota cunqurfamootiin hunkutaa’ee wabii heerawaa ittiargate, guyyaa golgaan sirna qeenxee itti burkutaa’ee biiftuun walqixxummaa ittibaate akkasumas bu’uurri sirna federaalizimii ittikaa’ame, seerri seeraan olii, heerri RFDI ittiragga’e.

Sadaasni 29 guyyaa seenaqabeessa sabdaneessummaan, afdaneessummaafi amantii hedduu qabaachuun Itoophiyaa abaarsa otoo hintaane eebba ta’uun ittimirkanaa’e, heerarratti tumamuun kabaja itti argateedha. Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa kun keessumaa jijjiiramaan as sirna federaalizimii sabdaneessa obbolummaarratti hundaa’e ijaaruudhaan duudhaa waldanda’uu ummataa fakkeessaaf osoo hintaane gochaan akka mirkanaa’uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ittimul’ifamuudha.

Hedduminni abaarsa osoo hintaane eebba; hanqina osoo hintaane cimina; xiqqeenya osoo hintaane guddummaadha. Haata’u malee, heddumminni kabajaafi ulfina osoo hinargatiin waggootaaf turuun garaa garummaa jabaa uumaa ture. Walqixxummaa sabootaas gatii dhabsiisuun yeroodhaa gara yerootti aarsaa hinmalle kaffalchiisaa boodatti hafummaa, hiyyummaafi quucaruu sirna dimokraasiitiif karaa saaqee ture.

Mootummaan jijjiiramaa rakkoo kana hundeerraa furuuf sirna federaalizimii fedhiifi obbolummaarratti ijaarame jabeessuun sabdaneessummaatti ulfina horaa jira. Dhimmoota ijoo kabaja sabdaneessummaa cimsan, ashaaraa sabootaa, sablammootaafi ummattootaa olkaasaniifi waliigaltee biyyaalessummaa cimsanirratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

Sirnoota darban keessatti gaaffiileen eenyummaa, amantii, siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaan otoo deebii hinargatiin waan turaniif ALA bara 1991 booda sirni federaalizimii sabdaneessaa biyya keenyaaf filatamaa ta’e dhugoome. Guyyichi Saboota, Sablammootaafi Ummatoota Itoophiyaa aadaa walii baruufi walittihidhamiinsa cimsuuf gumaacha olaanaa qabaata.

Guyyichi keessumaa barana haala barameen ala hojiilee tola ooltummaa, biqiltuulee kunuunsuufi hojiilee misoomaa daaw’achuu fa’iin, guyyoota Sadaasa 25 irraa kaasee hanga har’aatti jiraniif maqaalee, “Guyyaa Obbolummaa, Heddumminaa, Waloomaa, Ida’amuufi Itoophiyaa” jedhaman moggaasuufi taateewwan adda addaatiin dabaaluuni kabajamaa kan jiru.

Oggaa guyyaan heerri RFDI wabii afaan, aadaafi eenyummaa ta’e ittiragga’e kun kabajamutti dhimmi ijoon hanga liibsuu ijaatiifillee dagatamuu hinqabnes jira, nageenya. Itoophiyaatti nageenya waaraa dhugoomsuuf seenessawwan ykn dhugaawwan waloo ijaarurratti xiyyeeffachuun murteessaadha. Akkasumas, heddumminaafi walqixxummaa kabajuu, eeguufi eegsisuun daran barbaachisaadha. Dhugaawwan ykn seenessa waloorratti xiyyeeffachuufi ijaaruurrattis akkasuma.

Ayyaanicha haala aadaafi duudhaa obbolummaa ajaa’ibaa saboonni biyyattii durumaa kaasanii qaban caalaatti dagaagsuufi haala dhaloota ittaanuuf dabarsuun danda’amuun, egereef bu’uura ta’uun kabajuun barbaachisaadha. Haalichi guyyoota murtaa’aniif afaanumaan jejjedhamee kan biraa deebi’amu otoo hintaane keessoo ofiitti fudhachuun karaa walitti hidhamiinsaafi jaalala ummatoota jidduu jiru akka funcaa cimaatti hidhee nageenya waaraa mirkaneessuun kan ittifufu ta’uu qaba.

Gama kanaaniin seeneffamni ture saba tokko, afaan tokko, amantii tokko, ummata tokko kan jedhuufi kan danummaa balleessuu barbaadu waan ta’eef sirna federaalizimii sabdaneessaa wabii eenyummaafi walqixxummaa ta’e kana eeggachuunis dhimma dagatamuu hinqabneedha.

Walumaagalatti sirni federaalizimii heddumminaafi walqixxummaa utubaa tokkummaa biyyaalessaa waan ta’eef amaloota sirna federaalizimii kanneen akka waldanda’uu, beekamtii walii kennuudhaan akkasumas, dhaabbilee dimokiraasii ijaaruudhaan, warreen jiran ammoo cimsuun dhimma daran barbaachisuudha.

 BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016

Recommended For You