Raayyaa qormaata hunda keessatti injifatu

“Raayyaa Ittisaa qabatamaan qorameefi Afrikaan ittiin boontu ijaarreerra, raayyaan bara baraan aarsaa kan kafalu, nageenya argame cimsuufi kan dhabame deebisuuf, biyyi keenya fayyadama walootiif biyyoota ollaa waliin nihojjetti, riifoormii hojjetameen raayyaan muuxannoo waraanaafi teeknikiin cimee ijaarameera.

Raayyaan gootummaa dirree waraanaarratti galmeessisuutti dabalee ergama nagaa eegsisuutiin ambaasaaddarummaasaa mirkaneesseera, raayyaan Itoophiyaa waggaa 116 guute bu’uura cimaa waan qabuuf biyyasaas seenaasaas ni utuba, Itoophiyaan eenyuyyuu weerartee hinbeektu fedhii weeraraas hinqabdu, Itoophiyaan fedhiis ta’e misooma weeraraan milkeessitu hinqabdu. Raayyaan ittisaa nageenya buusuuf kan dhama’u, nageenya qabnu itichuuf kan hojjetu, birmadummaaf aarsaa kan kafalu waardiyyaa biyyaa ittiin boonnuudha, hiriirriifi hidhannoon ittisaa lafarratti qofa osoo hintaane galaanaafi qilleensarratti kan gurmaa’eefi hidhate taasifameera.

Biyyi keenya weerartootaan mo’amtee hinbeektu, waraanaan mo’atamnees jilbeeff annees hinbeeknu, seenaan keenya kan agarsiisu mo’achuu, jilbeenfachiisuudha, raayyaan ittisaa keenya seenaa kan beekuufi kabachiisu waan ta’eef goota galateeff amuu qabuudha” jedhan Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraanaafi Ministirri Muummee RFDI, Abiyyi Ahmad (PhD) haasaa sirna Kabaja Guyyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa 116ff aa dheengadda mataduree “Raayyaa injifataa qormaata hunda keessatti cimee dhaabatu” jedhuun adeemsifamerratti.

Dhugaadha, Raayyaan Ittisa Biyyaa imalasaa dheeraa kana keessatti biyya tiksuu malee biyyasaarratti rakkoo raawwatee hinbeeku. Itoophiyaan seenaashee keessatti takkaa biyya kamuu weerartee hinbeektu, gara fuula duraattis hingootu. Raayyichi seenaa ergama nagaa eegsisuu biyya keessatti, Afrikaafi Kooriyaatti raawwate eeggachaa gara fuula duraattis ergamoota biroorratti hirmaachuuf ciminaan ni hojjeta.

Guyyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaan gaafa biyyattiitti Ministeerri Waraanaa ittihundaa’e, bara 1900 ka’umsa taasifatee kabajamaa jiru kun raayyichi qormaata biyya mudate hunda injifannoon keessa darbaa dhufe waan ta’eef guyyichi seenaa guddaa qaba. Raayyichi yeroo diinonni Itoophiyaa itti ka’anitti ummatasaa wajjin ta’uun birmadummaa Itoophiyaa gootummaadhaan dhugoomsee nageenya biyyaafi ummatasaa eeguudhaan waggaa dheeraa kan lakkoofsiseedha.

Guyyicha dahachuun gootota biyyasaanii eeguuf aarsaa ta’an ni kabajamu; waadaasaanii eeguufi dhaloota ittaanutti dabarsuuf kakuun nihaareff ama; ciminoota caalaatti cimsaa hanqinoota maqsaa fuulduratti tarkaanfachuuf bu’uurri nikaa’ama. Itoophiyaan waraanashii kan qopheeff attuuf ummatashii eeguuf waan ta’eef kanarratti ummanni ammas ilmaansaa gaachanaafi dahannoo amansiisaa ta’e kana maddii hiriiruun gumaachasaa cimsee ittifufuu qaba. Loltummaan ogummaa kabajamaa aarsaa dhiigaafi lafeetiin biyya itichuuti.

Loltuu waa’ee nageenya biyyaafi kabajamuu tokkummaa bulchiinsaatiif lubbuusaa marartuu gabbaruuf guyyuu ulfi na kennuun daran murteessaadha. Akeekni ijoon Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuu waan ta’eef raayyichi kaayyoosaa kana akka sirnaan bahatuuf keessumaa biyya keessatti hojmanee isaan hinmalleen akka hinqabamneef hawaasni humnoota nageenyaa kaan wajjin nageenyaa mirkaneessaa jaalalaafi kabaja raayyaasaatiif qabu gochaan agarsiisuu qaba.

Murnoota maqaa ummataa rarraafatanii nageenya booressuuf munyuuqan dhabamsiisuunis raayyichi hojmanee mana keessaa bahee qooda hojiisaa kan ta’e daangaafi birmadummaa biyyaa kabachiisuurratti akka xiyyeeff atuuf hawaasni karaa qindaa’een socho’uun daran murteessaadha. Raayyaa biyya malee sabummaa hinqabne, dahannoo birmadummaa biyyaa isa dhumaa ta’eefi caaseff amasaatiin saboota, sablammootaafi ummatoota biyyattii hundarraa ijaarameefi humna lafoo, humna qilleensaa, humna galaanaafi kkfn gurmaa’e kanaaf bakkaafi yeroo kamittuu ulfi na maluuf kennuufi inis cimee ittifufuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “Raayyaa qormaata hunda keessatti injifatu”

  1. Pingback: Free Palestine

Comments are closed.