Milkaa’inni hir’ina du’a haadholiifi daa’immanii irratti galmaa’e muuxannoo kan ta’uudha

Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Imaammanni fayyaa biyyattii dursanii ittisuu irratti xiyyeeffate bu’aawwan gurguddoo argamsiisaa jiraachuun ibsame.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Doktar Ayyalaa Tashoomaa, bu’aalee argaman keessaa immoo du’a haadholiifi daa’immanii ittisuu irratti hojiin akka biyyaatti hojjatame olaanaa ta’uusaatiin ta’uu ibsu.

Du’a haadholiifi daa’immanii kana hir’isuun kan danda’ameef haalli kenna tajaajila fayyaafi hordoffiin da’umsaan duraa, yeroo da’umsaafi da’umsaan boodaa fooyya’iinsa guddaa agarsiisuusaatiin akka ta’eefi, kun immoo haadholii kanaan dura waqtiiwwan murteessoo kanatti hordoffii cimaa dhabuudhaan lubbuunsaanii bahu oolchuu bira darbee, daa’imman deeggarsa gaarii dhabanii du’anis lubbuu baraaruu danda’uusaa dubbatu.

Kun immoo dameewwan fayyaa isaan hafaniif akka muuxannoo gaariitti kan tajaajiluu qabu ta’uus ni kaasu. Muuxannoon du’a haadholiifi daa’immanii ittisuu irratti galmaa’e immoo dameewwan fayyaa isaan birootiif akka tolutti hojjatamaa jiraachuu kan ibsan Doktar Ayyalaan, yeroo hunda muuxannoo gaarii biyyoota alaa qofarraa barbaaduun kan nama hinbaafne ta’uu hubachuun akka biyyaatti hojiilee fakkeenya gaarii qabanirraa barumsa fudhatanii babal’isuun aadaa baratamuu qabu akka ta’e himu.

Waldaalee ogummaa garagaraa damee fayyaa irratti hojjatanis dhimma kanarratti xiyyeeffatanii yaadotaafi galteewwan barbaachisoo ta’an akka barbaadaniifi gumaachaniifis affeeraniiru. Waggootni kurnan keessa jirru waqtii duuti haadholiifi daa’immanii bifa abdachiisaa ta’een itti hir’achaa dhufe ta’uu ragaan Ministera Fayyaa ni agarsiisa.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *