“Milkaa’ina hojii komishinichaatiif barsiisni araaraa cimee ittifufa’’ -Paastar Tsaadiquu Abdoo

Finfinnee: Hojii Koomishinii Marii Biyyaalessaatiin eegalame akka milkaa’uuf barsiisa ijaa ba’uurraa fagaachuun araaraa cimsanii akka barsiisan Tokkummaan Waldoota Kiristaana Warra Wangeela Itoophiyaa ibsan.

Pirezidantiin Tokkummaa Waldoota Kirstaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoo tibba darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, hojii komishinii marii biyyaalessaan hojjetamaa jiru milkeessuuf barsiisa ijaa ba’uurraa fagaachuun jaalalaa, tokkummaafifi araaraa buusuu cimsanii barsiisaa jiru. Marichis dhimmoota waldhabdeef sababa ta’an furuuf shoora olaanaa qaba.

Akka ibsa isaaniitti, Koomishinichi akka biyyaatti dhimmoota waliigalteerra hin ga’amne walitti sassaabuun mariin akka furaman irratti hojjechaa jira. Muuxannoon mariin waldhabdeef furmaata barbaaduun biyyoota adda addaa keessatti geggeffamee bu’aa argamsiisaa jira. Biyyoota itti milkaa’an keessaa Afiriikaa Kibbaa ishee tokko ta’uu himanii; marii kanarrattis namootni akka luba Deezmoon Tuuttuu argamuun biyya baduuf fiixeerra geesse furmaata akka argattu taasisuu yaadachiisaniiru.

Lubi Deezmoon Tuuttuun haala Afrikaa Kibbaa keessaa kitaaba matadureen “Araara malee, egeree hinqabaannu” jedhu akka barreessan himanii; mariifi araaraa malee egeree qabaachuun akkka hindanda’amne hundaafuu fakkeenyummaa qaba jedhaniiru.

Kan Itoophiyaas garuma kanatti deemaa jira jiedhanii; hojii komishinichaan eegalame akka milkaa’uuf waldattiin gumaacha waan dandeessu hunda gumaachuuf qophii ta’uu hubachiisaniiru.

Dabalataanis waggoota 27 warra adiin mana hidhaatti hiraarafamaa kan turan Niilson Maandeellaan erga mana hidhaatii ba’anii araara isaan warra isaan hidheef taasisuun Afrikaa Kibbaa har’aaf bu’uura jabaa ta’uu dubbataniiru.

Miseensonni komishinichaa barnoota ga’aa kan qabaniifi waraanni Itoophiyaa Kaabaatti akka hineegaleef jaarsummaatti hirmaachuun muuxannoo waan qabaniif milkaa’ina hojiisaaniif guddaa qabaatas jedhaniiru.

Humnaan aangootti dhufuufi humnaan aangoorraa ka’uun bara dheeraaf shaakalamus furmaata fiduu hindandeenye. Kanafuu, akkuma biyyoota biroo mariifi araaraamaan waliigalteerra ga’uuf hojii komishinichaa tumsuun barbaachisaadha. Tokkummaa, nagaa,araaraafi jaalala barsiisuun waldaasaanii dabalatee hojii waldoota hundaa akka ta’us dhaamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You