Qeellam Wallaggaatti hojiin nageenya mirkaneessuu bu’aa abdachiisaa argamsiisaa jira

Finfinnee: Godina Qeellam Wallaggaatti hojiileen nageenya mirkaneessuuf hojjetamaa jiran bu’aa abdachiisaa argamsiisaa jiraachuu Waajjirri Bulchiinsafi Nageenya godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Tasammaa Waariyoo Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, waggoota sadii dura humni Shanee aanaalee godinichaa hedduu keessatti seelii diriirfatee uummata saamaa, nama nagayaa ajjeesaa, shororkeessaa, gidiraa dhala namaarratti raawwachuu hin malle ummataratti raawwachaa ture ammaan tana gara dhabamuutti jira.

Keessattuu humni kun ajjechaa sukanneessaa raawwachaa ture kan jedhan Obbo Tasammaan; nama qabee bosona geessuun erga fannisee booda namni osoo lubbuun jiru abiddaan gubaa, yoo barbaades immoo billaadhaan qalaa ture.

Humni kun namoota ugguree bosona galchuun qarshii humnaa olii ummata gaafachaa waan tureef namootni bakka bakkatti socho’uufis ta’ee godinicha keessa jiraachuuf sodaachaa turan. Keessattuu abbootiin qabeenyaa qe’eefi qabeenyasaanii dhiisanii godaanaa turan.

Godinichatti hundaa ol aanaaleen daangaarratti argaman kanneen akka aanaa Gidaamii, Anfilloofi Jimmaa- Horroo humna kanaan daran miidhamaa turuu yaadachiisanii; yeroo ammaa garuu aanaalee kunneen dabalatee aanaaleen godinichaa 12nfi gandoota godinichaa 279 keessatti caasaan mootummaa guutumaatti hojjechaa jiru jedhaniiru.

Hojii bulchiinsi godinichaa, Abbootii Amantii, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, ummata bal’aafi Raayyaa Ittisa Biyyaa qindoominaan hojjetaniin ammaan tana nagaya waaraatu jira kan jedhan Obbo Tasammaan; hojii nageenya godinichaa mirkaneessuuf hojjetamaaa jiru keessatti ummatni bal’inaan hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Gidiraan murnichi raawwachaa ture ummatni akka isa jibbuu kan taasise ta’uu himanii; humnichi deebi’ee akka isa hingidirsineef ummatni gachana sirnaafi milishaatti makamuun tumsa qaama nageenyaaf taasisuun humna kana dhabamsiisuurratti gaheesaa ba’achaa akka jiru dubbataniiru.

Humnichi godinaafi lagaan walqoodee walwaraanuun laamsha’ee bittinnaa’aa jira kan jedhan Obbo Tasammaan; ji’a Eblaa keessa qofa miseensotni qaama kanaa 102 harka kennataniiru, miseensotnisaa 100 ol ta’an booji’amaniiru, 61 ammoo osoo badanii deemaa jiranii eeruu ummataatiin qabamuu eeraniiru.

Yeroo ammaa, hojiin misooma qonnaa, hojiin daldalaa, hojiin baruufi barsiisuu godinichatti bakka hundatti haala gaariin adeemsifamaa jiraachuu himanii; hojiitti deebi’uun dirree xayyaaraa Dambi-Doolloo agarsiistuu guddaa jiraachuu nageenya godinichaa ta’uus ibsaniiru.

Rippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You