Miseensonni Shanee harka kennachuu ittifufaniiru

Finfinnee: Godina Boorana Bahaatti miseensonni ABO Shanee 107 ta’an waamicha karaa nagaa mootummaan taasiseef fudhachuun harka kennatan.

Godinichatti tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu qindoomina qaamolee nageenyaatiin fudhatamaa jiruun miseensota garee ABO Shanee rukutamaa jiru.

Tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu garicharratti fudhatamaa jiruun yeroo ammaa miseensota ABO Shanee 200 ol ta’an barbadaa’uu Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenya Godina Boorana Bahaa Obbo Mallicha Galmaa himaniiru.

Miseensonni garichaa 107 ta’an ammoo waamicha karaa nagaa mootummaan taasiseefi badii garichi ummatarraan gahaa jiru jibbuun karaa nagaan harka kan kennatan yoo ta’u, 16 booji’amaniiru.

Oppireeshinii cimaafi qindoomaa qaamolee nageenyaatiin godinichatti gaggeeffamaa jiruun yeroo ammaa diinni rukutamaa jira.

Raayyaa Ittisa Biyyaa, Ajaja Kibbaatti Ajajaa Ittaanaan Kutaa Waraana 41ffaa Koloneel Naasir Mohaammad tarkaanfiin gama kanaan eegalame cimee kan ittifufu ta’uu himaniiru.

Oduudhuma walqabateen, Godina Wallagga Bahaa, aanaaleefi gandoota garagaraatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf oppireeshinii qindoomina caasaalee nageenyaatiin gaggeeffameen humna badii ABO Shanee waamicha nageenyaa taasifame didee hojii nageenya ummataa booressuu ittifufanirratti tarkaanfiin keessa deebii hinqabne fudhatamaa jira.

Miseensonni garichaa qindoomina humna walootiin booji’amaa kan jiran yoo ta’u, warri daandii badii murnichaa hubatanii karaa nagaatti deebi’an ammoo mootummaatti harka kennataa jiraachuu Kominikeeshinii Oromiyaarraa odeeffanne.

Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Liibaan Cuqqaalaattis miseensota Ahanee Yaa’a Laga Awaash daheeffachuun sochaa’aa turanirratti tarkaanfiin fudhatamuu Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksise.

Miseensota garichaa gochaa shororkeessummaa raawwataa turan guutummaatti barbadeessuu himeee, hoggantoonnisaa Jaal Boonsaa, Jaal Fayyisaafi Jaal Maakii jedhaman garee dursan waliin ajjeeffamuu eereera.

Kilaashonni 34, ‘SKS’ 13, boombiiwwan adda addaa addeetiifi rasaasonni hedduun hidhannoowwan garagaraa waliin booji’amuu ragaan fuula feesbuukii Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You