Manni Abbichuu nageenyaafi misooma toora xiyyeeffannaa taasifachuun milkaa’eera

Finfinnee: Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu irra jireessaa bosonaa uwwifamuu, sulula Mogoritti dhiyaachuufi daandiin naannoo Amaaraa geessu keessa qaxxaamuruun walqabatee bakkeewwan sodaa nageenyaa qaban keessaa isa tokko ture.

Gama biraatiin ammoo pirojektii guddichaa “Caakkaa pirojekti” jedhamuufi Buufata Qorannoo Hawwaa dabalatee dhaabbilee guguddoon kutaa magaalichaatti argamuunsaanii carraa hojii uumuufi galii maddisiisuurratti kutaa magaalattii carraqabeessa taasisa.

Nageenya mirkaneessuu cinatti rakkoo bulchiinsa gaarii maqsuun galii sassaabuurratti hojii fakkeenyummaa qabu kutaan magaalichaa barana hojjete ilaalchisee Bulchaan Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu Obbo Abrhaam Biraanuu Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaa waliin turtii taasisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, Shanees ta’e Finxaaleyyiin Faannoo nageenya kutaa magaalichaa booressuuf yaaliiwwan garagaraa taasisanis hojii qindoomaa qaamolee nageenyaa waliin hojjetameefi hubannoo hawaasaa cimsuun aggaammiin badii kamuu fashalaa’eera. Sululli Mogor kan Shaneen keessa socho’aa turte kutaa magaalichaatti dhiyoo ta’uufi daddabarsa meeshaalee waraanaa finxaaleyyiin Faannoo dhoksaan dhimmoota akka sodaa nageenyaatti adda ba’uun hojii bal’aa hojjetameen maseenaniidha.

Nageenya kutaa magaalattii waaressuuf barana qofa milishaafi gaachana sirnaa 3000 leenjisuun danda’ameera. Hojii qindoomina gaachana sirnaa, milishaafi qaamolee nageenyaa biroo waliin hojjetameen yeroo garagaraa akaakuun meeshaalee waraanaa badiif gara Finfinneetti geejibamaa turan 170fi qaamoleen badiif socho’an hedduunis to’annaa jala oolaniiru. Baalli sammuu namaa adoodchuu kuntaalli 25 olis to’atameera jedhan.

Jiraattonni kutaa magaalattiis sochii nageenya waaressuuf meeshaalee waraanaa 80 ol fedhiisaaniin galii taasisuun ala nageenya qe’eesaaniif waraadiyyaa ta’uun yaaddoo nageenyaa ture dhabamsiisuun danda’amuus Obbo Abirhaam ibsaniiru.

Gama rakkoo bulchiinsa gaarii ture furuufi galii sassaabuutiin akka jedhanitti, dhaabbileen tajaajila hawaasummaa federaalaa waggoota 17-20 oliif kutaa magaalattiif osoo galiin hingalchiniifi gumaata hawaasummaa tokko malee dalagaa turan. Ta’us barana sochii bulchiinsi kutaa magaalattii taasiseefi fedhii dhaabbilee kunneeniin dhaabbilee Itiyoo-telekoomiifi Dhaabbata Boba’aa Itoophiyaarraa qofa galii gibiraa boodatti deebi’amee shallagameen qarshii miliyoona 150 sassaabuu eeraniiru.

Dhaabbileen federaalaa hafan tokko tokkos fakkeenya dhaabbilee galii gibiraa kutaa magaalattiif kaffalan kanneen ilaalcha keessa galchuun dirqamasaanii akka ba’an yaadachiisanii; bulchiinsi kutaa magaalattiis bu’uura seeraan dhabbileen hafan kunneen gara siistemaatti dhufuun gama tokkoon dirqamasaanii akka ba’an, gama biroon ammoo ragaa abbaa qabiyyummaa akka gonfataniif kan itti adeemu ta’uu hubachiisaniiru. Waliigalaan kutaa magaalattiitti hanga ammaatti galiin qarshii miliyoona 655 ol sassaabamuus ibsaniiru.

Dargaggoota hojii dhabeeyyiif hojii uumuufi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf damee qonnaarratti hojii bal’aan hojjetamuus himanii; industirii godoo, horsiisa lukkuu, horsiisa booyyeefaarratti xiyyeeffannaa addaan hojjetameera. Finfinnee waliin walitti hidhamiinsa gabaa uumuun gama tokkoon galii dargaggootaa gabbisuu, gama kaaniin qaala’iinsa gatii tasgabbeessuun danda’amuu dubbataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You