Itoophiyaan alergii avokaadoorraa doolaara Ameerikaa miliyoona 1.6 ol argatte

Taammiruu Raggaasaatiin

Finfinnee: Itoophiyaan ji’oota torba darbanitti omisha avokaadoo alaatti erguun doolaara miiliyoona 1.6 ol argachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichatti Hogganaan Deeskii Misooma Kuduraafi Muduraa Obbo Axlaaw Anbaluu turtii Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka dubbatanitti ji’oota torba darban keessatti biyyattiin firii avokaadoo toonii 1500 ol erguudhaan doolaara Ameerikaa miiliyoona 1.6 ol argatteetti. Baay’inaan biyyootni omishni kun itti ergame immoo biyyoota Awurooppaafi baha giddugaleessaatti.

Akka ibsasaaniitti, lafti hektaarri kuma 161fi 471 omisha kuduraafi muduraan kan uwwifame yommuu ta’u, kana keessaa hektaarri kuma 30fi 587 ol avokaadoodhaan kan uwwifameedha. Waggoota shanan darbanitti omishich giddugaleessaan dhibbantaa 42.7n dabaleera. Biyyattiin lafa hektaara miliyoona afur kuduraafi muduraa omishuf oolus ni qabdi.

Imaammanni mijataan jiraachuun, dabalaa dhufuun fedhii gabaa biyyaalessaafi idil addunyaa, babal’achaa dhufuun paarkiiwwan industiriifi inisheetiviin Ashaaraa Magariisaa omishtummaa avokaadootiif carraa gaarii kan uuman ta’uus hoggantichi ibsaniiru.

Itoophiyaan avokaadoo baay’inaan omishuuf carraa olaanaa qabaattus sababoota kanneen akka hanqinoota teknolojii, liqii idileefi tajaajila ekisteenshinii addaa avokaadoorratti argachuu dhabuufi kkn walqabatee hamma omikshuun maluuf omishaa akka hinjirrees eeraniiru.

Mootummaan tajaajila ekisteenshiniifi deeggarsa teknikii ni kenna, hojii walitti hidhamiinsa gabaa ni hojjeta, sanyii filatamaas ni dhiyeessa, qonnaan bulaan kilaastaraafi waldaan gurmaa’e avokaadoo akka omishuf deeggarsaafi tumsa barbaachisaa akka taasisu Obbo Axlaawu ibsaniiru.

Mootummaan dhiyeessi galteewwan omisha avokaadoof barbaachisan dabaluun fayyadama qonnaa makaanaayizeeshinii guddisuun, invastimantii damee avokaadoo qorannoofi qo’annoon deeggaruun biyyattiin galii omishicharraa avokaadorraa argachuun maluuf akka argattuuf kallattiin ka’amee hojjetamaa akka jirus beeksisaniiru.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *