Bulchiinsi magaalichaa haala yeroo ilaalchisee ibsa kenne

Bulchiinsi magaalichaa ittigaafatamummaa kennameef ba’achuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jiraachuu ibsichaan eerameera.

Magaalichatti rakkooleen siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee akkasumas caaseffamaa jiraachuu eeruun, rakkoolee kanneen haala ummata hirmaachiseen furuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuun ibsameera. Kanaanis bu’aaleen jajjabeessoon galmaa’uu eegaluu kaasuun adeemsicha keessatti fayyadamaa kan ta’e ummanni magaalichaa kan bekuufi kan hubatu ta’uun eerameera.

Jijjiirama biyyaalessaatiin as bu’aaleen agarsiistuu tokkummaa sabdaneessummaa ta’an, Ityoophiyaanonni hundi ittiin boonaniifi milkaa’inni imala badhaadhinaa kan hinhafne ta’uu kan mul’isan galmaa’uu eegaluun eerameera.

Sadarkaa magaalaatti pirojektonni guguddoon bocamuun saffisaafi qulqullinaan xumuramuun ummataaf tajaajila kennuurra darbee maqaa gaarii magaalichaafi biyyaa gara boqonnaa haaraatti guddisuu keessatti gahee olaanaa ba’achaa jiraachuunis ibsameera.

Magaalichi kan Itoophiyaanota hundaa qofa osoo hintaane kan Afrikaanotaa akkasumas giddugala dhaabbilee idiladdunyaa waan taateef maqaa gaarii seenaafi ittigaafatamummaashee madaalu akka qabaattuuf, miidhagduu, qulqulluufi jiraattotasheef mijattuu akka taatuuf tattaaffii bal’aan taasifamuun bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu ibsameera. Hojiin kun cimee kan ittifufu ta’uu ibsichaan ka’eera.

Sagantaalee namarratti xiyyeeffatan hojjetamaa jiraniinis manneen jireenyaa namoota harkaqal’eeyyii suphuun dhiibbaa jireenyaa salphisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuun eerameera.

Abbootii qabeenyaa qindeessuun magaalicha bakkeewwan garaagaraatti giddugaloota nyaataa hundaa’aniin lammiilee guyyaatti si’a tokko soorachuuf rakkatan nyaatanii akka oolan taasisuu danda’uun bulchiinsi magaalichaa lammiilee isaaf hagam akka yaadu kan mul’isu ta’uu ibsameera. Haaluma walfakkaatuun sammuun barattootaa hanqina nyaataatiin akka hinmiidhamneef manneen barnootaatti sagantaaleen nyaataa bocamuun hojiirra ooluu yaadachiifameera.

Bulchiinsi magaalichaa hojiilee misoomaa kanneeniifi warreen hafan babal’isuuf tattaaffii yeroo taasisaa jirutti humnoonni magaalicha giddugala jeequmsaa gochuuf socho’an gamasaaniin jijjiirama magaalichaa duubatti kan harkisaniifi gochoonni badii dhiibbaa jireenyaa ummataa daran hammeessan raawwatamaa jiraachuun ibsameera.

Gocha badaa humnoonni badii raawwatan ummanni magaalichaa keessumaa raayyaan nageenyaa ummataa humnoota nageenyaa magaalichaafi federaalaa waliin qindoominaan fashaleessaa turuun yaadachiifameera.

Humni nageenyaa magaalichaa tibbana bu’uura eeruu caasaa nageenyaafi ummataatiin dargaggoonni hedduun magaalichaan alarraa seenuun ergama badiif bobbii fudhachuun osoo socho’aa jiranii to’annaa jala ooluun ibsameera.

Dargaggoonni tokko tokko ololaafi faayidaa humnoota badiitiin gowwomfamuun manneen barnootaa osoo hinhafin walitti bu’iinsa uumuun adeemsi baruu barsiisuu akka gufatuufi nageenya magaalichaa booressuun shira finxaaleyyii milkeessuuf sochaa’aa turuu eereera.

Bulchiinsi magaalichaa qaamoleen gochaa badiirratti hirmaatan hundi gochicharraa akka of qusataniifi yaadama jijjiirama biyyaalessaarraa ka’uun qaamolee kanneeniif obsaa turuun himeera. Ammas rakkoolee jiran haala tasgabbii qabuun hiikuun kan ittifufu ta’us, badiisaanirraa kan hindeebine taanaan tarkaanfii seeraafi bulchiinsaa cimaafi barsiisaa ta’e kan fudhatu ta’uu ibseera.

Kun akkuma jirutti ta’ee dhiibbaan qaala’iinsa jireenyaafi dhiyeessiin tajaajila geejjibaa magaalichatti qormaatilee guddaa ta’uu bulchiinsi magaalichaa kan hubatu ta’uu eereera. Rakkoo gama qaala’iinsa jireenyaan jiru furuuf shamattoonni omishaalee hedduminaan akka dhiyaassan kallattiin kaa’amuun himeera.

Akkasumas daldaltoota seeraan ala oomishalee dhoksaniifi daballii gatii taasisan to’achuuf tarkaanfii seeraafi bulchiinsaa fudhachuun cimee kan ittifufu ta’uun ibseera. Mootummaan rakkoo tajaajila geejjibaa irratti mul’atu furuuf konkolattota tajaajila geejjibaa kennaniif deeggarsaa boba’aa taasisaa jiraachuun isaa osoo beekamuu konkolattoonni bajaajii, gatii daballii taasisuufi hojii yakkaa irratti hirmaachuu jiraattonni magaalichaa komii dhiyeessu eerameera.

Bulchiinsi magaalichaa tajaajila baajaajii seera qabsiisuuf sirreeffama hojmaata taasisaa jiraachuufi hanga sirreeffamichi hojiirra oolutti tajaajilli baajaajii akka dhaabbatu murteeffamuu ibsameera.

Tajaajilichi dhaabbbachuusaatiin jiraataa magaalichaarra dhiibbaan akka hingeenyeef tajaajilli geejjibaa magaalicha humna guutuufi qindoominaan hojjechuun haalota mijeessuun ibsameera.

Bulchinsa magaalichaatti bu’aalee hanga ammaatti galmaa’an ittifufsiisuun, fayyadamummaan jiraattotaa caalmaatti kan mirkanneeffamuu ta’uun eerameera. Humnoota hojiileen misoomaa akka hinmilkoofneef socho’aniratti tarkaanfiin kan fudhatamuu ta’uufi nageenya jiraattotaafi magaalichaa eegsisuun kan ittifufu ta’uun ibsameera. Jiraattoonni akkuma kanaan duraa nageenya magaalichaafi olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti bulchiinsa bira akka dhaabbatan waamicha dhiyeesseera.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 2 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *