Osoo namni tokko sitti dhufee gaaffii tokko si gaafatee, garuu gaafficha deebisuudhaaf sammuu fayyadamuu hinqabdu jedhee dursee si akeekkachiisee maal goota? Sammuu osoo hinfayyadamin akkamitti gaaffiidhaaf deebii kennu? Kun waan danda’amu miti.
Gaaffii deebisuuf sammuun dirqama hojiisaa hojjachuu qaba. Rakkinaaf furmaata kennuuf sammuutti fayyadamuun dirqama. Gaafa sammuun nagaa ta’u qaamonni biroos ajaja sammuurraa kennamuuf qajeelummatti raawwachuudhaan fayyummaa sammuu tumsu. Gaafa sammuun dhukkubsatu garuu qaamonni kanneen biroos waliin kulkulfatu. Maarree fayyummaa sammuutiif eegumsa gochuun fayyaa qaamota biroos eeguu akka ta’etti kan himamuu kanumaafi.
Yeroonsaa gara galgalaa ture. Biiftuun lixuuf ifa ishee xiqqeesitee mukkeen irraan balaqeessuutti jirti. Qilleensisaa hedduu cimaa hinturre, keessa deemuuf daran nama hawwata. Mooraan Yuunivarsiitii Haramaayaa barattootaan guutameera. Hundisaaniituu waan fiigicharra jiran fakkaatu. Kaaffeen barattoonni nyaata itti sooratan banamee daqiiqaan 30 caalaan waan darbe miti.
Barattoonni baay’een gara Kaaffeetti imaluutti jiru. Kanneen biroo immoo gara mana dubbisaatti, kaansaanii iddoo kubbaan itti taphatamuufi ispoortiiwwan gara garaa itti hojjataman keessaa mul’atu. Biliseenis Yuunibarsiitii Haramaayaatti barattuu Muummee Injinariingii Ijaarsaa (Civil Engineering) waggaa 3ffaati.
Guyyaa kana uumama ilaaluun itti toleera. Hiriyaashee Marartuu wajjin teessee of duubatti deebitee bu’aa ba’ii ulfaataa waggoota lamaan darban keessa dabarsite yaadachuu eegalte.
Seenichi akkas ture: Biliseen barumsashee waggaa 1ffaa xumurtee ganna gara maatiitti yeroo deebitetti ture, guutumaatti wanti amala isheen kanaan dura qabdu irraa adda ta’e irratti mul’achuu kan eegale. Gaddi humnaa olii kan sababa hinqabne suutuma suutaan jireenyashee to’ataa dhufe.
Wantoonni kanaan dura ishee gammachiisan gammachuu kennuufii dhiisanii jiru. Jireenyishee osoo isheen hinfeene abdii kutannaadhaaf harka kennachuudhaaf dirqe. Hirribni irraa baqachuudhaan hirriba tasgabbaa’aa rafuun hawwii qofa jalaa ta’e.
Hariiroon isheen namoota wajjin duraan qabdus guutummaatti geeddarameera. Namootatti hindhiyaattu, kophaa dabarsuu filatti. Biliseen duraan tattaafattuufi of qabduu turte, erga mallattoon kun irratti mul’achuu eegalee qulqullina ofii eeggachuus dhiisteetti.
Otoo wanti isheen balleessite tokkollee hinjiraatin akka waan yakkamtuu taateetti of yaaddi. Rakkoo ishee mudate kanaaf maatiifi ollaanshees hedduu dhiphatanii waan danda’an hundaanis ishee wajjin ta’uuf yaalaa turan. Garuu mukuun kun ishee gadi dhiisuu hindandeenye.
Osuma bifa kanaan jirtuu yeroon gara kaampaasiitti deebi’an itti dhiyaataa dhufe. Gara Yuunivarsitiitti deebi’uuf kaka’umsa dhabdee jirti. Deemuu dhiisuuf maatiifi namoonni naannawaas akka isheen barumsa addaan kuttu hinbarbaadan.
Gaafa guyyaan waamichaa ga’u waan filannoo biraa dhabaniif abbaa ishee wajjin ta’anii gara kaampaasichaatti imaaluuf dirqaman. Erga mooraa gahanii booda abbaanshee hiriyootasheetti waan jiru hunda himee akka karaa maraan ishii bira dhabbatanii jajjabeessaniifi yoo wanti addaa jiraate immoo bilbilaan akka walhubachuu danda’an haala mijeessee deebi’e.
Gara mooratti deebitee yeroo muraasa booda barumsaaf asii achi fiiguun itti ulfaachaa dhufe. Abbaltiin gara garaa baay’achuufi qorumsoonni qoraman hedduun ciccimoo ta’uun rakkinni Bilisee daraan akka itti hammaatu taasise.
Boodarra daree barnootaa deemuufis guutumaatti kaka’umsa dhabde. Abdii kutannaan jireenya ishee weeraree fudhate. Jiraachuuf sababa dhabde! Kanarraa ka’uun du’uun akka waan furmaata rakkoo ishee ta’eetti yaaddi.
Utuma haala kanaan jirtuu galgala guyyaa Dilbataa tokko wanti hineegamne ta’e. Hiriyyoonni Bilisee hunduu dubbisuuf gara mana dubbisaatti deemaniiru. Biliseen kophaashee doormii keessatti haftee turte. Halkan keessaa naannawa sa’aatii 5:00tti hiriyaa daran Biliseetti dhiyaattu kan taate Iftuun gara doormitti yeroo deebitu waan ijji ishee arge amanuu hindandeenye tokkotu ishee mudate.
Biliseen siree irraa lafatti kuftee jirti! Hoomachi afaan ishee keessaa jigaa jira. Yeroo kana argitu Iftuun of to’achuu hindandeenye. Sagalee ishee ol kaastee iyyite! Namoonni birmatanii yeroo dhufanitti Biliseen hedduu laafteerti. Wantichi yaalii of ajjeesuuti! Meeshaan isheen qoricha keessaa dhugde lafatti kufee mul’ata.
Osoo hinturre hatattamaan ambuulasiidhaan barrisaa dhuftee Bilisee du’aafi jireenya gidduu jirtu gara hospitaala Caffee (Hiwoot Faanaa)tti qajeelchite. Yaala barbaachisu hunda argattee guyyaa lammaffaasheetti of barte. Uumaa wajjin ta’anii ogeeyyiin fayyaa lubbuushee oolchaniiru.
Erga isheen bayyanattee, jajjabaattee booda rakkina kanaan ishee gahe gadi fageenyaan akka ilaalamtuuf gara kutaa yaala sammuutti geeffamte. Kutaan kun kutaa dhukkuboonni sammuu itti yaalamaniidha. Hawaasa keessatti yeroo baay’ee dhukkubni sammuu akaakuu tokko qofa akka ta’etti hubatama. Kanarraa ka’uudhaan namoota rakkoon sammuu isaan mudate hundaayyuu bakkuma tokkotti “Maraataadha”, “Maraatuudha”, “Fayyaa hinqabu” fa’a jedhanii yeroo waaman ni mul’ata.
Dhugaan jiru garuu isa kana miti. Dhukkubni sammuu akaakuuwwan danuu qaba. Mallattooleensaanis garagara. Namoonni tokko rakkoo dhukkuba sammuu qaba kan jennu yoo uffatasaa gatee daandii gubbaatti bahe qofa miti. Osoo achi hingeenye rakkoowwan sammuu kanneen yoo yaala argatan fayyuu danda’an hedduun ni jiru.
Gara Biliseetti deebineerra, akkuma gara kutaa yaala sammuu kanatti geeffamteen waa’ee rakkinaafi dhukkuba ishee ogeessa yaala sammuu wajjin bal’inaan irratti haasa’an.
Dhumarratti Biliseen akaakuu dhukkuba sammuu mukuu cimaa (Major depressive disorder)tiin rakkachaa akka turte mirkaneessan. Dhukkubni kun hawaasa keessatti bal’inaan kan argamuudha. Mallattooleen Bilisee irratti mul’achaa turan kanneen akka sababa malee humnaa ol gadduu, gammachuu dhabuu, abdii kutachuu, miirri yakkamaa itti dhagahamuufi kanneen biroos mallattoolee mukuu cimaati.
Yaaliin of ajjeesuu kan Biliseen raawwattes dhukkuba kanarraa kan maddeedha. Namoonni rakkoo kanaaf saaxilaman baay’een keessasaanitti waa’ee of miidhuu yaadu. Jireenyi isaan jibbisiisa. Jiraachuuf sababa dhabu! Darbee darbee immoo sagaleen akka of ajjeesaniif isaan ajaju gurra isaanitti dhagahamuu ni danda’a. Dhumarratti abdii kutannaan guddaan waan isaanitti dhagahamuuf maloota adda addaa fayyadamanii of ajjeesuuf yaalu. Akka addunyaatti namoonni baay’een kan of ajjeesaniif rakkoo dhukkuba sammuutiif.
Mukuu cimaan yaala ni qaba. Biliseen dhukkuba kanaan dararamaa jiraachuun ishee akkuma mirkanaa’een yaala dawaafi gorsa xiinsammuu karaa ogeessa fayyaatiin isheef kennamu hordofuu eegalte. Yeroo muraasan booda jijjiirama waaraa mul’isuu jalqabde. Gaddi ishee dhiisee sokke. Abdii kutannaan ishee rakkisaa ture abdiidhaan bakka bu’uu eegale. Barumsa ishee kan yeroodhaaf addaan kuttee turte itti deebi’uudhaan haalaan hordofuu eegalte. Jijjiiramaafi fooyya’iinsa qoricha isheedhaaf kennamu irraa argatte irratti hedduu waan gammaddeef dawaa ishee osoo addaan hinkutin fudhachuu itti fufte.
Biliseen yaada dheeraa kana keessa erga daakaa turtee booda fayyummaa amma irra jirtutti daran gammaddee hafuura dheeraa baafatte. Amma Biliseen barattuu waggaa 3ffaati. Fayyummaa guutuu qabdi. Barumsa ofii dorgomtuu cimtuu taatee barataa jirti. Of tuffachuufi gadduun irraa godaananii jiru. Amma of bira darbitee namoota birootiifuu dhukkubni sammuu yaala akka qabuufi irraa fayyuun akka danda’amu ragaa bahaa jirti.
Dhukkubni sammuu akkuma dhukkuboota biroo dhukkuba yaalamee fayyuu danda’uudha. Abaarsa Waaqaafi hojii seexanaa miti!
Hubannoon gama fayyaa sammuutiin hawaasa keessa jiru gadi bu’aa ta’uun namni dhukkuba sammuu dhukkubsate yeroodhaan wal’aansa barbaachisu akka hinarganne gochuu keessatti gahee guddaa qaba.
Miidhaan dhukkuba sammuu nama dhukkubsataa sana qofa irratti kan daangeffamu miti. Maatiin, ollaan, hawaasni naannawaafi biyyis qoodamaa rakkinichaa ta’uun waan hinoolleedha. Yoo nama tokko dhukkube maatiifi ollaanis waa’eesaatiif jeeqamuufi dhiphachuun isaan ni qunnama.
Kanaaf nama dhukkuba sammuu qabu tokko yaaluun isa dhukkuba irraa wal’anuun cinatti maatiifi ollaadhaafis tasgabiin akka uumamu godha. Kana irraa ka’uudhaan rakkoon fayyaa sammuu dhimma nama dhukkubichaan qabamee qofa osoo hintaane: dhimma maatii, dhimma hawaasa naannawaa, darbee immoo dhimma biyyaati.
Fayyaa sammuurratti dammaqiinsatu barbaachisa. Gaafa hawaasni dhimma kanarratti dammaqee hubannoo isa sirrii argate miidhaan sababa dhukkuboota sammuutiin dhufu gadi bu’uunsaa shakkii hinqabu.
Kana gochuuf immoo hunduu gahee mataasaa qaba. Maatiin waan irraa eegamu yoo godhe, ogeessi fayyaa karaa hundaan hubannoo uumuufi of kennee hawaasa tajaajiluutti yoo xiyyeeffateefi qaamni mootummaa dhimmi isa ilaallatus xiyyeeffannoo barbaachisu waa’ee fayyaa sammuutiif osoo laatee dararaan hawaasa irra gama dhukkuboota sammuutiin gahu yeroo gabaabaa keessatti fooyya’aa deemuu akka danda’u abdiin jira.
Sammuu dhukkubsachuun yakkamaas, cubbamaas nama hin taasisu! Akkuma kalee, tiruu, onnee, sombaafi qaamonni kanneen biroos yoo nama dhukkube gara mana yaalaa deemamu, sammuunis yoo nama dhukkube mana yaalatti yaala barbaada.
Dammaqiinsi fayyaa sammuu inni dhugaa qaamota barbaachisu hunda keessatti gaafa lafa qabate, addunyaa namoota dhukkuba sammuu qaban irratti hinloogne uumuuf karaa saaqa. Haa dammaqnu! Rakkinoota gama fayyaa sammuutiin walqabatanii jiran furuu keessatti hunduu qooda keenya haa baanu,
Hubachiisa: Maqaan as keessatti fayyadamne maqaa bakka bu’iinsaa malee maqaa sirrii nama dhukkubsate sanaa miti.
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 12 Bara 2015