Rakkoowwan fayyaa ulfa ji’oota jalqabaa waliin walqabatan

Gaa’ila qabaatanii mucaa argachuun sanyii ofii dhaloota ittaanutti dabarsuun hawwii namoota baay’eeti.

Haaluma kanaan namootni guyyaa gaa’ilatti seenanii kaasee akeektota ulfaa’uu laguun dhufuu hafuu, hoqqisiisaa /balaqqamsiisaa/, dhukkubbii fiixee harmaa, guddachuu garaa, dhiphachuu, hirriba dhabuu ofirratti arguu jalqabu.

Namoota baay’eedhaaf jijjiiramootni qaamaafi xiinsammuu kun sadarkaa hammeenyaa gara garaatiin baatii/ji’a sagaliif erga waljijjiiree booda waanta isaan hawwaafi eegaa jiranitti jijjiirama; MUCAA.

Sanyiin dhiiraafi dhalaa ujummoo ovaarii keessatti walarguun erga fartilaayizeeshiniin uumamee booda gadi bu’uun micireen gadameessa keessa jiraachuu jalqabdi. Guddinni miciree gadameessa keessattis guyyaaa guyyaan guddachaa deemee turtii guyyoota 280 booda daa’imni gadameessa haadhaa keessaa bahuun gara dachee kanaa dhufuun jiraachuu jalqaba.

Baatiin sagaliifi walakkaan ykn Guyyoonni 280 kunniin dubartootaaf guyyaa aarsaa cimaa itti kaffalaniidha. Dubartooonni ulfaa haalli sirna qaamaasaanii namoota kaanirraa adda waan ta’eef taateewwan baay’ee kessummeessuu danda’u. Yeroo ulfaa hormooniiwwan qaamashee keessaas waan jijjiiramaniif sirnoota qaama dubartootaa baay’eerratti jijjiirama xixiqqaa ni agarsiisa.

Rakkoowwan fayyaa ulfa waliin walqabatan ji’oota sadan gara jalqabaa dubartoota hedduurratti miidhaa geessisa. Mee rakkoowwan fayyaa ulfaa ji’oota gara jalqabaa nama mudatan keessaa muraasa waliin haa ilaallu

  1. Yeroo ulfaa ol nama guuruu yookiin ol deebisuu:

Dubartiin ulfaa tokko sababa jijjiiramuu hormoonii ulfa waliin dhufan irraan kan ka’e yeroo baay’ee ol guurrii sasalphaa ta’ee hanga cimaatti keessummeessuu dandeessi. Ol guurriin yeroo ulfaa kunis yeroo hedduu kan inni mul’atu hanga torban 16 (ji’a 4)tti. Haa ta’u malee harki caalaansaa dhibeensaa gadaanaa waan ta’eef of eeggannoo malee yaala hin barbaachisu.

Dhibeen kun yoo hammaate garuu daa’imaa irratti osoo hintaane haadha irratti dhibee fiduu ni danda’a. Dhibeen kun yoo hammaatu haadha huuqqisuu, hanqina nyaataa fiduu, kalee miidhuu, dhibee sammuu fiduu, bishaaniifi elektrolaayitii qaama keessa jiru hir’isuufi kkf fiduu ni danda’a.

Kanaafuu dubartiin olgurraa si’a ja’aafiisaa ol yoo itti dhufeefi ulfaatinni qaamasaanii dhibbantaa shaniin yoo hir’ate hatattamaan gara mana yaalaa deemuun yaalamuu qabu.

Dhibee kana ittisuuf ykn hir’isuuf maal gochuu qabdu?

  1. Nyaata nyaattan hamma isaa xixiqqeessitanii ammaa ammaa garaagarummaa sa’aatii lamaan soorachuu.
  2. Nyaata cooma, dhadhaafi zayita of keessaa qabu hir’isuu.
  3. Zinjibila qofaa isaa yookiin hurreessuun (daafaquu/daakuun) shaayii waliin dhuguu, akkasumas nyaata waliin fayyadamuu.
  4. Nyaata kanneen pirotinaafi vitaaminiin guutuu ta’an kan akka kuduraafi muduraa fayyadamuu.
  5. Nyaataafi dhugaatii ho’aa fayyadamuu dhiisuu.
  6. Nyaata gogaa ta’an kan akka akaayiifaa fayyadamuu.
  7. Utuu nyaata hinyaatin dura bishaan dhuguu.
  8. Erga nyaata nyaattanii booda boqonnaa fudhachuu.
  9. Foolii nyaataa, aaraafi ho’a hir’isuufi kkf.

Mallattoowwan ol guuruufi ol deebisuu kun yoo isinitti hammaate garuu mana yaalaa deemtanii yaala barbaachisu argachuu qabdu.

Dabalataan akkuma jalqaba ibsuuf yaalle rakkoowwan kunniin baatiiwwan jalqabaa hanga baatii 4tti baay’inaan kan mudatan yoo tahu, isa booda badaa deema yookiin hir’achaa deema.

  1. Dhiiguu gadameessaa

Gadameessi dubartootaa sababoota garagaraa irraan kan ka’e dhiiga. Har’aaf rakkoowwan ulfa waliin wal qabatan kanneen dhiiguu gadameessaa fidan kan waliin ilaallu ta’a.

Rakkoowwan fayyaa ulfa waliin walqabatan kanneen dhiiguu gadameessaa fidan bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.

Isaanis:-

  1. Rakkoo dhiiguu gadameessaa ji’oota gara jalqabaa (Early Trimester bleeding)
  2. Rakkoo dhiiguu gadameessaa ji’oota gara dhumaa (Late Trimester bleeding)

Wantootni dhiiguu gadameessaa yeroo ulfaa gara jalqabaa fidan gurguddoon kanneen armaan gadiiti

  • Ulfi bahuu /Yeroo malee bakkaa socho’uu Miciree/ (Abortion)
  • Ulfa gadameessaan alaa (Ectopic Pregnancy)
  • Ulfa Daa’ima Malee

Rakkoo ulfa baasuu sagantaa keenya kutaa ittaanu keessatti kan qabannee dhiyaannu yoo ta’u, maxxansa kanaaf rakkoo ulfa gadameessaan alaafi ulfa daa’ima malee waliin ilaalla.

Ulfa gadameessaan alaa (Ectopic pregnancy)

Sadarkaa uumamuu dhala namaa keessatti sanyiin kormaa (Ispaarmii)fi hanqaaquun dhalaa ovaarii irraa gadi dhiifaman ujummoo gadameessaa jedhamu keessatti walarganii fartilaayizeeshiniin (walitti dabalamuun) erga uumamee booda micireen uumamu keessoo gadameessaa keessatti maxxanuun guddachuu eegala. Yeroo tokko tokko micireen uumamte kun keessoo gadameessaa keessatti maxxanuu dhiistee keessoo gadameessaan alatti maxxanuun ulfa gadameessaan alaatiif nama saaxila.

Ulfi gadameessaan alaa kunis baay’inaan kan mul’atu ujummoo gadameessaa, ovaarii, keessoo garaa, fiixee balbala gadameessaafi kkf irratti.

Wantootni ulfa gadameessaan alaatiif nama saaxilan maal fa’i?

  • Infeekshinii gadameessaafi ujummoo gadameessaa
  • Yaalii baqaqsanii wal’aanuu naannawa gadameessaafi ujummoo gadameessaa.
  • Dhibeewwan walqunnamtii saalaatiin daddarban.
  • Ulfa gadameessaan alaa kan duraa
  • Tamboo aarsuu
  • Yaalii garaa baqaqsanii wal’aanuu (pelvic surgery) fa’i.

Mallattoon ulfa gadameessaan alaa maali?

Ulfi gadameessaan alaa yeroo jalqabaaf mallattoo hin agarsiisu. Garuu akkuma micireen guddachaa deemuun xiqqoo yeroo turu mallattoowwan garagaraa agarsiisa. Isaanis:

  • Dhaabachuu laguu
  • Dhukkubbii garaa kan gara gadii
  • Dhiiguu gadameessaafi
  • Yeroo tokko tokkos ulfi gadameessaan alaa dho’uun rakkoo hanga du’aatti qaqqabsiisuu danda’a.

Kanaaf dubartiin tokko mallattoo akkasii ofirratti yoo argite hatattamaan mana yaalaa deemuu qabdi.

Ulfa daa’ima malee ulfa seexanaa (jinnii)

Hedduun keenya tarii maqaa kana naannawa keenyatti dhageenyeerra taha. Ulfi seexanaa maali? Seexanatu nama ulfeessa jechuudhaa?

Ulfi daa’ima malee (complete molar pregnancy) jechuun dubartiin tokko ulfooftee akkuma ulfa kaaniitti garaan ishee guddataa deemee daa’imni yeroo keessa hinjirre jechuudha. Rakkoon kun dubartoota ulfaa 1000 keessaa tokkorratti ni mul’ata jedhama.

Dhuguma seexanaan ulfooftii?

Ulfi kun kan uumamu hanqaaquun dubartii duwwaa ta’e yeroo sanyii dhiiraa tokko ykn lamaa olii waliin walitti dhufee fartilaayizeeshiniin uumamu jechuudha. Kana keessatti kiromosomii dhiiraa/abbaa qofatu baay’ataa (dachaa ta’a jechuudha).

Ulfa kana keessatti gadameessi miciree/ qaama daa’imaa malee tishuuwwan biraan guutamee guddachaa deema jechuudha.

Ulfa kana keessatti akkuma ulfa kaanii gadameessi guddachaa deema jechuudha. dabalataan guddinni gadameessaa dubartoota ulfa kana qabanii ulfa sirriirra guddaa ta’ees ni argama.

Rakkoon kun bal’inaan biyya keenya keessatti bakka hedduutti ni mul’ata. Kanaaf dubartiin tokko yeroo da’umsaa hordoffii yeroo ulfaa keessaayyuu qorannoo altiraasaawundii gochuu qabdi.

Ulfi kun yeroon yoo hinbaane rakkoo garaagaraaf saaxiluu waan danda’uuf mana yaalaa deemuun erga ilaalamanii booda akkaataa ogeessi fayyaa ajajuun yaalii barbaachisu argachuun barbaachisaadha.

Gabaabumatti dubartiin ulfaa tokko

  • Mana yaalaatti yeroo ulfaa yoo fayyaa ta’anillee yoo xiqqaate si’a 4 hordoffii gochuu qabu.
  • Nyaatawwan madaalawaa ta’an kanneen akka kuduraaf fuduraa, Atara/baaqelaa, foon, hanqaaquu/ killee, aannaniifi yoo argama ta’e qurxummii soorachuufaadha. Yeroo Ulfa gara jalqabaa sababa jeeqamuu hormooniirraan kan ka’e nyaati isaan nyaatan waan isaaniif hinsifoofneef (haqqisaa, ol nama xuquufi fedhiin nyaataafaa hir’achuu waan jiruuf nyaata jajjjaboo ta’an xixiqqeessuun yeroo yeroon soorachuu qabu.
  • Boqonnaa fudhachuu, Akkasumas ba’aa ulfaataa ta’e kaasuu dhiisuu.
  • Qoricha kamillee gorsa ogeessa fayyaa malee ykn ajaja ogeessa fayyaa malee fudhachuu hin qaban. Sababnisaas qorichoonni tokko tokko daa’ima gadameessa keessaarratti miidhaa waan geessisuuf
  • Alkoolii dhuguuf tamboo aarsuurraa of qusachuu qabu
  • Qoricha dhiigaa (ayiranii) yeroo ulfaa ogeessi fayyaa isiniif ajaju addaan kutuu hinqabdan/qaban
  • Mallattoowwan akka dhukkubbii mataa, ho’ina qaamaa (leeydaa), nama joonjessuu (dacheen shir nama jechuu), dhangala’aan foolii qabu gadameessa keessaa bahuu, yoo dhiiga ofirratti argitan, bishaan garbaa (gubbee) utuu ciniinsuun hindhufin yoo isaan irraa dhangala’e hatattamaan mana yaalaa deemuu qabu.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 28 Bara 2015

Recommended For You