Fayyaan maali? Fayyaan qaama alaafi keessaan miidhamuu qofaa?
Dhalli namaa yeroo dachee kanarra jiraachuu jalqaberraa eegalee bu’aa ba’ii jireenyaa baay’ee keessa darbuun sekondiin daqiiqaatti, daqiiqaan sa’aatiitti, sa’aatiin guyyaatti, guyyaan torbanitti, torban ji’atti, ji’i waggaatti, waggaan jaarraatti taree tokkorraa tokkotti darbuun jaarraawwan hedduu lakkoofsisuun har’a ga’ameera.
Baroota darban kanneen hundatti ammoo dhalli namaa jiruu hawaasummaasaa keessatti waan guddaa inni aadeffate ni jira. Kunis yeroo walitti dhufan ykn turtii yeroo dheeraa booda yoo walargan waa’ee hojii, maatii, qabeenyaafi biyyaa utuu nama hingaafatin dursa waan isaan waliin jedhan ykn akkaataa isaan itti nagaa walgaafatan keessaa inni duraa “akkam fayyaa keetii? fayyumaa? fayyaa qabdaa? Baga fayyaa taate” jedhanii waliin dubbii jalqabu. Kun kan agarsiisu fayyaan waan hunda kan dursu tahuusaati.
Addunyaa dhalli namaa mijeeffatee irra jiraattu kanarratti ammoo akkuma qaroominni namaaf haalli jireenya namaa fooyya’aa deemu, wantootni garaagaraa fayyaa namaa miidhanis guyyaa guyyaan dabalaa dhufaa jiru. Jijjiiramoota jireenyaa kana keessattis, fayyaa yoo qabaatan malee ba’anii galuun hindanda’amu; fayyaa yoo qabaatan malee hojjetanii duroomuun hinyaadamu.
Kanumaan walqabsiisuun, fakkeenya duureessi beekamaan Addunyaa kanaa dubbatu tokkon yaadadhe. Akkas jedhee ture “jaldeessa duratti muuziifi qarshii hedduu doolaaraan utuu darbattee jaldeessi itti fiigee kan fudhatu qarshii doolaara hedduu sana osoo hintaane, muuzii darbatameef sana”. Kanarraa wanti barannu uumamni lubbuu qabu keessattuu kanneen yaaduu hindandeenye, waan isaaf barbaachisu kan battalaarratti xiyyeeffachuusaati. Jaldeessi kunis hiika doolaaraa /maallaqaa osoo hintaane hiika muuzii waan beekuuf filate jechuudha.
Faallaa kanaammoo namni inni yaaduu danda’u dhibbantaan caalu fayyaasaatiif caalaa qarshiidhaaf dhiphata. Xiyyeeffannoon dhalli namaa fayyaasaatiif kennu amma maallaqaan yoo tilmaamameef tarii kan baay’ee waldarbu ta’uu mala. Namni kamuu fayyaa guutuu qabaachuu hawwus, fayyaa keessa jiraachuuf shaakalli qabatamaan inni godhu baay’ee yaraadha.
Addunyaa kanarrattis ta’u naannawa keessa jiraannutti taateewwan kana dhugoomsan garagaraa argaa oolla. Namoonni baay’een gamoowwan guguddaa akkasumas Addunyaarratti qabeenyaan badhaadhanii akka tasaa dhibee garagaraan yeroo Addunyaa kanarraa boqotan argaa jirra.
Kunis wantoota dursa kennamuu qabuuf dursa kennuu dhabuun waan namatti fiduudha. Yeroo kamittuu wantoota barbaachisoo danuu keessaa waan dursuu qabu dursisiisuun baay’ee barbaachisaadha. Fayyaan keenyaa konkolaachisaa keenya yoo ta’u qabeenyiifi duroominni ammoo, imaltoota konkolaataa fayyaan keessa taa’ee konkolaachisu keessa jiranidha.
Yeroo baay’ee namoonni baay’een dhibee ofirraa ittisuun alatti erga baay’ee dhukkubsatanii booda mana yaalaa dhaquu filatu. Kanaafis carraan dhukkubnichi hedduu itti hammaachuufi irraa damdamachuuf yeroo fudhachuu ni uumama. Faallaa kanaa ammoo utuu ittisarratti xiyyeeffannee du’arraa namoota baay’ee baraaruun ni danda’ama.
Fakkeenyaaf namoonni baay’een wal qunnamtiin saalaa daangaa hin qabne dhibeewwan daddarboo ta’an baay’ee kanneen akka ‘HIV’ nama saaxiluu isaa utuu beekanii ajaja kana irra darbuun dhibee kanaan gaaga’amaa jiru. Akkasumas tamboo aarsuun carraa dhibee kaanseriin qabamuu kanneen akka kaanserii sombaa, kaanserii garaachaaa, kaanserii mar’immaanii, kaansarii gadameessaafi kanneen kana fakkaataniif nama saaxiluusaa utuu beekanii dhibee kanaaf saaxilamuun namoonni baay’een addunyaa kanarraa yeroo isaanii malee darbaa jiru.
Kun akka hin taaneef garuu ogeessi akka isa ilaallatutti hubannoo uumuurratti xiyyeeffachuu danda’uun tarkaanfii isa jalqaabaati jedheen amana.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fayyaa jechuun maal akka ta’e ilaalchise akka ibsutti, fayyaan dhibeerra biliisa ta’uu qofa osoo hin taane, guutummaa guutuutti karaa qaamaa, karaa hawwaasummaa, karaa sammuufi karaa hafuuraa fayyaa ta’anii argamuu jechuudha.
Namoonni baay’een fayyaa dhabuu jechuun qaamaan hir’uu ta’uu ykn dhibeewwan keessaa kanneen akka dhibee kalee, dhibee garaachaa, dhibee tiruufi kkf akka tahe qofaatti yaadu. Kun garuu dogoggora. Hiika waliigalaa fayyaaf kenname dabalatee, akaakuuwwan fayyaa akka ittaanutti dhiheessuufan yaala.
1. Fayyaa qaamaa
Wantootni baay’een kanneen qaama keenya keessaafi alaarra miidhaa qaqqabsiisan ni jiru. Qaamni namaa gara alaatti argamuuf gara keessatti argamu sababa garaagaraa irraan kan ka’e hubamuu danda’a.
Balaawwaan uumamaa garaagaraa kanneen akka balaa konkolaataas ta’e meeshaawwan garaagaraan qaamni namaa miidhamuun balaan adda addaa namaarra yoo qaqqabe dhiibbaa baay’ee geessisuu danda’u. Fakkeenyaaf sababa balaa konkolaataan miilli namaa ykn harki namaa miidhamuu danda’a. Akkasumas wantootni fayyaa qaama keenyaa huban kan biroonillee hedduun ni jiru.
Yeroo baay’ee qilleensi faalamaa nuti fudhannu, bishaan nuti dhugnu akkasumas nyaanni nuti nyaannu wantoota garaagaraan faalamanii fayyaa qaama keenya keessaa kanneen akka garaachaa, mar’immaan, tiruu, kalee, onnee keenyaafi kanneen kana fakkaatan irratti miidhaa garaagaraa geessisuu danda’u. Wantootni xixiqqoo ijaan arguu hindandeenye ykn orgaanizimoonni garaagaraas kanneen akka baakteeriyaa, fangasii, vaayirasiifi kkf gara kutaa qaama keenyaatti seenuu malu.
Fakkeenyaaf soorata soorannu waliin, karaa sirna hargansuu /qilleensa fudhannuu/ akkasumas ammoo karaa qaama keenya birootiin fangasiiwwaniin, vaayiresiifi baakteeriyaan keessoo keenyatti galuun miidhaa qaama keessoorra ni geessisu. Kanaaf guutummaa guututtii karaa qaamaa fayyaa ta’uu jechuun wantoota kanarraa bilisa ta’uu jechuudha.
2. Fayyaan hawwaasummaa maali?
Fayyaa hawwaasummaa karaa baay’eetiin ibsamuu danda’a. Namni tokko guutummaa guutuutti fayyaa ta’uuf hawwaasa keessa jiraatu waliin walii galtee ykn hariiroo uumuu qaba. Kunis ooltoo bultoo dhala namaa keessatti jireenya hawaasummaa jedhamuun beekama.
Jireenya hawaasummaa keessatti ammoo namoonni waliin jiraannu, gareewwan hawaasaa, waajjiraalee, afooshaafi maatii ofii keessatti amala adda addaa ni qabaatu. Kanneen bakka dhaqan maratti namootaa waliin walii galanii jiruu hawaasummaa gaarii qabaatan akkuma jiran, namoonni baay’een hawaasa naannoo waliin jirachuu kan hinfeenes ammoo ni jiru.
Hawaasa irraa adda ofbaasuun (social isolation) namoonni baay’een yeroo qofaa jiraatan ni argamu. Kana qofa miti namoonni baay’een hawaasa naannoo waliinillee kan waliigalanii jiraachuu hindandeenye, akkasumas bakka hojii hojjetanittillee namoota hedduu waliin kan wal lolaniifi namoota waliin nageenyaan jiraachuu warreen hindandeenye baay’eetu jiru.
Kun rakkoo fayyaa hawaasummaa namni sun qabu yoo ta’u akka dhibeetti ilaalamuudhaan yaaliin fayyaafi ramaddiin gosaa kennamuufiin qorannoolee garaagaraa keessatti hammachiifamuun qorannoolee garaagaraa keessatti ni ibsamu.
Jireenya dhala namaa keessatti ga’a hawaasummaan fayyaa ta’uun tasgabbiifi nageenya akka qabaannu nu taasisa. Kanaafis garee hawaasaa, waajjiraaleefi afoosha akkasumas ammoo hawaasa naannoofi maatii ofii waliin hariiroo gaarii uumuun barbaachisaadha. Akaakuun fayyaa kunis fayyaa sammuu waliin kan walqabatudha.
3. Fayyaan hafuuraa maal?
Nama Addunyaa kanarra jiraatu keessa harki guddaan amantii dhuunfaa ofiitti amanu kan mataasaa ni qaba. Fayyaan hafuuraas kallattiinis ta’u alkallattiitiin hariiroo dhalli namaa uumaa ykn ammoo waan itti amanu waliin qabaatu jechuudha. Fayyaan hafuuraas amantii kana keessatti kan ilaalamu yoo ta’u, qorqalbii dhala namaa waliin walqabsiisuun abdachuu, amanachuufi fudhachuu danda’uu sammuu amantootaa keessatti fayyaa yaadaa ykn qalbii dhalli namaa qabaatudha.
Ogeessonni damee fayyaa kanaas yeroo nama gorsan namni kamiyyuu guyyaa guyyaatti jireenya kadhannaa adeemsa waan itti amanuutiin qabaachuun baay’ee barbaachisaa akka ta’e himu.
Gabaabaadhumatti fayyaan akaakuuwwan hedduutti hiramee ibsamuu yoo danda’es, dameewwan gurguddaa olitti hiraman kanaan qoodamanii tokkoo tokkoo isaanii keessattis bakka adda addaatti qoodamuudhaan ibsamuu ni danda’u.
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 21 Bara 2015