Seenaa dhibee Sammuu duriif ammaa

Dhala namaa bineensota kanneen biroo irraa wanti adda godhu, sammuu yaadu qabaachuudhaani. Kunis sababa uumaan caasaa sammuu keenya keessatti gola yaadu, xiinxalu, hubatu, sababeessuufi qoratu tokko nuuf laateefi.

Silaa osoo sammuun dhala namaa kan bineensota birootiin tokko ta’ee Addunyaan har’a keessa jiraannu kun dukkanaa’aafi keessa jiraachuuf baay’ee kan namatti hintolle taatee argamti.

Wantoonni Addunyaa kana irratti ajaa’ibsiisoofi dinqisiisoo ta’an jalqaba yaadaan turan. Sana booda sammuun dhala namaa kun xiinxalee gara qabatamaa ta’etti fide. Sammuun keenya qaalii ta’e kun hanga fayyaa qabutti wantoota amanuuf nama rakkisan baay’ee yoo kalaqu, garuu sababoota garagaraatiin yoo miidhaan irra gahe immoo wantoota kanneen dalaguun itti ulfaata.

Sammuun keenya hoogganaa qaama keenya hundaati. Gaggeessan kun miidhamnaan qaamonni keenya hunduu waan dalagan hinbeekan; gurri waan hindhaga’amne dhagaha, ijji waan hinargine arga, funyaan foolii hinjirre fuunfata, harki waan hintaane qaqqaba, miilli karoora malee deema, onneen dhugaa malee rifatti, sombi hargansuu isaa dabala kana qofa osoo hintaanee, sammuun dhugaa hinjirree itti cichee amana, jiraachuuf uumamnee jiraachuuf sababa dhabna.

Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa jedhutti namni tokko sammuun isaa fayyaadha jedhamuuf; dadhabinaafi cimina ofii addaan baasee yoo beeke, rakkoowwan jireenya keessatti nama muudatan irraa kan dandamatu yoo ta’e, dalagaa isaa karaa sirriifi bu’a qabeessa ta’een kan hojjatuufi hawaasa isaatiif waa gumaachuu yoo danda’eedha.

Dhukkubni sammuu Dhukkuba akkaataa itti yaadan, itti hubatan, sirna dhaga’uu, sirna arguufi haala jireenya namaa kanneen sammuun hogganaman kan jeequufi jijjiirama amalaa kan namatti fiduudha. Jijjiirama amalaa jechuun; hariiroon namoota waliin qabnu jeeqamuu, hojii idilee ofii raawwachuu dadhabuu, baay’ee yaaddahuufi dhiphachuu, amala addaa, ilaalchaafi duudhaa hawaasaatiin wal hinqabannefi wal dhiitu yookaan wal dhabu akkasumas gocha sadarkaa barnoota isaaniitiin hinmadaalle agarsiisuudha.

Bara durii kaasee hawaasni Addunyaa nama dhukkuba sammuu qabuuf yaadaafi ilaalcha gaarii hin qaban. Baay’een namootaa dhukkuba sammuu qabaachuun ballessaa yookiin dadhabina sammuu nama dhibeen qabame sanaati jedhu, garuu ofii isaaniitii immoo carraa dhibee sammuutiin qabamuu akka hinjiretti amanu. Haa ta’uu malee namni sammuu qabu hundi dhibee sammuun qabamuu danda’a. Kana malees ilaalchonni dogoggoraa dhukkubni sammuu; abaarsa Waaqaati, gocha seexanaati, ija-budaa irraa dhufe, tolchaadha, nama irraa namatti darbaafi yaala hinqabu jedhaman lafa qabatanii jiru. Sababoota kanaaf namoota dhukkuba sammuu qaban gara yaala ammayyaatti geessuu irra gara qoricha aadaafi mana amantaatti baay’inaan geessu, ta’us dhukkubni sammuu akkuma dhukkuboota biroo sababa irraa dhufu kan qabuufi yaala ammayyaas ni qaba, yaalamees ni fayya.

Bara durii kaasee ilaalchi hawaasni Addunyaa; dhibee sammuutiif qabu walxaxaafii hubachuuf rakkisaa kan ta’eedha. Biyyoota garagaraa keessa ilaalchi yeroo durii dhibee sammuutiif qabaniifi sababa dhibee sammuuti jedhanii kan himan waan raajiiti.

Giriikii fi Room durii (Ancient Greece and Rome)

“Dhibee sammuu kan namatti fidu hafuura seexanaati jedhu”( Demons or spirit). Herodotus; Namni jedhamu dhaloota kiristoos dura(BC) jaarraa 5ffaa keessa kitaaba isaa “King” jedhamu keessatti dhukkubni sammuu dhibee seexanaati jedhee barreesseera.

Hippocrates; dhibeen sammuu wal madaaluu dhabuu wantoota afur irraa uumama jedha.

Isaanis;

-Dhiiga (blood),

– Liimphii(lymph),

-Hadhooftuu(bile)

-Aakee (phlegm) akka ta’e eeru.

Fkn dhibee gaggabdoo(Epilepsy).

Akka inni jedhutti yaalli dhibee sammuu;

-Boqonnaa(rest)

-Dhiqannaa(bathing)

-Sochii qaamaa(exercise)

-Nyaata madaalamaa (diet) akka ta’etti amanu. (Yaalli armaan olitti eeraman kunniin yeroo ammaas dawaa dhukkuba gaggabdoof kennamu dabalatee akka dabalataatti ni gorfamu).

Akkasumas biyyoonni akka Chaayinaa, Baabilooniifi Misraa dhibeen sammuu dalagaa seexanaati jechuun amanu ture. Kanuma irraa ka’uudhaan namoota dhukkubbii sammuu qaban karaa qorichaatiin ykn bifa ammayyummaan osoo hintaane bifa aadaatiin yaalaa turan. Ammas biyyoota tokko tokko keessatti maluma aadaatiin wal’aanaa jiru. Malli aadaa ittiin dhukkubbii sammuu kana yaalaa turanis “EXORICISM” jedhama.

Karaa biraan mammaaksa armaan gadii fayyadamaa turan.“Maraataan dawaa nama fayyaati” (mentally ill person is a treatment for others) jedhu.

Jaarraa 14ffaa hanga 17ffaa keessa dhibeen sammuu abaarsa Waaqaati jedhanii amanaa turan. Kanaaf namni dhibee sammuu qabu cubbuu akka dalageefi hawaasni adabbii isaa irraa akka baratuufis gorsu.

Kaleessa hawwaasni hubannoo gahaa dhabuu irraa kan ka’e sababoota qabatamaafi yaaliidhaan hindeeggaramne dhiyeessaa turaniiru.

Kaleessa qofa utuu hintaane har’as yaadonni dogoggoraa hedduun dhibee sammuu ilaalchisee hawaasa keessa dagalfatanii jiru.

-Ogeessi yaalaafi wal’aansa sammuu hundi dhibee sammuu ni qabaatu jedhanii amanu.

-Namoonni sammuu dhukkubsatan hunduu hamoo, -soodatamoofi gara-jaboodha jedhu.

-Hin fayyan, dalaguu hindanda’an.

-Ni kijibu, miira dhukkubbiillee hinqaban.

-Waan dalagan akkasumas waan dalagames hinbeekan.

-Qabeenya dhaaltummaan hinfudhatan

-Mirga nama fayyaa wajjiin wal-qixa hinqaban.

-Hojii harka namaati(tolchadha.) Dhayicha seexanaatifi k.k.fa’i jedhu.

Dhibee sammufi Itoophiyaa.

Biyya keenya keessaatti yaalli dhibee sammuu kan eegale bara 1930 A.L.I tti Hospitaala Sammuu addaa Amaanu’eel jedhamu kan magaala Finfinnee keessatti argamuutti. Ergasii kaasee tajaajila wal’aansaa dhukkubsattoota sammuutiif kennuu jalqabe.

Haa ta’uu malee biyya keenyatti utuu hinbeekin ta’ee utuu beekamuu gama mootummaatiin dhimmi dhukkuboota sammuu irratti hawwaasaaf hubannoo kennuufi baajata yaala sammuu babal’isuuf hojiin hojjatamaa jiru gahaa miti.

Gama ministera fayyaa federaalaan ta’ee karaa biiroo fayyaa Oromiyaatiin hubannoo kennuufis ta’ee hospitaala dabalataa ijaaruuf sochiin taasifamee lafa qabate hanga ammaatti hinmul’anne.

Akka biyya keenyaatti qorannaa gaggeeffameen namoota afur keessaa namni tokko dhibee sammuu akka qabutti ibsama. Kun immoo qorannoo biyya Ameerikaatti taasifame waliin wal madaala. Xiyyeeffannoo fayyaa sammuuf kennuu dhabuun biyyoota guddataa jiran keessattuu ardii Afrikaa keessatti beekamaa ta’us akka biyya keenyatti kufaadha jechuun nama dandeessisa.

Hospitaalli Sammuu Addaa Amaanu‟eel bara Haayilee Sillaasee keessa waggaa 84 dura (1930) kan dhaabbate yoo ta’eyyuu, hanga ammaatti tilmaamaan namoota kuma dhibba tokkoof kuma torbaatama hincaalletu dhibee sammuuf itti yaalamee jira(bara 1930-Onkololeessa 2014tti). Kun immoo saamuuda namoota dhibee sammuu qabaniin yaala sammuu hospitaalota garagaraa keessatti kennamaniin dabalatee nama dhibba keessaa tokko qofatu yaala argatee fayyaa jira jechuudha.

Akka Addunyaatti dawaan dhukkuboota sammuuf kan argame jaarraa 19ffaa keessa yoo ta’u, yeroo ammaa akkuma qorichoota dhibee kaanii yeroodhaa yerootti haareeffamuudhaan ni oomishama. Keessattuu biyyoota guddatan keessatti dhukkubni xiyyeefannoo guddaa barbaadu dhibee sammuu akka ta’etti kaasu.

Kana malees biyyoonni Ardii Ameerikaafi Awurooppaa waggaa waggaan baajata fayyaa waliigalaaf bahu hanga dhibbantaa 20tti kennuun akka hojjatanitti ragaan jiru kanmul’isu.

Xiyyeeffannoo dhabuu fayyaa sammuu irraa kan ka’e namoonni dhukkuba sammuu qaban karaa irra gadhiifamuun balaa gurguddaa, balaa tiraafikaa, balaa gudeeddaa, qabeenya barbadeessuu, daa’imman ajjeesuufi hawaasa irratti yaaddoo uumaa jiru.

Keessattuu yeroo baay’ee maatiin akka waan dhibeen kun yaalii hinqabnetti amanuu irraan kan ka’e abdii kutachuudhaan erga daanditti bahanii booda, daandii irra dhaabbatanii namoota hedduu naasiisuudhaan guyyaa guyyaatti balaa konkolaataafi kanneen birootiif saaxilaa oolu.

Kanaafuu; hawaasni hubannoo argachuudhaan namoonni dhibee sammuu qaban utuu balaa hingeessisin mana yaalaa deemanii yaalii gahumsa qabu argachuun gara namummaa isaanii jalqabaatti deebi’uun akka danda’amu namni hundinuu beekuu qaba

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA F ulbaana 14 B ara2 0

Recommended For You